2Sabni dukkana keessa jiraatu ifa guddaa isaa in arga, warra gaadidduu du'aa jala jiraataniifis ifni in ba'a*;
3ati saba baay'iftee gammachuu isaaniis guddifteetta, isaan akka nama midhaan makarutti, si duratti in gammadu; akka warra boojuu hirmatuttis sagalee gammachuu in dhageessisu.
4Bara warra Miidiyaanitti akkuma goote, ammas waanjoo ulfaataa dhaa fi loloosoo isaa gatiittii isaanii irraa in caccabsita, ulee warra isaan cunqursaniis in hurreessita*;
5kopheen warri loltuu yeroo lolaatti ittiin lafa dhidhiitan hundinuu, qoloon dhiiga keessa gangalfame hundinuus ibiddaaf in ta'a; ibiddis isaan in fixa.
6Mucaan nuuf dhalateera, ilmis nuuf kennameera; humni mootummaa isaa gatiittii isaa irra jira; maqaan isaa, ?Gorsaa, dinqii, Waaqayyo-jabaa, abbaa bara baraa, angafa nagaa? in jedhama*.
7Guddinni mootummaa isaatii fi guddinni nagaa isaatii dhuma hin qabu; inni teessoo Daawitii fi mootummaa isaa irratti in mo'a, isa in ijaaras; firdiidhaa fi qajeelummaadhaan ammaa hamma bara baraatti isa in eega, hinaaffaan Waaqayyo gooftaa maccaa kana in godha*.[47]
8Dubbiin firdii inni Waaqayyo Yaaqoobitti erge, Israa'el irra in bu'e;
9namoonni Efreemii fi warri mandara Samaariyaa keessa jiraatan, of bokoksuudhaaf of gurguddisuudhaan akka dubbatan sabni hundinuu in beeka;
10namoonni Efreemii fi Samaariyaa kun, ?Xuuphiin inni ijaarame in jige, nuyi immoo iddoo isaatti dhagaa soofamaadhaan in ijaarra; harbuun in murame, nuyi immoo iddoo isaa muka gaattiraa in dhaabna? in jedhu.
11Waaqayyo garuu diinota Resiin isaan irratti in kaase, diinota isaaniis isaanitti in tuqe;
12warri Sooriyaa karaa ba'a-biiftuu, warri Filiisxiyaa immoo karaa lixa-biiftuu dhufanii isaan liqimsuudhaaf afaan bananiiru; kana hundumaa irratti iyyuu inni dheekkamsa isaa isaan irraa hin deebifne; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira*.[48]
13Jarri garuu gara isa isaan rukutee, gara Waaqayyo gooftaa maccaatti hin deebine, isas hin barbaaddanne;
14kanaafis warra mataadhaa fi eegeetti, damee muka meexxii fi dhalaadduutti fakkeeffaman Waaqayyo guyyaa tokkotti biyya Israa'el keessaa in balleessa;
15mataan, jaarsolii fi warra ulfina qabanii dha, eegeen immoo raajota warra soba nama barsiisanii dha*.
16Warri saba kana geggeessan karaa irraa isa in kaachisan, warri isaaniin geggeeffamanis in badan*.
17Kanaaf gooftichi dargaggoota isaaniitti hin gammadu, ijoollota abbaadhaa fi haadha hin qabneef, haadha hiyyeessotaatiifis hin oo'u; isaan hundumti isaanii warra Waaqayyo malee jiraatanii fi warra hamoota; wanti isaan dubbatan hundinuus hamaa dha; sababii kana hundumaaf dheekkamsi isaa isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.[49]
18Jal'inni akka ibiddaa in guba, qoraattii fi kosorruu xaph in godha, caakkaa gobbuus in qabata; aarri isaas akka utubaatti gara waaqaatti ol in ba'a.
19Dheekkamsi Waaqayyo gooftaa maccaa lafa in guba; jarris ibiddichaa fi nyaata in ta'u; isaan keessaa namni tokko illee obboleessa isaatiif hin hilu;
20harka mirgaatiin in muratu, garuu beela hin ba'an; harka bitaatiinis in nyaatu, garuu hin quufan; tokkon tokkon isaanii foon aantii isaanii in nyaatu*.
21Namoonni Minaasee namoota Efreem irratti, namoonni Efreemis namoota Minaasee irratti in ka'u; lachanuus walii wajjin Yihudaa irratti in ka'u; kana hundumaa booddee iyyuu dheekkamsi Waaqayyoo isaan irraa hin deebine; harki isaas amma iyyuu isaan irratti ol fuudhamee jira.[50]