Macaafa Isaayaas Raajichaa 65:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Ani warra ana hin iyyaafatinitti nan mul'adhe, warra ana hin barbaadinittis nan argame; saba maqaa koo hin waammatiniin, ?Ani asan jira, ani asan jira? nan jedhe*.

2Ani guyyaa hundumaa harka koo gara saba didee ka'eetti, gara isa karaa hin taane irra adeemuutti, gara isa akeeka ofii isaatii irra bu'eettis nan bal'ise*.

3Sabni kun wanta yeroo hundumaa fuula koo duratti hojjetaniin ana in aarsu; iddoo dhaabaa keessatti aarsaa qalmaa in dhi'eessu, xuuphii irrattis ixaana in aarsu*.

4Isaan awwaala gidduu in taa'u, halkanis iddoo dhokataa keessa in bulu; foon boyyee in nyaatu, bishaan foon isa qalma Waaqayyo tolfamaaf dhi'aatus xuwwee isaanii keessa jira*.

5Isaan nama yommuu argan, nuyi qullaa'oo waan taaneef, ?Achuma ijaajji malee, nutti hin dhi'aatin!? in jedhu; warri akkasii akka aara ibidda yeroo hundumaa boba'uu, dheekkamsi koo akka boba'u in godhu.[307]

6?Kunoo! Gatiin yakka isaanii caafamee na dura jira, ani Waaqayyo guutummaatti hamma hojii isaanii isaaniif nan kenna malee, calluma hin jedhu; eyyee, akka hojii isaaniitti mataa isaaniitti nan deebisa.

7Isaan tulloota irratti ixaana waan aarsaniif, gaarota irrattis waan na arrabsaniif, gatii yakka isaanii fi gatii yakka abboota isaanii, gatii hojii isaanii isa duriis matuma isaaniitti nan deebisa? jedha.

8Waaqayyo ammas dubbatee, ?Akkuma namoonni ija waynii damee muka wayniitti jiru sababii inni dhama of keessaa qabuuf hin ganne, anis garbicha kootiif jedhee akkasuma nan godha malee, hunduma isaanii hin balleessu*.

9Sanyii Yaaqoob gosa Yihudaa keessaa nama tokko nan kaasa, innis tulloota koo in dhaala; warri ani fo'adhe iddoo kana in fudhatu, garboonni koos achi keessa in jiraatu*.

10Saba koo warra na barbaaddataniif Shaaron iddoo hoolota itti yaafatan, dachaan Aakoris iddoo saawwan dheechifatan in ta'a*.

11Isin warra ana Waaqayyoon dhiiftanii, tulluu koo isa qulqullaa'aa irraanfattanii, ?Gaad? waaqayyolii milkii fi, ?Maanii? Waaqayyittii Ateeteef maaddii qopheessitanii, dhibaayyuufis daadhii waynii qodaatti in guuttaniif.

12Kanaaf ani billaatti dabarsee isin nan kenna, isin hundumti keessan kukkuftanii in gorra'amtu; isin wanta ana duratti hamaa ta'e hojjettan, wanta ana hin gammachiifnes gootan malee, yommuun isin waame na jalaa hin oowwaanne, yommuun dubbadhes isin anaaf hin dhageenye? jedhe*.[308]

13Kanaafis Waaqayyo gooftaan, ?Kunoo! Garboonni koo in nyaatu, isin garuu in beeloftu. Kunoo! Garboonni koo in dhugu, isin garuu in dheebottu. Kunoo! Garboonni koo in gammadu, isin garuu in yeellaasifamtu.

14Kunoo! Garboonni koo garaa isaaniitti gammadanii in faarfatu, isin garuu garaan keessan waan gadduuf, hafuurri keessanis waan cabeef in wawwaattu.

15Warri ani fo'adhe maqaa keessan ittiin wal abaaruuf in godhatu; kanaafis ani Waaqayyo gooftaan isin nan fixa, garboota koos maqaa haaraadhaan nan waama*.

16Dhiphinni inni durii irraanfatamee ija koo duraa waan dhokateef, namni biyyicha keessatti of eebbisu, ana Waaqayyo isa dhuga-qabeessaan of haa eebbisu! Namni biyyicha keessatti kakatu, ana Waaqayyo isa dhuga-qabeessaan haa kakatu!? jedhe*.[309]

17Waaqayyo, ?Kunoo! Ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma; wanti dur ta'e hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu*.

18Kunoo! Ani Yerusaalemin mandara nama gammachiiftu, saba ishees warra gammadan waanan godhuuf, isin wanta ani uumutti bara baraan gammadaa, ililchaas!

19Yommus ani mandara Yerusaalemitti saba koottis nan gammada; sagaleen boo'ichaa fi sagaleen iyyaa si'achi ishee keessatti hin dhaga'amu*.[310]

20?Achi keessatti mucummaatti du'uun hin jiru; namni dulloomee utuu bara hin quufin du'u achi keessatti hin argamu; namni waggaa dhibba jiraatee du'u iyyuu akka waan dargagummaatti du'eetti in ilaalama; namni waggaa dhibba utuu hin ga'in du'u immoo akka nama abaarameetti in ilaalama*.

21Isaan mana ijaarratanii keessa in jiraatu, muka wayniis dhaabbatanii ija isaa in nyaatu*.

22Si'achi mana isaan ijaarratanitti namni kan biraa hin galu, muka waynii isaan dhaabbatanis ija isaa namni kan biraa hin nyaatu; sabni koo akka muka gaattiraa bara dheeraa in jiraatu, warri ani fo'adhes isa harka isaaniitiin itti dadhabanii hojjetan in nyaatu*.

23Isaan si'achi akkasumaan dadhabanii hin hojjetan, ijoolleen isaaniis dingata du'uuf hin dhalatan; isaan ijoollee isaanii wajjin sanyii warra Waaqayyo eebbisee ta'anii in jiraatu.

24Yommus utuu isaan ana hin kadhatin nan deebisaaf; utuma isaan anatti himatanii hin fixinis nan dhaga'aaf*.

25Yommus yeeyyii fi ilmoon hoolaa walii wajjin in sooratu, leencis akka sangaa cidii in nyaata; bofni garuu awwaaruma ishee in nyaatti; isaan kun hundinuu tulloota koo warra qulqullaa'oo hundumaa irratti waan hamaa hin godhan, si'achis waan tokko illee hin balleessan? jedhee dubbateera*.[311]

ter>