1Tulloonni si sodaatanii akka raafamanitti, maaloo bantiiwwan waaqaa tarsaaftee utuu gad buutee!
2Akkuma namni hanxaxiidhaan ibidda qabsiisee, ibidda ho'aadhaan bishaan danfisuutti, akkasuma sabni lafa irraa si duratti akka rom'aniif, gad bu'ii diinota keetti maqaa kee beeksisi!
3Ati yommuu gad buute, tulloonnis si sodaatanii si duratti in raafaman; wanta nuyi hin yaadin, isa nama sodaachisu sana in hojjette*;
4kan akka kee warra isa abdataniif waa raawwatu Waaqayyo kan biraa tokko illee hin jiru; durii duriitii jalqabee dhaga'amee, argamees hin beeku*.
5Ati gara nama isa hojii qajeelaa hojjechuutti gammaduu fi gara nama isa karaa kee yaadatuu in dhufta. Kunoo! Nuyi waan cubbuu hojjenneef ati nutti in dheekkamte; nuyi cubbuu keessa bara dheeraa yoo turre iyyuu amma immoo in fayyina;
6nuyi hundumti keenya garuu akka wanta xuraa'aa taane, qajeelummaan keenya hundinuus akka moofaa xuraa'ummaa in ta'e; nuyi hundumti keenya akka baalaa in coollagne, yakki keenyas akka qilleensaa nu fudhatee in adeeme.
7Namni maqaa kee waammatu tokko illee hin jiru, namni ofii isaatiin ka'ee gara keetti deebi'uu yaalus hin jiru; ati fuula kee nu irraa in deebifte, yakka keenyattis dabarsitee nu in kennite.[305]
8Yaa Waaqayyo! Ati abbaa keenya; nuyi garuu suphee dha; ati immoo akka nama suphee dha'uutti harka keetiin nu tolchite; nuyi hundumti keenya hojii harka keetii ti*.
9Yaa Waaqayyo, maaloo nuyi saba kee ta'uu keenya yaadadhu! Gara keenya ilaali malee, baay'iftee nutti hin aarin; bara baraanis yakka keenya nutti hin yaadatin!
10Mandaroonni kee warri qulqullaa'oonni duwwaa in ta'an, Xiyoon lafa onaa in taate, Yerusaalem in diigamte*.
11Manni qulqullummaa keenya inni ulfina-qabeessi, inni abboonni keenya keessatti si galateeffachaa turan ibiddaan in gubame, wanti nu gammachiisu hundinuus in diigame*.
12Yaa Waaqayyo! Wanti akkasii kun yommuu nu irra ga'u calluma jettee dhiiftaa? Calluma jettees adaba guddaadhaan nu dhiphiftaa?[306]