Macaafa Iyaasuu 14:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Biyyi inni Ele'azaar lubichi, Iyaasuun ilmi Nunii fi warri dura-buutuun gosoota Israa'elootaa, biyya Kana'aan keessaa Israa'elootaaf dhaala godhanii hiran kanatti fufee jira*;

2dhaala sanas akka Waaqayyo Musee abboometti, gosoota sagalii fi walakkaa gosaaf muka buusanii in hiran*.

3Museen gosa lamaanii fi isa walakkaadhaafis Yordaanos gamaan karaa ba'a-biiftuu dhaala kenneefii ture; garuu sanyii Lewwiitiif warra sana gidduudhaa dhaala hin kennineef*.

4Ilmaan Yoseef, Minaasee fi Efreem gosa lama ta'an; sanyiin Lewwii garuu mandaroota keessa jiraatanii fi iddoo horii isaanii dheechifatan duwwaa qabeenya isaanii godhatan malee, biyyasii dhaala hin arganne.

5Israa'eloonni akkuma Waaqayyo Musee abboometti laficha in hiran.[48]

6Ergasii gosa Yihudaa keessaa namoonni Giilgalitti Iyaasuu bira in dhufan; isaan keessaa Kaaleb ilmi Yofunee inni Qenazichi Iyaasuutti in dubbate; inni, ?Dubbii Waaqayyo Qaadesh-Barne'aatti waa'ee kootii fi waa'ee kee Musee nama Waaqayyootti dubbate ati in beekta*.

7Yeroo Museen garbichi Waaqayyoo, Qaadesh-Barne'aadhaa dhaqee akka ani biyyicha gaaduuf na erge, ani nama waggaa afurtamaan ture; ani deebi'een wantan yaadatti qabadhe isatti hime.

8Obboloonni koo warri anaa wajjin achi dhaqan illee garaa namootaa in sodaachisan; ani garuu raawwadheen Waaqayyo gooftaa koo duukaa bu'e.

9Museen yeroo sana kakatee, ?Ati guutummaatti Waaqayyo gooftaa koo duukaa waan buuteef, biyyi ati miilla keetiin irra ejjettu siif, ijoollee keetiifis bara baraan dhaala in ta'a? jedheera*.

10Amma kunoo Waaqayyo akkuma waggaa afurtamii shan dura namoonni Israa'el lafa onaa keessa adeemaa utuu jiranii Museetti dubbatee ture, jireenyatti na eegeera; kunoo ani har'a nama waggaa saddeettamii shanii ta'eera.

11Ani amma iyyuu akkuma gaafa Museen na erge sanaa cimaa dha, ciminatti, lolatti, gad ba'ee ol galuuttis akkuman dur ture sana.

12Egaa biyya gaaraa isa Waaqayyo na abdachiise sana anaaf kenni! Warri Aanaaqotaa achi akka jiran mandaroonni isaaniis dallaa cimaa akka qaban ati iyyuu gaafas dhageesseetta; garuu Waaqayyo yoo ana gargaare ani akkuma inni jedhe achii isaan nan baasa? jedhe*.[49]

13Ergasii Iyaasuun, Kaaleb ilma Yofunee eebbisee Kebroonin dhaala godhee in kenneef*.

14Kaaleb ilmi Yofunee inni Qenazichi guutummaatti Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el duukaa waan bu'eef, Kebroon hamma har'aatti iyyuu kan isaa ta'ee hafe*.

15Maqaan Kebroon dur ?Kiriiyat-Arbaa? jedhama ture; ?Arbaa? kan jedhamu kun immoo namoota warra Aanaaqota keessaa nama guddaa ture.

15Kana booddee biyyichi lolattii in boqote*.[50]

le>