Macaafa Isaayaas Raajichaa 57:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1?Namni qajeelaan in du'a, namni Waaqayyoof of kennu, wanti hamaan akka isa irra hin geenyeef in fudhatama; namni kana yaadaan qabu immoo hin jiru*.

2Warri gara-qajeelonni ciisanii in boqotu, nagaadhaanis in galu*.[270]

3?Isin yaa ilmaan warra duumessa ilaalanii ayyaana hedanii, sanyii warra ejjituu fi halalee as dhi'aadhaa*!

4Isin eenyutti ga'iftu, eenyutti laagaa bantu? Eenyuttis arraba baaftu? Isin ilmaan irra-daddarbituu fi sanyii sobduu mitii*?

5Isin muka baalli isaa lalisu hundumaa jalatti, waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin ejjuuf, kajeellaan akkuma ibiddaatti isin in gube; laga keessatti, holqa dhagaa keessattis mucoolii keessan isaaniif aarsaa in dhi'eessitu mitii?[271]

6?Dhagoota cuccululuqoo bishaan keessa jiranitti in sagaddu, dhibaayyuu isaaniif in dhi'eessitu, kennaa midhaaniis in geessituuf; egaa ani kanatti nan gammadaa ree?

7Isin tulluu dheeraa fi ol ka'aa irratti waaqayyolii tolfamoo keessanii wajjin in ejjitan, achi irrattis aarsaa in dhi'eessitan;

8cufaa jala, michichila balbalaa duuba milikkita warra saba koo hin ta'inii in kaa'attan; isin ana dhiiftanii siree qullaatti hambiftanii adeemtanii, siree isa bal'aatti ol in baatan; warra isin jaallatanii wajjin waliif in galtan, isaanii wajjinis in ejjitan.

9Moleek Waaqayyo tolfamaadhaaf kennaa dhadhaa ejersaa keessanii dhi'eessuudhaaf, urgooftuu dibataa keessan baay'iftanii dibattanii gara isaa in dhaqxan; waaqayyolii tolfamoo barbaaddachuudhaaf ergamtoota keessan, hamma gara iddoo lafa jalaatti iyyuu in ergitan[272]*;

10isaan barbaaddachuudhaaf karaan yommuu isin dadhabsiise illee, isin, ?Kun abdii hin qabu? hin jenne; humna haaraa waan argattaniif dadhabdanii hin dhiifne*.[273]

11?Akka isin sobdaniif warri akkas isin sodaachisanii, isin naasisan kun eenyufa'i? Isin ana in irraanfattan, waa'ee koos yaadatti hin qabanne; sababii ani yeroo dheeraadhaaf calluma jedheef ana sodaachuu dhiiftanii*?

12Ani hojii keessan isa isin qajeelummaatti lakkaa'attan nan mul'isa; isaan si'achi homaa waa'ee isiniif hin baasan.

13Yommuu isin gargaarsaaf iyyattan, waaqayyoliin keessan warri baay'een mee isin haa oolchan kaa! Hunduma isaanii qilleensi afuufee in fageessa, isaan in balleessas; namni ana amanatu garuu lafa in dhaala, tulluu koo isa qulqullaa'aas qabeenya isaa in godhata? jedhe*.[274]

14Gooftichi, ?Ka'aa karaa tottolchaa, daandiis wal qixxeesaa, saba koo duraa gufuu buqqisaa*!

15Ani inni ol jedhaan, guddaan, bara baraan kanan jiraadhu, maqaan koo qulqulluu kan ta'e, iddoo ol ka'aa fi iddoo qulqullaa'aa nan jiraadha; warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii wajjinis nan ta'a; hafuura warra garaan isaanii cabee fi warra gad deebi'anii nan haaressa*.

16Hafuurri nama ani uumee ana duratti akka hin dadhabnetti, akka inni jiraatuuf hafuurri ani isa keessa kaa'es akka hin mudhuknetti, ani bara baraan hin morkadhu, si'a hundumaas hin dheekkamu*;

17bu'aa gar-malee argachuu isaatiin sababii yakkeef, ani isatti dheekkamee isa nan adabe, aarees fuula koo isa irraa nan deebise; kana keessaa immoo didee karuma ofii isaatii irra in bu'e.[275]

18?Ani karaa isaa argeera, garuu isa nan fayyisa; isa nan geggeessa, deebisees isa nan jajjabeessa*;

19warri rakkatan afaan isaaniitiin akka na galateeffatan nan godha; nagaan warra fagoo jiraniif, nagaan warra dhi'oo jiraniifis haa ta'u! Ani isaan nan fayyisa*.

20Warri jal'oonni garuu akka galaana hunkuramee, boqonnaa dhabuu, akka isa dha'aan isaa dhoqqee jalaa kaasee bishaan boressuu ti? jedha*.

21Waaqayyoon koo, ?Warri jal'oonni nagaa hin qaban? jedha*.[276]

ter>