1Adonii-Zedeq mootiin Yerusaalem, Iyaasuun Aayin fudhatee, raawwatee akka isa balleesse, wanta inni Yerikoo fi mootii Yerikoo, Aayii fi mootii Aayi godhe, warri Giibe'onis Israa'elootaa wajjin kakuudhaan walii galanii isaan gidduu akka jiraatan yommuu dhaga'e*,
2mandarri Giibe'on mandaroota mootota sanaa keessaa mandara guddaa mandara Aayi caaltu turte; namoonni ishees lolatti beekamoo turan; kanaaf Adonii-Zedeqii fi namoonni isaa guddaa in sodaatan.
3Yommus Adonii-Zedeq mootiin Yerusaalem Hohaam mootii Kebroonitti, Fiiraam mootii Yarmuutitti, Yaafii'aa mootii Laakiishitti, Debiir mootii Egloonitti ergee,
4?Warri Giibe'on Iyaasuu fi Israa'elootaa wajjin nagaa waan buusaniif, kottaa isaan rukutuu na gargaaraa!? jedhe.
5Kana irratti mootiin Yerusaalem, mootiin Kebroon, mootiin Yarmuut, mootiin Laakiish, mootiin Egloon, mootonni Amoorotaa kun shanan walitti qabamanii, loltuu isaanii hundumaa wajjin ol ba'anii Giibe'onitti naanna'anii buufatanii lola itti in kaasan.
6Warri Giibe'on immoo Giilgal iddoo buufataatti Iyaasuutti erganii, ?Garboota kee irraa harka kee hin dachaafatin; mootonni Amoorotaa warri biyya gaaraa jiraatan hundinuu nu loluudhaaf nutti dacha'aniiru, dafiitii nu bira ga'ii nu gargaari, nu oolchis!? jedhan.
7Kana irratti Iyaasuun loltuu hundumaa fi namoota lolatti beekamoo turan hundumaa wajjin Giilgalii ka'ee ol ba'e.
8Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan, ?Ani harka kee keessa isaan buuseeraatii isaan hin sodaatin! Isaan keessaa namni tokko illee si dura dhaabachuu hin danda'u? jedhe.
9Iyaasuun Giilgalii ka'ee halkan guutuu adeemee, dingata isaan irra ba'e.
10Waaqayyos fuula warra Israa'el duraa gara itti goran akka isaan wallaalan in godhe; namoonni Israa'el Giibe'onitti guddaa isaan rukutanii madeessanii, karaa Bet-Horoonitti ol ba'u irra ari'anii duukaa bu'anii hamma mandara Aazeqaa fi mandara Maqedaatti isaan in rukutan.
11Isaan Bet-Horoonii hamma Azeqaatti warra Israa'el duraa irraan-gadee utuu baqatanii Waaqayyo waaqa keessaa dhagaa cabbii gurguddaa isaa isaanitti in roobse; isaanis in dudu'an; warra Israa'eloonni billaadhaan ajjeesan irra, warra dhagaa cabbiitiin du'antu caala ture*.
12Gaafa Waaqayyo Amoorota harka Israa'elootaa keessa buuse, Iyaasuun Waaqayyoo wajjin dubbatee utuu Israa'eloonni ilaalanii immoo,
13
14Gaafas Waaqayyo Israa'eliif waan loleef, guyyaan Waaqayyo itti namaaf dhaga'e akkasii isa dura yookiis isa booddee hin turre*.
15Ergasii Iyaasuun warra Israa'el hundumaa wajjin Giilgal iddoo buufataatti in deebi'e.
16Mootonni sun shanan baqatanii Maqedaatti holqa tokko keessa in dhokatan.
17Iyaasuutti, ?Mootonni kun shanan Maqedaatti holqa keessa dhokatanii argamaniiru? jedhamee yommuu himame,
18Iyaasuun immoo, ?Dhagaa guddaa afaan holqichaatti gangalchaatii namoota eegan itti godhaa!
19Isin garuu achi hin dhaabatinaa, diinota keessan ari'aatii karaa dugda duubaa isaan rukutaa! Waaqayyo gooftaan keessan harka keessan keessa waan isaan buuseef, mandaroota isaaniitti akka isaan galan hin godhinaa!? jedhe.
20Yommus Iyaasuu fi Israa'eloonni hamma isaan raawwatanii mo'amanitti rukuttaa guddaadhaan erga isaan balleessanii booddee, isaan keessaa warri hafan muraasi immoo gara mandaroota masaraa qabanitti jalaa in baqatan.
21Namoonni Israa'el hundinuu garuu nagaadhaan Maqedaa iddoo buufata Iyaasuutti in deebi'an; yeroo sanas namni tokko illee Israa'eloota irratti waan hamaa hin dubbanne.
22Iyaasuun ergasii, ?Balbala holqichaa banaa, mootota shanan sanas achi keessaa gad baasaatii anatti fidaa!? jedhe.
23Isaan yommus mootii Yerusaalem, mootii Kebroon, mootii Yarmuut, mootii Laakiish, mootii Egloonis mootota shanan sana holqicha keessaa gad baasanii gara isaa in fidan.
24Yommuu isaan mootota sana gara Iyaasuutti fidan, Iyaasuun namoota Israa'el hundumaa walitti waamee, ajajjuu waraanaa warra isaa wajjin turaniin, ?As kottaatii miilla keessaniin morma mootota kanaa irra ejjedhaa!? jedhe; kana irratti isaan dhufanii miilla isaaniitiin morma mootota sanaa irra in ejjetan.
25Iyaasuun namoota isaatiin, ?Diinota keessan warra isin loluuf jirtan hundumaa Waaqayyo akkasuma in godha; kanaaf isin hin sodaatinaa, hin na'inaa, cimaa ija-jabaadhaas!? jedhe.
26Iyaasuun kana booddee mootota sana ajjeesee mukkeetii shanitti rarraase; isaan hamma galgalaatti mukkeetiitti rarraafamanii turan.
27Akkuma biiftuun lixxeen Iyaasuun jara mukkeetii sana irraa akka gad buusan namoota in abboome; isaanis gad isaan buusanii, holqa isaan duraan keessa dhokatanii turanitti daddarbatan; dhagaa gurguddaas afaan holqichaa irra in kaa'an; dhagoonni sunis hamma har'aatti iyyuu achi jiru.
28Iyaasuun gaafasuma Maqedaa qabatee, namoota mandarattii keessa jiraatanii fi mootii ishee billaadhaan in rukute; wanta achi keessa jiraatu hundumaa raawwatee balleesse malee, tokko illee hin hambifne; inni mootii Yerikoo akkuma godhe, mootii Maqedaas akkasuma in godhe.
29Kana booddee Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu mandara Maqedaatii gara mandara Liibnaatti darbanii mandarattii in rukutan.
30Waaqayyo immoo namoota mandarattii keessa jiraatanii fi mootii ishee harka warra Israa'el keessa in buuse; wanta achi keessa jiraatu hundumaas billaadhaan rukute malee, wanta tokko illee achitti hin hambifne; inni mootii Yerikoo akkuma godhe, mootii Liibnaas akkasuma in godhe.
31Ergasiis Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu Liibnaadhaa Laakiishitti darbanii, naanna'anii buufatanii lola itti in kaasan;
32Laakiishinis immoo Waaqayyo harka Israa'elootaa keessa buuse; isaan gaafa guyyaa lammaffaa ishee qabatanii, akkuma mandara Liibnaa godhan namoota mandarattii keessa jiraatan hundumaa billaadhaan in rukutan.
33Yommus Horaam mootiin Gezer Laakiishin gargaaruudhaaf ol ba'e; Iyaasuun garuu nama tokko illee utuu hin hambisin, isa namoota isaas in rukute.
34Kana booddees Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu mandara Laakiishii ka'anii mandara Egloonitti darbanii, naanna'anii buufatanii lola itti kaasan.
35Iyaasuun gaafasuma mandarattii qabatee, akkuma mandara Laakiish godhee, namoota ishee keessa jiraatan hundumaa billaadhaan rukutee, raawwatee in balleesse.
36Ergasii immoo Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu Egloonii ka'anii mandara Kebroonitti ol ba'anii lola itti in kaasan.
37Innis mandarattii qabatee, akkuma mandara Egloon godhe namoota ishee keessa jiraatan, mootii isaanii fi gandeen isaanii warra isaan keessa jiraatan hundumaas tokko illee utuu hin hambisin billaadhaan rukutee, raawwatee isaan in balleesse.
38Kana booddees Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu gara mandara Debiiritti deebi'anii lola itti in kaasan.
39Isaan mandarattii, mootii ishee fi gandeen ishee hundumaa qabatanii, akkuma Liibnaa fi Kebroonin, mootota isaaniis godhan akkasuma Debiirii fi namoota ishee keessa jiraatan hundumaa tokko illee utuu hin hambisin mootii ishees billaadhaan rukutanii raawwatanii in balleessan.
40Iyaasuun yommus biyya gaaraa, biyya dachaa, biyya gara mirgaa, biyya gaara jalaa guutummaatti mootota isaanii wajjin in rukute; akkuma Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el isa abboometti waanuma hafuura baafatu hundumaa rukutee, tokko illee utuu hin hambisin raawwatee in balleesse*.
41Iyaasuun Qaadesh-Barne'aadhaa hamma Gaazaatti, biyya Gooshen hundumaas hamma Giibe'onitti in rukute*.
42Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el isaaniif waan loleef, Iyaasuun al tokkotti mootota kana hundumaa biyya isaanii wajjin qabachuu danda'e.
43Kana booddee Iyaasuun Israa'eloota hundumaa wajjin Giilgal iddoo buufataatti in deebi'e.