1Yeroo Iyaasuun dulloomee lafa guuretti Waaqayyo isatti in dubbate; inni, ?Ati amma dulloomtee lafa guurteetta, garuu biyyi hin qabamin jiru immoo amma iyyuu baay'ee dha.
2?Biyyi hin qabamin jiru isa kanatti fufe jiruu dha; biyya Filisxeemotaa fi biyya Geshuurotaa*,
3laga Shiihor isa Gibxiitii gara ba'a-biiftuu jiru ka'ee hamma biyya Eqroon isa gara bitaatti kan jiran hundinuu biyya Kana'aanitti lakkaa'amu; biyyi mootota Filisxeemotaa shanan, Gaazaan, Ashdood, Ashqalon, Gaat, Eqroonii fi Aawonni isaanuma kana duukaa jiru.
4Karaa gara mirgaa immoo biyya Kana'aanotaa hundumaa fi Araa isa kan Sidoonotaa isa hamma Afeqitti, hamma biyya Amoorotaattis adeemuu dha;
5akkasumas biyya Geblootaa, biyya Liibaanon isa gara ba'a-biiftuu jiru hundumaas, Ba'aal-Gaadi isa tulluu Hermoon gad-jallaatii jalqabee hamma itti lixa Haamaatitti;
6warra biyya gaaraa keessa jiraatan, Liibaanonii jalqabee hamma Misrefot-Maayimitti, warra Sidoon hundumaa ani ofuma kootii Israa'eloota duraa nan ari'a; ati immoo akkuma ani si abboome biyyicha namoota Israa'eliif dhaala godhii hiri!
7Ammas biyya kana gosa salganii fi gosa Minaasee keessaa immoo walakkaadhaaf dhaala akka ta'uuf hiriif!? jedhe.
8Museen garbichi Waaqayyoo kanaan dura walakkaa gosa Minaasee warra kaanii fi Ruubenii fi Gaadiif biyya dhaala isaanii Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuutiin kenneefii ture*.
9Inni Aro'er isa qarqara laga Aarnon jiruu jalqabee, mandara isa walakkaa dachaa sana keessa jiru, lafa diriiraa isa kan Medebaatii hamma Diibonitti,
10mandaroota Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboonitti mo'aa ture hundumaa, hamma daarii warra Amoonotaatti,
11Giil'aadii hamma daarii biyya Geshuurotaatti, hamma-Ma'aakaatotaatti, tulluu Hermoon hundumaa, Baashaanii hamma Salekaahitti,
12biyya mootummaa Oog mootii Baashaan isa haftee warra Refaa'ota warra Museen balleessee biyya irraa fudhate isa Ashtaarotii fi Edraayitti mo'aa ture sanaatti isaaniif kennee ture.
13Israa'eloonni warra Geshuurotaa fi warra Ma'akaatotaa biyya keessaa hin baafne; kanaaf warri Geshuurotaa fi warri Ma'akaatotaa hamma har'aatti Israa'eloota gidduu jiraachaa turan.
14Aarsaan inni Waaqayyo isa kan Israa'eliif ibiddaan gubamu dhaala sanyii Lewwii waan ta'eef, akkuma Waaqayyo kanaan dura itti dubbatee ture inni sanyii Lewwiitiif dhaala hin kennine*.
15Museen gosa Ruubeniif akka maatii maatii isaaniitti ga'aa isaanii in kenneef*.
16Daariin biyya isaaniis Aro'er isa dachaa Aarnonii fi mandara isa dachaa walakkaa, akkasumas guutummaa Medebaa isa lafa diriiraa sanaa ture;
17itti fufees Heshboonii fi mandaroota isaa warra lafa diriiraa irra jiran hundumaa, Diibon, Baamot-Ba'aal, Bet-Ba'aal-Me'on,
18Yaahaz, Qedemoot Mefat,
19Kiriiyat-Aayim, Simbaa, Zeraat-Shehaar isa tulluu dachaa keessa jiru irraa,
20Bet-Phe'or, irraan-gadee Phiisgaa, Bet-Yeshiimoot,
21mandaroota biyya diriiraa irra jiran hundumaa, biyya mootummaa Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboonitti mo'e, warra Museen warra Miidiyaanii fi warra biyya sana jiran Ewii, Reqem, Zuur, Huur, Rebaa warra Sihoonii wajjin turan sanas rukutee dha*;
22kana malees, Israa'eloonni Bala'aam ilma Phe'or isa ayyaana-hedu sana warra kaanii wajjin billaadhaan rukutanii in balleessan*.
23Daariin ijoollee Ruuben hamma qarqara Yordaanositti adeema; mandaroonnii fi gandeen kun sanyii Ruubeniif akka maatii maatii isaaniitti dhaala akka ta'aniif in kennaman.
24Biyyi Museen gosa Gaadiif akka maatii maatii isaaniitti kenne warra kanatti fufanii jiranii dha*;
25biyya Yaazer, mandaroota Giil'aad hundumaa, walakkaa biyya Amoonotaa hamma Aro'er isa fuullee Raabaatti,
26Heshboonii hamma Raamaat-Miisphaatti, hamma Betoniimitti, Mahanaayimii hamma daarii Debiiritti;
27dachaa keessaas Bet-Haraam, Bet-Niimraa, Suukootii fi Zaafon biyya mootummaa Sihoon mootii Heshboon isa hafe, Yordaanosittii gara ba'a-biiftuu biyya daarii galaana Kiineret turanii dha.
28Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii sanyii Gaadiif akka maatii maatii isaaniitti dhaala akka ta'aniif in kennaman.
29Museen walakkaa gosa Minaaseetiif akka maatii maatii isaaniitti kan kenne immoo kanatti fufee jira;
30biyya daarii Mahanaayim, guutummaa Baashaan, biyya mootummaa Oog mootii Baashaan, mandaroota jaatama warra Yaa'iir biyya Baashaan keessa jiran,
31walakkaan Giil'aad, Ashtaarotii fi Edraayi mandaroota Oog mootii Baashaan; isaan kun kan Maakiir ilma Minaasee ta'anii, walakkaa ilmaan Maakiiriif akka maatii maatii isaaniitti in kennaman.
32Biyyi Museen, Yordaanos gama dirree Mo'aabitti fuullee Yerikoo karaa gara ba'a-biiftuutiin dhaala godhee hire isaan kana.
33Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el akkuma isaanitti dubbatee ture, ofii isaatii dhaala waan isaaniif ta'eef, Museen sanyii Lewwiitiif immoo dhaala hin kennine*.