Macaafa Isaayaas Raajichaa 6:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Bara Uziyaan mootichi du'e, gooftichi teessoo dheeraa fi ol ka'aa irra taa'ee andaarri uffata isaas mana qulqullummaa guutee nan arge*;

2Suraafel isa gara irraadhaan in dhaabatan; tokkon tokkon isaanii qoochoo ja'a ja'a qabu turan; qoochoo lama lamaan fuula isaanii, qoochoo lama lamaan miilla isaanii in golboobbatu, qoochoo lama lamaan immoo in balali'u turan*;

3walitti lallabaniis, ?Qulqulluu! Qulqulluu! Qulqulluu dha Waaqayyo gooftaan maccaa; guutummaan lafaas ulfina isaatiin guutuu dha? in jedhu turan*.[31]

4Sagalee walitti lallabuu isaanii irraa kan ka'es hundeen buusaa balbalaa in socho'e; aarris manicha qulqullummaa keessa in guute*.

5Yommus ani, ?Wayyoo kaa! Ani nama arrabni isaa xuraa'e, namoota arrabni isaanii xuraa'e gidduus kanan jiraadhu waanan ta'eef, iji koos Waaqayyoon mootii maccaa waan argeef nan bade!? jedhee nan iyye*.[32]

6Kana irratti Suraafelli warra achi dhaabatan keessaa tokko, barbadaa ibiddaa isa qabduudhaan iddoo aarsaatii fuudhe harkatti qabatee gara kootti in balali'e;

7barbadichas afaan kootti buusee, ?Kunoo, kun afaan keetti waan bu'eef, yakki kee si irraa fuudhameera, cubbuun kees siif dhiifameera? naan jedhe*.[33]

8Yommus sagalee Waaqayyoo isa, ?Eenyunan erga? Eenyutus ergaa nuuf dhaqa?? jedhu nan dhaga'e; achumaan ani immoo, ?Kunoo, ani jira, ana ergi!? nan jedhe.

9Kanaaf inni,

9?Gara saba kanaa dhaqiitii, ?Dhaga'uu in dhageessa, garuu hin hubattu; ilaaluu in ilaalta, garuu hin argitu!? jedhiin!

10Itti fufees immoo, akka hin arginetti, gurra isaatiin akka hin dhageenyetti, yaada garaa isaatiinis akka hin hubannetti, gara koottis akka hin deebinetti, akka hin fayyifamnettis, yaada garaa saba kanaa hadoodchi, gurra isaa cuqqaali, ija isaas dununfachiisi!? jedhe*.[34]

11Yommus ani, ?Yaa gooftaa, kun hamma yoomiitti?? jedhee nan gaafadhe; inni immoo deebisee, ?Hamma mandaroonni onanii namni keessa jiraatu dhibutti, hamma namni keessaa dhibee manni duwwaa ta'utti, hamma maasiin duudee badutti,

12hamma ani Waaqayyo namoota hundumaa biyyaa baasee biyya fagootti ergee lafti raawwatee onaa ta'utti;

13biyyicha keessatti nama kudhan keessaa namni tokko yoo hafe iyyuu, innis immoo in balleeffama; garuu akkuma qilxuu guddaan yommuu muramu gufuun isaa lafa keessatti hafu akkasuma sanyii qulqullaa'aan biyyicha keessatti in hafa? jedhe.

er>