Macaafa Isaayaas Raajichaa 8:1-22 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Waaqayyo, ?Gabatee guddaa tokko fuudhii isa irratti caaffata beekamaadhaan, ?Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!? jedhii caafi!? jedhee anatti in dubbate*.

2Ani immoo dhuga-baatota amanamoota lama, Uriiyaa lubichaa fi Zakaariyaas ilma Yebarekiyaa nan waammadhe*;

3kana booddees raajittii bira nan ga'e; isheen immoo ulfooftee ilma in deesse; ammas Waaqayyo, ?Maqaa mucichaa, ?Dafii booji'i! Ariifadhuu saami!? jedhii moggaasi!? jedhee anatti in dubbate.

4Mucichi, ?Abbaye! Harmee!? jechuu utuu hin barin, badhaadhummaan Damaasqoo fi boojuun Samaariyaa fuudhamee gara mootii Asoritti in geeffama*.[40]

5Ergasiis Waaqayyo anatti in dubbate;

6inni, ?Sabni kun bishaan Silo'aam isa qalbiidhaan yaa'u tuffatee, Resiinii fi ilma Remaaliyaa warra isa sodaachisanitti waan gammadeef,

7kanaaf kunoo, gooftichi, mootii Asorii fi ulfina isaa hundumaa warra bishaan laga Efraaxiis isa humna-qabeessaa fi isa baay'eetti fakkeeffaman isaan irra in yaasa; isaan akka bishaan guutee manii isaa irra danbali'ee qarqara isaa irra dhangala'uu ti;

8isaan akka bishaaniitti Yihudaa irra dhangala'anii hamma morma ga'uttis guutanii isa in haru; kara karaas cabsatanii guutummaa biyya kee keessa in yaa'u yaa Amaanu'el!? jedhe*.[41]

9Isin yaa saba lafa irraa, iyya waraanaa dhageessisaa! Garuu in caccabdu, isin warri biyya fagoo jirtan hundinuus, mee dhaggeeffadhaa! Lolaaf hidhadhaa qophaa'aa! Hidhadhaa qophaa'aa, garuu in caccabdu*!

10Waaqayyo nuu wajjin waan jiruuf, akeeki isin qopheeffattan fiixaan isiniif hin ba'u; dubbiin isin dubbattanis isiniif hin raawwatamu*.[42]

11Waaqayyo harka isaa isa jabaadhaan na qabee anatti dubbatee, karaa sabni kun irra adeemu irra akkan hin adeemne na gorsee,

12?Wanta sabni kun ?Hamaa korachuu dha? jedhu hundumaa, atis, ?Hamaa korachuu dha? hin jedhin! Wanta inni sodaatu hin sodaatin! Wanti isa naasisus si hin naasisin!

13Ani Waaqayyo gooftaan maccaa duwwaan qulqulluu akkan ta'e beeki! Ana duwwaa sodaadhu! Ana malees homtuu si hin naasisin*!

14Warra akkasiif ani mana qulqullummaa nan ta'a; mootummaa Efreemii fi mootummaa Yihudaatti garuu, dhagaa nama gufachiisuu fi kattaa nama kuffisu nan ta'a; warra Yerusaalem keessa jiraatanittis kiyyoo fi futtaasaa nan ta'a;

15isaan keessaas baay'een isaanii futtaasaa sanaan in gufatu, innis qabee isaan in cabsa? naan jedhe*.[43]

16Ani dubbii dhugaa kana walitti nan qaba, fuula bartoota koo durattis abboommii kanatti mallattoo nan godha*;

17Waaqayyoon isa fuula isaa mana Yaaqoob duraa dhokse nan abdadha, isas nan eeggadha.[44]

18Kunoo, anii fi ijoolleen koo warri Waaqayyo anaaf kenne Israa'el keessatti milikkitaa fi dinqii Waaqayyo gooftaa maccaa isa tulluu Xiyoon irra jiraatu in taana*.[45]

19Yommuu isaan, ?Warra ekeraa dubbisan, warra qaalluu, warra hasaasanii fi warra guunguman gaafadhaa!? isiniin jedhan, isin immoo, ?Sabni maaliif Waaqayyoon gaafachuu dhiisee waa'ee warra jiranii warra du'an gaafata?? jedhaa*!

20Warra akka abboommii kanaa fi akka dhugaa kanaatti hin dubbanneef lafti hin bari'u;

21yommus isaan rakkatanii, beela'aniis biyya keessa asii fi achi in jooru; beela irraa kan ka'es aaranii finiinanii ol ilaalanii mootii isaanii fi Waaqayyo isaanii in abaaru.

22Gara lafaas yommuu ilaalan, kunoo, dimimmisa, dhiphinaa fi dukkana nama sodaachisu in argu; isa keessattis in darbatamu*.[46]

er>