Macaafa Isaayaas Raajichaa 59:1-21 GAZB1997 - Bible AI
1Kunoo! Harki Waaqayyoo gabaabbateeisin fayyisuu hin dadhabne,gurri isaas duudee iyya keessandhaga'uu hin dhabne*;
2yakki keessan isinii fiWaaqayyo keessan gidduu goreegargar isin in ittise,akka isiniif hin dhageenyettissababii cubbuu keessaniitiifWaaqayyo fuula isaa isin irraa in deebise;
3harka keessan dhiigaan,bar'uu keessanis yakkaan xureessitaniittu;afaan keessaniin soba in dubbattu,arraba keessaniinis micciiramummaa in dhageessiftu*.[281]
4Namni firdii qajeelaadhaan adeemu,namni dhugaadhaan faradustokko illee hin jiru;isin dubbii waa'ee hin baafne in amanattu,sobas in dubbattu;hammina garaa keessa in kaa'attu,jal'inas garaa keessan keessaa in baaftu*.
5Isin akka nama hanqaaquu mar'ataacabsee ilmoo ishee yaasuu ti,akka nama fo'aa sariitii fo'uu tis;namni utuu hin beekinhanqaaquu sana yoo nyaate in du'a,hanqaaquu isa cabu keessaa immooilmoo bofaatu ba'a.
6Fo'aan sariitii isin fo'attanuffata hin ta'u,isuma ofii dhooftan sana iyyuu uffachuu hin dandeessan;hojiin keessan nama rakkisuu duwwaa dha,harkan keessaniin waan hamaa in hojjettu.
7Isin jal'ina hojjechuutti in fiigdu,dhiiga nama yakka hin qabneedhangalaasuuttis in ariifattu;yaadni keessan jal'aa dha,gara itti adeemtanittis hojiin keessandiiguu fi balleessuu duwwaa dha;
8lafa dhaqxanitti nagaa buusuu hin beektan,daandii keessan irras firdiinqajeelaan hin jiru;karaa jal'aa irra in adeemtu,namni yaada keessan duukaa bu'usnagaa hin qabu*.[282]
9Kanaafis jarri,?Firdii qajeelaan nu irraa in fagaate,qajeelummaanis nu bira hin ga'u;nuyi ifa in eegganna,garuu kunoo, dukkanatu dhufa;nuyi ifa guyyaa in abdanna,amma iyyuu garuu dukkana limixiikeessa adeemaa jirra.
10Akka nama jaamaa keenyan qaqqabannee,akka nama ija hin qabneekaraa in barbaaddanna;akka waan dimimmisaa'eettiguyyaa saafaadhaan in gufanna,warra ciccimoo keessattisakka warra du'anii in taane.
11Hundumti keenyaakka amaaketaa in gururiina,gaddinees akka gugee in aadna;firdii qajeelaa in abdanna,inni garuu hin jiru;fayyina in eegganna,inni garuu nuttii fagoo dha*.[283]
13Nuyi irra daddarbineerra,goofticha duratti soba dubbanneerra,Waaqayyo keenya irraas deebineerra;humnaan nama irratti kaaneenama miidhuu in yaadna,dubbii sobaasgaraa keenya keessattiyaadnee in dubbanna.
14Kanaafis qajeelummaanii fifirdii qajeelaa kennuunnu irraa in fageeffame,dhugaan yaa'ii guddaa keessattikaraa irraa in jal'ifamte,gara-qajeelinnisachi keessatti argamuu in dadhabe.
15Dhugaan in dhibame,namni wanta haamaa irraa gorus in saamama? jedhan;Waaqayyo garuufirdiin qajeelaan akka dhabame argee in jibbe*.[284]
16Kana qajeelchuudhaaf kan yaaletokko illee akka hin jirreWaaqayyo yommuu kana arge in dinqisiifate;qajeelummaa isaatti in hirkate,irree isaatiinis mo'icha in argate*;
17inni qajeelummaa akka maddaa sibiilaatti in uffata,fayyinas akka gonfoo sibiilaattimataa irra in kaa'ata;inni ijaa baafachuu akka uffataatti,hinaaffaas akka qolootti in uffata*;
18inni warra isa jibban irrattidheekkamsa in fida,diinota isaatiifis gatii isaanii in kenna;namoonni biyyoota galaana gidduukeessa jiraatanisgatii hojii isaanii in argatu.
19Yommus warri biyyagara lixa-biiftuu jiranmaqaa Waaqayyoof ulfina in kennu,warri biyya gara ba'a-biiftuu jiranisulfina isaa in sodaatu;warri isa jibbanakka bishaan dafee fiiguttiyommuu dhufan,hafuurri Waaqayyoo isaanitti dhufeeisaan in oofa.[285]
20?Inni furu, gara Xiyoon,sanyii Yaaqoob keessaagara warra irra-daddarbaa isaaniittii deebi'aniiin dhufa? jedhe;Waaqayyo kana dubbateera*.
21Waaqayyo, ?Ani isiniif kakadheera; hafuurri koo isin irra in boqota; dubbiin koo inni ani afaan keessan keessa isiniif kaa'e, afaan keessan keessaa, afaan ijoollee keessanii keessaa, afaan ijoollee ijoollee keessanii keessaas hamma bara baraatti hin dhabamu? jedha.[286]