1Maqaan mootota biyya warra Israa'eloonni biyya Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutti, dachaa Aarnonii hamma tulluu Hermoonitti, guutummaa Arabaayi gara ba'a-biiftuutiin rukutanii qabatanii kanatti fufee jira;
2Sihoon mootiin Amoorotaa mandara Heshboon keessa jiraate; inni mandara Aro'er isa qarqara dachaa Aarnonii, dachaa sana keessa walakkaa Giil'aadii kaasee, hamma laga Yaaboq isa daarii ijoollee Amoonitti;
3karaa gara ba'a-biiftuu Arabaayii hamma galaana Kenerootitti; karaa Bet-Yeshiimoot immoo hamma galaana Arabaayii fi galaana soogiddaatti; karaa mirgaatiin immoo hamma tulluu Phiisgaa jalaatti mo'ee ture.
4Haftee warra Refaa'otaa keessaa Oog mootiin Baashaan isa mandara Ashtaarotii fi Edraayin jiraachaa ture; biyyi mootummaa isaa immoo*,
5tulluu Hermoonii fi Saalkaan guutummaa biyya Baashaanii hamma daarii Geshuurotaatii fi Ma'akaatotaatti; walakkaa Giil'aadii hamma daarii Sihoon mootii Heshboonitti ture*.
6Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo fi Israa'eloonni isaan rukutan, Museen garbichi Waaqayyoo immoo biyya isaanii sanyii Ruubenii fi sanyii Gaadiif, sanyii Minaasee isa walakkaa gosaatiifis kennee ture*.
7Mootonni biyya warra Iyaasuunii fi Israa'eloonni laga Yordaanos irraa gara lixa-biiftuutti, Ba'aal-Gaadi isa dachaa Liibaanon keessa jiru jalqabee hamma tulluu Halaak isa gara Se'iiritti ol ka'utti mo'anii qabatan warra kanatti fufanii jiranii dha; Iyaasuun yommus warri Israa'el biyya isaanii akka hirmaata gosa gosa isaaniitti qabeenya isaanii akka godhataniif in kenneef.
8Biyyi inni isaaniif kennes, biyya gaaraa, biyya dachaa, Arabaayi, biyya irraan-gadee tullootaa, biyya lafa onaa, biyya gara mirgaa, biyya Heetotaa, biyya Amoorotaa, biyya Kana'aanotaa, biyya Pheriizotaa, biyya Hiiwotaa fi Yibusootaa ture.
9Mootiin Yerikoo tokko, mootiin Aayi isa Bet'el bukkee jiru tokko;
10mootiin Yerusaalem tokko, mootiin Kebroon tokko;
11mootiin Yarmuut tokko, mootiin Laakiish tokko;
12mootiin Egloon tokko, mootiin Gezer tokko;
13mootiin Debiir tokko, mootiin Geder tokko;
14mootiin Hormaa tokko, mootiin Araad tokko;
15mootiin Liibnaa tokko, mootiin Adulaam tokko;
16mootiin Maqedaa tokko, mootiin Bet'el tokko;
17mootiin Taafu'aa tokko, mootiin Hefer tokko;
18mootiin Afeq tokko, mootiin Lashaaron tokko;
19mootiin Maadon tokko, mootiin Hazoor tokko;
20mootiin Shimroon tokko, mootiin Meron tokko, mootiin Akshaaf tokko;
21mootiin Ta'anaa tokko, mootiin Megidoo tokko;
22mootiin Qedeesh tokko, mootiin Yoqnaam isa tulluu Qarmelos jalaa tokko;
23mootiin Door inni gaara Door gubbaa tokko, mootiin saba Galiilaa tokko;
24mootiin Tiirzaa tokko; walumatti mootota soddomii tokko turan.