Macaafa Isaayaas Raajichaa 63:1-19 GAZB1997 - Bible AI

1Inni uffata dhiiga cuuphame uffatee biyya Edoom keessaa mandara Bozraatii as ba'u kun eenyu? Inni uffata miidhagaa uffatee as dhufaa jiru, inni humna isaa isa guddaadhaan as ba'aa jiru kunis eenyu? ?Ana, inni qajeelummaadhaan dubbatu, ana, inni fayyisuudhaaf aangoo qabu*!?

2Wayyaan kee maaliif diimate ree, uffanni kee maaliif uffata nama waynii cuunfuu fakkaate ree*?[300]

3Gooftichi immoo, ?Ani kophaa koo waynii cuunfeera, saba keessaas namni tokko illee anaa wajjin hin turre; ani dheekkamee isaan irra nan ejjedhe, aarees isaan nan dhidhiite; dhiigni isaanii uffata kootti in faffaca'e, uffata koo hundumaas in xureesse*.

4Guyyaan itti ijaa baasu murtoo godheera, barri ani itti isaan furus dhi'aateera*.

5Ani asii fi achi ilaalee, nama na gargaaru tokko illee yommuun dhabe nan dinqisiifadhe; garuu aaree harka dheekkamsa koo yommuun ol fudhadhe, mo'icha nan argadhe;

6ani dheekkamsa kootiin saba irra nan ejjedhe, aarii kootiinis isaan nan macheesse, dhiiga isaaniis lafatti nan dhangalaase? in jedha.[301]

7Ani araara Waaqayyo godhe nan hima, gochaa isaa isa galateeffamaas nan odeessa; wanta Waaqayyo nuuf godhe hundumaaf, gaarummaa isaa isa guddaa isa inni saba Israa'el argisiiseef, wanta inni akka oo'a isaa fi akka arjummaa isaatti isaaniif godheefis, isa nan galateeffadha*.

8Inni isaaniin, ?Isaan dhugumaan saba koo ti, ilmaan ana hin sobnee dha? jedhee ture; kanaaf inni fayyisaa isaaniif ta'e;

9yeroo isaan dhiphatan hundumaatti innis in dhiphate, ergamaan isaa inni isa bira jiru isaan in oolche; Waaqayyo ofii isaatii jaalala isaatii fi oo'a isaatiin isaan in fure; inni durii duriitii jalqabee yeroo hundaa ol fuudhee isaan in baate*;

10isaan garuu didanii hafuura isaa isa qulqulluu in gaddisiisan; kanaaf inni immoo gara galee diina isaanitti ta'ee isaan in lole*.[302]

11Isaan bara darbe, bara Musee garbicha isaa yommuu yaadatan, ?Inni geggeessitootaa wajjin sabni isaa galaana keessa akka ce'an godhe, inni hafuura isaa isa qulqulluu isaan keessa kaa'e meerree*?

12Inni irree isaa isa ulfina-qabeessaan Musee gargaare, inni ulfinni maqaa isaa bara baraan akka beekamu gochuudhaaf galaana gargar isaaniif hire eenyu*?

13Inni akka farda gufannaa malee lafa onaa keessa adeemutti, galaana gad fagoo keessa akka isaan ce'an godhe eenyu?

14Akka saawwan dachaatti gad bu'anii boqotanii, akkasuma hafuurri Waaqayyoo boqonnaa isaaniif akka kennu kan godhe eenyu?? in jedhan; ulfinni maqaa kee akka beekamuuf ati saba kee akkasitti geggeessaa turte.[303]

15Yaa Waaqayyo, waaqa irraa gad ilaali, iddoo kee isa qulqullaa'aa fi ulfina-qabeessa keessaas nu mil'adhu! Hinaaffaan kee fi aangoon kee meerree, gara-laafummaa kee fi oo'a kee nu dhowwatte moo*?

16Yaa Waaqayyo, ati abbaa keenya; Abrahaam nu hin beeku yoo ta'e iyyuu, Yaaqoobis nu hin yaadatu yoo ta'e iyyuu, ati garuu abbaa keenya, furii keenya, maqaan kees kan bara baraa ti*.

17Yaa Waaqayyo! Maaliif karaa kee irraa nu kaachifta? Nuyi akka si hin sodaannettis maaliif garaa keenya jabeessita? Garboota keetii fi gosa warra dhuunfaa kee ta'aniif jedhii deebi'i*!

18Sabni kee inni qulqulluun yeroo gabaabaa duwwaadhaaf iddoo kee isa qulqulluu dhaala godhatee ture; amma garuu diinonni kee iddoo kee isa qulqulluu miillaan in dhidhiitan*;

19nuyi akka warra ati takkaa mootii isaanii taatee hin beeknee in taane, warra dur maqaa keetiin waamamanii hin beeknes in fakkaanne.[304]

ter>