2Kana hundumaa harka kootu hojjete,wanti kun hundinuusakkasuma in ta'an;ani gara isa gad deebi'aa fiisa hafuura cabaa,gara isa yommuun itti dubbadhu hollatuu nan ilaala*.[312]
3?Namni korma qaleeaarsaa anaaf dhi'eessu,akka waan nama ajjeesee ti;namni hoolaa qaleeaarsaa anaaf dhi'eessu,akka waan saggoo saree kutee ti;namni kennaa midhaaniiaarsaa anaaf dhi'eessu,akka nama dhiiga boyyeeanaaf dhi'eessuu ti;namni aarsaa ixaanaa dhi'eessu,akka nama waaqayyoliitolfamoo waaqessuu ti;warri akkas godhan karaa oofii isaanii in fo'atu,hojii oofii isaanii isa ciiggaasisaatti in gammadu*.
4Yommuun isaan waameisaan ana jalaa waan hin oowwaatiniif,yommuun isaanitti dubbadhesisaan waan anaaf hin dhaga'iniif,ani isaan adabuu nan barbaada,naasuus isaanitti nan fida;isaan ana duratti hamaa in hojjetan,wanta ani jibbusin fo'atan? jedhe*.[313]
11Isin harma ishee isa nama jajjabeessuhootanii in quuftu,guutummaa ulfina ishee irraaswaraabbattanii itti in gammaddu.[315]
12Waaqayyo, ?Kunoo! Ani nagaaakka yaa'aa bishaanii ishee keessa nan yaasa,badhaadhummaa saba lafa irraasakka burqaa bishaaniiishee keessa nan lolaasa;isin akka aannaniitti isa in dhugdu,akka mucaatti kaasuu ishee irratti in baatamtu,gudeeda ishee irrattis in ururfamtu*.
13Haati mucaa ishee akkuma urursitu,anis akkasuma isin nan urursa;Yerusaalem keessattijajjabina in argattu*.
14Isin kana yommuu argitan in gammaddu,akka margaas in laliftu;irreen ana Waaqayyoo,garboota koo biratti in beekama;diinonni koo garuu dheekkamsa koo in argu? jedha.[316]
15Kunoo! Waaqayyo ibiddaan in dhufa,konkolaataan isaas akka bubbee ti;inni aarii dheekkamsaatiin,bobaa ibiddaatiinis in ifata*.
16Waaqayyo ibiddaa fi billaa isaatiinnama hundumaatti in farada,namoota baay'ees in fixa*.[317]
17Waaqayyo, ?Warri iddoo dhaabaatti Waaqayyittii tolfamtuu ishee achi keessa jirtuuf hojjechuudhaaf of qopheessanii fi of qulleessan hundinuu, warri foon boyyee nyaatan, warri foon hantuutaa nyaatan, warri wanta ciiggaasisaa nyaatan hundinuus walii wajjin in dhumu*.
18Ani hojii isaanii fi yaada isaanii beeka; kanaafis dhufee saba afaan garaa garaa dubbatan hundumaa walitti nan qaba; isaanis dhufanii ulfina koo in argu.
19Ani isaan gidduu milikkita nan dhaaba; warra isaan keessaa baqatanii oolanis gara saba Tarshiish, gara saba Fux, gara saba Lud, gara saba Meshek, gara saba Tubaalii fi Yaawaanitti, gara saba biyya galaana gidduu jiran warra fagootti, gara warra maqaa koo hin dhaga'in, ulfina koos hin argin jiraniitti nan erga; isaan saba lafa irraa gidduutti ulfina koo in himu.
20Isaan akka nama anaaf aarsaa dhi'eessuutti saba lafa irraa hundumaa keessaa obboloota keessan fardaan, konkolaataadhaan, konkolaataa mi'a baatuun, gaangoodhaan, gaalaanis gara tulluu koo isa qulqullaa'aatti gara Yerusaalemitti in fidu; akkuma ijoolleen Israa'el kennaa midhaanii qodaa qulqullaa'aatti mana qulqullummaa kootti dhi'eessan, isaanis akkasuma obboloota keessan in dhi'eessu*.
21Ani immoo isaan keessaa gar tokko lubootaa fi Lewwoota akka ta'aniif nan fo'adha.[318]
22?Akkuma bantiiwwan waaqaa haaraanii fi lafti haaraan warri ani uumu ana dura jiraatan, akkasuma sanyiin keessanii fi maqaan keessan fuula koo dura in jiraata*.
23Ayyaana baatii ji'a hundumaatti, Sanbata hundumaattis nama kan ta'e hundinuu ana duratti sagaduudhaaf in dhufa*.
24Kana booddees gad ba'anii reeffa warra na yakkanii in argu; raammoon isaan nyaatu hin du'u, ibiddi isaan gubus hin dhaamu; isaan nama kan ta'e hundumaa duratti jibbisiisoo in ta'u? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera*.[319]