Macaafa Isaayaas Raajichaa 62:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Qajeelummaan ishee akka biiftuu ganamaa hamma ol ba'utti, fayyinni ishees akka guca bobba'utti hamma ibsutti, ani waa'ee Xiyooniif calluma hin jedhu, waa'ee Yerusaalemiif hin boqodhu*.

2Sabni lafa irraa qajeelummaa kee, mootonni hundinuus ulfina kee in argu; maqaa haaraa isa Waaqayyo ofii isaatii siif kenneen in waamamta*;

3ati akka gonfoo miidhaginaa fi akka marata mootiin mataatti maratuutti harka Waaqayyo gooftaa keetii keessatti in eegamta;

4Ati si'achi, ?Ishee gad dhiifamte? hin jedhamtu, ati, ?Ishee ani jaalladhu? biyyi kees, ?Ishee abbaa manaa qabdu? in jedhamti; Waaqayyo si jaallata'o, biyyi kees abbaa manaa in argatti*.

5Akkuma dargaggeessi durba fuudhu, akkasuma ilmaan kee si fudhatanii qabeenya isaanii si in godhatu; akkuma dhirsi misirroo misirroo isaatti gammadu, akkasuma Waaqayyo kees sitti in gammada.[297]

6Yaa Yerusaalem, ani kelloota mandara kee irra eegdota kaa'eera, isaan halkanii fi guyyaa calluma hin jedhan; isin warri waa'ee Yerusaalem Waaqayyo duratti dhi'eessitan hin boqotinaa*!

7Hamma Waaqayyo Yerusaalemin deebisee jabeessee dhaabutti, hamma inni akka isheen biyya lafaa irratti jajamtu godhutti, boqonnaa isaaf hin kenninaa!

8Waaqayyo irree isaa mirgaa isa cimaa ol kaasee, ?Si'achi diinni kee midhaan kee akka nyaatu hin godhu, daadhii waynii kee isa ati itti dadhabde hojjettes ormi akka dhugu hin godhu*;

9isin warri midhaanicha sassaabdanii galchitan garuu midhaanicha nyaattanii Waaqayyoon in galateeffattu; warri ija waynii funaantanii manatti galchitanis oobdii mana qulqullummaa koo keessatti daadhii waynii in dhugdu? jedhee kakateera*.[298]

10Kellaa mandaraa keessa ba'aa, gad ba'aatii sabaaf karaa qopheessaa! Ka'aa, ka'aatii karaa guddaa tolchaa, dhagaa karaa keessaa fufuudhaa, saba lafa irraatiif faajjii ol fuudhaa*!

11Waaqayyo kunoo, intala Xiyooniin, ?Ilaa! Fayyisaan kee in dhufa, gatiin inni namaaf kennu isa harka jira, miindaa isaas of duraa qaba? jedhee, hamma andaara lafaatti in labse*.

12Yommus sabni isaa, ?Saba qulqullaa'aa, isa Waaqayyo fure? in jedhama; yaa Yerusaalem ati immoo, ?Mandara ishee barbaadamte, ishee hin gatamne? jedhamtee in waamamta.[299]

ter>