Macaafa Isaayaas Raajichaa 55:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Isin warri dheebottan hundinuu gara bishaanii kottaa! Warri horii hin qabnes kottaa! Midhaan bitadhaatii nyaadhaa, kottaatii utuu horii itti hin baasin daadhii waynii fi aannan bitadhaa*!

2Wanta buddeena hin ta'initti maaliif horii keessan baaftu? Wanta isin hin quufsinettis maaliif dadhabdu? Dubbii koo dhaga'aa, wanta gaarii ta'e in nyaattu, nyaata gaariittis in gammaddu;

3gara koo kottaa! Gurra keessan gara kootti qabaa, akka jiraattaniifis dubbii koo dhaga'aa! Ani kakuu bara baraa isiniif nan gala, innis amanamummaa koo isa dhaabataa isan Daawitin abdachiisee dha*.

4Kunoo! Ani Daawitin sabaaf dhuga-baatuu godheera, inni sabaaf dura-buutuu fi ajajjuu ta'eera.

5Kunoo! Ani Waaqayyo gooftaan inni qulqulluun kan Israa'el kana godheera, ulfina isaa siif kenneera; kanaafis ati saba hin beekne in waamta, sabni si hin beeknes gara keetti in fiiga? jedhe*.[262]

6Yeroo inni argamuu danda'utti Waaqayyoon barbaaddadhaa! Utuu inni dhi'oo jiruus isa waammadhaa*!

7Namni jal'aan karaa isaa isa jal'aa haa dhiisu, namni hamaanis yaada isaa isa hamaa irraa haa deebi'u! Gara Waaqayyo keenyaa isa araarri isaa guddaa ta'eetti haa deebi'u, innis isa in maara*.[263]

8Waaqayyo, ?Yaadni koo akka yaada keessanii, karaan koos akka karaa keessanii miti*;

9akkuma waaqni lafa irraa ol fagaatu, akkasuma karaan koo karaa keessan irraa, yaadni koos yaada keessan irraa in fagaata.[264]

10?Bokkaanii fi cabbiin waaqa keessaa gad roobanii lafa in jiisu; lafichi biqila biqilchee, sanyii, isa facaasuuf, buddeenas, isa nyaatuuf akka kennu in godhu malee, akkasumaan ol hin deebi'an*;

11akkasuma immoo dubbiin afaan koo keessaa ba'u, wanta ani fedhe hojjetee, wanta ani itti erges in raawwata malee, harka duwwaa gara kootti hin deebi'u*.[265]

12?Isin gammachuudhaan iddoo itti booji'amtanii in baatu, nagaadhaanis in geggeeffamtu; tulloonnii fi gaaronni isin duratti in ililchu, mukkeetiin caakkaa hundinuus harka walitti in rurrukutatu*;

13qooda muka qoraattii birbirsi in biqila, qooda kosorruus hadheessi in biqila; kun hundinuu maqaan koo akka ittiin beekamuuf, milikkita bara baraan hin badneefis in ta'a? jedhe*.[266]

ter>