Macaafa Iyaasuu 1:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Museen garbichi Waaqayyoo erga du'ee booddee, Waaqayyo kunoo, Iyaasuu ilma Nun gargaartuu Museetti in dubbate.

2Inni, ?Museen garbichi koo du'eera; egaa amma atii fi sabni kun hundinuu ka'aatii laga Yordaanos kana ce'aatii gara biyya isa ani saba Israa'eliif kennu sanaa dhaqaa*!

3Ani akkuman Musee abdachiisetti lafa faanni miilla keessanii irra ejjetu hundumaa isiniif nan kenna*.

4Daariin keessan lafa onaa kanaa ka'ee Liibaanoniin ba'ee hamma laga guddichaa laga Efraaxiisitti, gara lixa-biiftuutiin immoo biyya Heetotaa hundumaa qabatee hamma galaana guddichaatti in adeema.

5Bara jireenya kee hundumaatti namni si dura dhaabachuu danda'u hin jiru; Musee wajjin akkuman ture sii wajjinis nan ta'a; ani si hin dhiisu, si hin irraanfadhus*!

6Biyya ani isaaniif kennuuf abboota isaaniif kakadhe akka isaan dhaalan waan gootuuf cimi, ija jabaadhu*!

7Cimi, ija jabaadhus! Seera Museen garbichi koo si abboome hundumaa eeguudhaaf of eeggadhu! Iddoo dhaqxu hundumaatti wanti ati gootu akka wal siif qixxaatutti isa irraa gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal'atin*!

8Macaafni seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin! Halkanii fi guyyaas waa'ee isaa yaadi! Karaan kee akka siif qajeelutti, wanti ati gootus akka wal siif qixxaatutti, wanta isa keessatti caafame hundumaa gaarii godhii eegi*!

9Ani Waaqayyo gooftaan kee, ?Iddoo ati dhaqxu hundumaatti sii wajjinan jiraatii ati cimi, ija jabaadhu, hin sodaatin, hin na'inis!? jedhee si hin abboomnee ree?? jedhe.[1]

10Iyaasuunis kana irratti geggeessitoota sabaatti in dubbate;

11inni, ?Iddoo buufataa keessa adeemaatii namootaan, ?Guyyaa sadii gidduutti biyya Waaqayyo gooftaan keessan akka isin qabattaniif isiniif kennu sana dhaquudhaaf laga Yordaanos kana in ceetuutii ka'aatii galaa qopheeffadhaa!? jedhaa!? jedhee isaan in abboome.

12Iyaasuun yommus gosa Ruubenii fi gosa Gaadiin, Minaasee isa walakkaa gosaatiinis,

13?Dubbii Museen garbichi Waaqayyoo isin abboome yaadadhaa! Waaqayyo gooftaan keessan boqonnaa isiniif in kenna, lafa kanas isiniif in kenna.

14Dubartoonni keessanii fi ijoolleen keessan, horiin keessanis biyya isa Museen Yordaanos gara ba'a-biiftuutii isiniif kenne keessa haa taa'an! Isin warri loltoonni mi'a lolaa hidhattan hundinuu immoo obboloota keessan dura bu'aa ce'aatii isaan gargaaraa!

15Waaqayyo gooftaan keessan akkuma boqonnaa isaaniif kenne, obboloota keessaniifis boqonnaa yommuu kennu, isaanis immoo lafa Waaqayyo gooftaan keessan isaaniif kennu fudhatanii dhuunfaa isaanii hamma godhatanitti isaan in gargaartu; kana booddee immoo biyya dhaala keessanii isa Museen garbichi Waaqayyoo Yordaanos boroodhaa gara ba'a-biiftuutiin isiniif kennetti deebi'aatii taa'aa!? jedhe*.[2]

16Isaan yommus deebisanii Iyaasuudhaan, ?Wanta ati nu abboomte hundumaa in goona, iddoo ati itti nu ergite hundumaas in dhaqna;

17Waaqayyo gooftaan kee Musee wajjin akkuma ture sii wajjinis immoo haa ta'u duwwaa malee, akkuma Museedhaaf wanta hundumaatti abboomamne, siifis in abboomamna;

18namni abboommii keetiin mormu, namni dubbii kees hin dhageenye hundinuu haa ajjeefamu! Ati garuu cimi, ija jabaadhu!? jedhan.

e>