1Waaqayyo, ?Fayyisuun koo harka irratti in dhufa, qajeelummaan koos dafee in mul'ata; firdii sirriitti eegaa, wanta qajeelaas godhaa!
2Namni wanta kana godhu, inni kana jabeessee eegu, inni Sanbata hin xureessine, inni harka isaa wanta hamaa hojjechuuttii dhowwus haa gammadu!? jedhe*.[267]
3Namni ormi gara Waaqayyootti yommuu deebi'u, ?Waaqayyo dhugumaan saba isaattii gargar na baasa? jedhee hin yaadin! Inni xu'aashiinis, ?Kunoo! Ani muka gogaa dha? hin jedhin*!
4Egaa Waaqayyo, ?Xu'aashota Sanbata koo eeganiif, wanta na gammachiisu godhaniif, kakuu koo jabeessanii eeganiifis,
5ani mana qulqullummaa koo keessatti, kellaa isaa keessattis, ijoollee dhiiraa fi durba qabaachuu irra kan caalu, maqaa bara baraan hin badnee fi seenaa isaan ittiin yaadataman nan kennaaf*.
6Warra orma anaaf hojjechuudhaaf, na jaallachuudhaaf, anaaf sagaduudhaafis ana Waaqayyotti maxxanan, warra Sanbata koo utuu hin xureessin eegan, kakuu koottis jabaatan hundumaa immoo,
7ani gara tulluu koo isa qulqullaa'aatti ol nan baasa; mana kadhataa isa kan kootii keessattis isaan nan gammachiisa; manni koo saba hundumaaf mana kadhataa waan jedhamuuf, qalmi gubamuu fi aarsaan isaanii iddoo aarsaa koo irratti isaaniif in fudhatama? jedhe*.
8Waaqayyo gooftaan inni saba Israa'el warra bittimfaman walitti qabu, ?Ani warra amma walitti qabaman kana malees kan biraa dabalee walitti nan qaba? jedha*.[268]
9Waaqayyo, ?Isin warri akka bineensota daggalaa hundinuu, warri akka bineensota caakkaa hundinuus kottaatii jara kana nyaadhaa*!
10Eegdonni isaanii hundinuu jaamota, hundumti isaanii homaa hin beekan; isaan hundinuu akka saroota dutuu hin dandeenyee ti, isaan ciisanii in abjootu, hirribas baay'ee in jaallatu*;
11isaan albaadheyyii akka saroota nyaatanii hin quufnee ti, eegdota waa hubachuu hin dandeenyee dhas; hundumti isaanii adduma addaan waanuma isaanitti tolu in barbaadu, bu'aa oofii isaanii duukaas in bu'u*;
12yommus isaan adduma addaan, ?Kottaa daadhii waynii isiniif nan fida, dhugaatii cimaas hamma machoofnutti in dhugnaa! Boris akkuma har'aa in ta'a, yookiis isa har'aa iyyuu in caala ta'a? waliin in jedhu*.[269]