1Bara Ahaaz ilmi Yotaam Uziyaa mootii Yihudaa turetti, Resiin mootiin Sooriyaa fi Pheqaan ilmi Remaaliyaa mootiin Israa'el, Yerusaalemin loluudhaaf itti in duulan; garuu mandarattii qabachuu hin dandeenye*;
2warri Sooriyaa fi warri Efreem akka walii galan Ahaaz mootiin Yihudaa yommuu dhaga'e, garaan mootichaa fi garaan saba isaatii akkuma muka caakkaa keessaa qilleensi raasutti in raafame.
3Waaqayyo yommus Isaayaasiin, ?Ilma kee She'aariyaashubii wajjin gara dhuma faaggaa kuufama bishaanii isa gara olii karaa maasii namicha uffata miicuu Ahaazin simachuudhaaf itti adeemi!
4Isatti dubbadhuu, ?Calluma jedhi malee, isa Resiinii fi namoonni isaa, ilmi Remaaliyaas dheekkamanii banbanan hin sodaatin! Isaan gufuuwwan aaranii seeqan waan ta'aniif, garaan kee akka hin raafamnetti of eeggadhu!? jedhi*!
5Warri Sooriyaa fi warri Efreem ilma Remaaliyaa wajjin sitti koratanii,
6?Kottaa dhaqnee biyya Yihudaa qabannee rakkifnee in hirmaanna! Ilma Xaabe'elis isa irratti in moosifna? in jedhu.
7
8
9
10Ammas Waaqayyo Ahaazitti in dubbate;
11inni, ?Baay'ee gad fagoo yookiis baay'ee ol fagoo iyyuu yoo ta'e, ana Waaqayyo gooftaa kee biraa milikkita kadhadhu!? jedhe*.
12Ahaaz immoo deebisee, ?Ani hin gaafadhu, Waaqayyoonis hin qoru? jedhe.
13Yommus Isaayaas, ?Yaa sanyii Daawit, mee dhaga'aa! Inni isin nama dadhabsiiftan isinitti xinnaannaan Waaqayyo koos immoo dadhabsiiftuu ree?
14Kanaafis Waaqayyo ofii isaatii milikkita isiniif in kenna; kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas ?Amaanu'el? jettee in moggaafti; [?Amaanu'el? jechuunis ?Waaqayyo nuu wajjin jira? jechuu dha*].
15Inni isa hamaa jibbuu, isa gaariis fo'achuu hamma barutti itittuudhaa fi damma in nyaata;
16yaa Ahaaz, mucichi hamaa jibbuu, gaariis fo'achuu utuu hin barin, biyyattiin mootonni ishee lamaan si sodaachisan sun in onti*;
17mootii Asor sitti kaasuudhaan, Waaqayyo, erga Efreem Yihudaatii gargar cabdee jalqabee wanta ta'e hin beekne si irratti, saba kee irratti, mana abbaa kee irrattis in fida? jedhe*.
18Waaqayyo yommus titiisa qarqara laga Gibxii fi kanniisa biyya Asor siiquudhaan si irratti in waama*;
19hundumti isaaniis dhufanii dachaa lafaa keessa, holqa dhagaa keessa, huuxxii qoraatii hundumaa keessa, iddoo horiin bishaan dhugdu hundumaa keessas in qubatu;
20yommus gooftichi qarabaa isa laga Efraaxiis gamaa mootii Asor irraa dugda bitateen rifeensa mataa, rifeensa garaa, areedas in haada*.
21Bara sana namni tokko goromsa tokkoo fi bushaayee lama in qabaata;
22isaan aannan baay'ee waan qabaniif, namichi itittuu in nyaata; warri biyyatti hafan hundinuus itittuu fi damma in nyaatu.
23Yommus iddoo mukkeetiin waynii kumatti lakkaa'aman, gatiin isaaniis meetii kumatti lakkaa'amu turan qoraattii fi kosorruun in dhaala;
24biyyichi qoraattiidhaa fi kosorruudhaan waan guutuuf, namni achi adeemu xiyyaa fi iddaa qabatee dhaquutu irra jira;
25gaarota warra dur gasoodhaan soqamaa turan hundumaa qoraattii isaaniitii fi kosorruu isaaniitiif namni keessa ba'uu waan hin dandeenyeef, lafa saawwanii fi hoolota itti yaasanii dhidhiichisan in ta'u.