1Gosa Yihudaaf akka maatii maatii isaaniitti biyyi hamma daarii Edoomitti, gara mirgaatiin immoo Siin lafa onaadhaa hamma dhuma daarii gara mirgaatti jiru buufata mukaatiin in kennameef*.
2Karaa gara mirgaa immoo daariin isaanii galaana soogiddaa fi arraba galaanaa isa gara mirgaa jiruu dha.
3Achiis darbee karaa Aqrabiim Siinitti darbee Qaadesh-Barne'aa irraa gara mirgaatti adeemee, gara Hezronitti darbee immoo Hadariin ga'ee gara Qarqaatti naanna'a.
4Gara Azmoonitti darbee immoo hamma laga Gibxiitti adeemee, galaana bira ga'ee in dhaabata; daariin isaanii karaa gara mirgaa isa kana.
5Karaa gara ba'a-biiftuu immoo daariin isaanii galaana soogiddaatii ka'ee, hamma Yordaanos galaanatti bu'utti in adeema; karaa gara bitaas daariin isaanii arraba galaanichaatii lafa Yordaanos galaanatti bu'u ka'ee,
6gara Bet-Hoglaatti ol ka'ee bitaa Bet-Arabaa irra ba'ee hamma dhagaa Bohan ilma Ruubenitti in adeema.
7Akkasumas dachaa Akorii hamma Debiiritti adeemee, gara bitaatiin Giilgal isa fuullee Adumiim irra gara mirga lagichaatti in jal'ata; itti fufees laga En-Shemesh irra ba'ee laga En-Rogeelitti in dhuma.
8Itti aanees daariin kun dachaa ijoollee Hiinom keessa ba'ee gara mirgaatiin irraan-gadee warra Yibusootaa irra (kunis Yerusaalem irra) in ba'a; achii ka'ee immoo karaa gara bitaa dhuma dachaa Refaa'iim irra ba'ee, karaa gara lixa-biiftuutiin gubbee tulluu isa fuullee Hiinom jirutti ol ba'a*.
9Kana booddee immoo gubbee tullichaa irraa gara laga Nefto'aatti jal'atee achii immoo gara mandaroota warra tulluu Efron irra jiranii dhufee gara Baalaatti (kunis Kiriiyat-Ya'ariimitti) in jal'ata.
10Baalaa irraas ka'ee gara lixa-biiftuu irra marfatee, gara tulluu Se'iir in dhufa; karaa gara bitaatiinis irraan-gadee tulluu Ya'ariim irra (kunis Kesaalon irra) gara Bet-Shemesh dhaqee Tiimnaatti in ce'a.
11Gara bitaatiinis irraan-gadee Eqroon irra ba'ee gara Shiqeroonitti jal'ata; tulluu Baalaa bukkee darbee immoo Yaabnelin dhaqee, galaana bira ga'ee in dhuma.
12Karaa gara lixa-biiftuu immoo hamma daarii galaana isa guddaatti adeema; egaa daariin ijoolleen Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti naannessanii qabatan isaan kana.
13Yommus Iyaasuun akkuma Waaqayyo isa abboometti biyya ijoollee Yihudaa keessaa Kiriiyat-Arbaa isa ?Kebroon? jedhamu Kaaleb ilma Yofuneef qooda godhee in kenne; ?Aarbaa? kun immoo abbaa warra Aanaaqotaa ti.
14Kaaleb Aanaaqota sadii, Sheshaayin, Ahimaanii fi Talmaayin achi keessaa in baase; isaan immoo sanyii Aanaaqotaa turan.
15Achiis ka'ee warra Debiiriin jiran loluu dhaqe; (Debiir dur ?Kiriiyat-Sefer? jedhama).
16Kaaleb, ?Nama mandara Sefer rukutee qabatuuf intala koo ishee ?Aksaa? jedhamtu nan kenna? jedhe*.
17Otnii'el ilmi Qenaz obboleessa Kaaleb mandaricha in qabate; Kaalebis intala isaa Aksaa itti in heerumsiise*.
18Isheen Otnii'el bira yommuu dhufte inni abbaa ishee biraa maasii akka isheedhaaf kadhatuuf isa giddisiifte; yeroo isheen harree irraa buutes Kaaleb, ?Maal feeta?? isheedhaan jedhe.
19Yommus isheen deebiftee, ?Na eebbisi! Erga biyya gara mirgaa anaaf kennitee, burqaa bishaaniis anaaf kenni!? jette; kana irratti inni burqaa isa gara irraa fi isa gad-jallaa in kenneef*.
20Dhaalli gosa ijoollee Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kanatti fufee jira;
21mandaroonni gosa Yihudaa karaa gara mirgaa daarii Edoomitti aananii jiran, Kabze'el, Eder, Yaagur,
22Qiinaa, Diimonaa, Araadaa,
23Qedeesh, Hazoor, Iitnaan,
24Ziif, Telem, Ba'aalot,
25Hazoor-Hadootaa, Keriyot-Hezron, (kunis ?Hazoor? jechuu dha);
26Amaam, Shemaa, Molaadaa,
27Hazaar-Gadaa, Heshmon, Bet-Phaalex,
28Hazaar-Shu'aal, Bersheebaa, Biziyutiiyaa,
29Ba'aalaa, Eyim, Azem,
30Eltolaad, Kesil, Hormaa,
31Siiqlaag, Madmaanaa, Sansanaa,
32Lebaa'ot, Shilhim, En-Rimoon; walitti qabaan mandaroota kanaa gandeen isaanii wajjin digdamii sagal.
33Karaa biyya dachaa immoo Eshtaa'ol, Zoraa, Ashnaa,
34Zaano'a, En-Gaaniim, Taafu'aa, Enaam,
35Yarmuut, Adulaam, Sokoo, Azeqaa,
36Shaa'araayim, Adiitaayim, Gederaa, Gederotaayim, mandaroota kudha afurii fi gandeen isaaniis;
37Zenaan, Hadashaa, Migdaal-Gaadi,
38Dil'aan, Miisphaa, Yaaktii'el,
39Laakiish, Bozqaat, Egloon,
40Kaabon, Lamaam, Kiitliish,
41Gederot, Bet-Daagon, Na'amaa fi Maakedaa, mandaroota kudha ja'aa fi gandeen isaanii;
42Liibnaa, Eter, Ashaan,
43Yiftaa, Ashnaa, Neziib,
44Qeyilaa, Akziibii fi Maareshaa, mandaroota sagalii fi gandeen isaanii;
45Eqroon safara naannoo isaatii fi gandeen isaa wajjin;
46Eqroon gara lixa-biiftuu, biyyi naannoo Ashdood jiran hundinuus gandeen isaanii wajjin;
47Ashdood safara naannoo isaa jiranii fi gandeen isaa, Gaazaan safara naannoo isaa jiranii fi gandeen isaa wajjin hamma laga Gibxiitti, hamma daarii galaana guddaatti.
48Biyya gaaraatii immoo Shaamiir, Yaatiir, Sokoo,
49Daanaa, Kiriiyat-Sanaa isa ?Debiir? jedhamu,
50Anaab, Eshtemo'aa, Aniim,
51Gooshen, Holoonii fi Giloo, mandaroota kudha tokkoo fi gandeen isaanii;
52Araba, Dumaa, Esh'an,
53Yaanum, Bet-Taafu'aa, Afeqaa,
54Humtaa Kiriiyat-Arbaa (isa ?Kebroon? jedhamu), Zi'or, mandaroota sagalii fi gandeen isaanii;
55Maa'on, Qarmelos, Ziif, Yutaa,
56Yizre'el, Yarke'am, Zano'aa,
57Qaayin, Giibe'aa fi Tiimnaa, mandaroota kudhanii fi gandeen isaanii;
58Halhul, Bet-Zuur, Gedoor,
59Maaraat, Bet-Anoot, Elteqon, mandaroota ja'aa fi gandeen isaanii;
60Kiriiyat-Ba'aal (isa ?Kiriiyat-Ya'ariim? jedhamu), Raabaa, mandaroota lamaa fi gandeen isaanii;
61lafa onaa keessaa immoo Bet-Araabaa, Mediin, Sekaakaa,
62Nibishaan, mandara soogiddaa, En-Gedii, mandaroota ja'aa fi gandeen isaanii.
63Ijoolleen Yihudaa Yibusoota warra Yerusaalemin jiraachaa turan achii baasuu hin dandeenye; hamma har'aatti iyyuu warri Yibusootaa ijoollee Yihudaa wajjin Yerusaalem keessa taa'u*.