1Daariin biyya ijoollee Yoseef, Yordaanosii ka'ee, karaa gara ba'a-biiftuu burqaa Yerikoo keessa ba'ee, karaa lafa onaa hamma biyya gaaraa isa kan Bet'elitti in adeema;
2Bet'elii ka'ee immoo Luziin dhaqee karaa daarii warra Arkaawotaa darbee, hamma biyya Ataarotitti in adeema.
3Itti fufees gara lixa-biiftuutti goree, karaa daarii biyya warra Yaaflexootaa gara daarii Bet-Horoon isa gara gadii dhaqee, Gezeritti darbee galaana bira ga'ee in dhuma.
4Ijoolleen Yoseef, Efreemii fi Minaaseen dhaala in fudhatan.
5Biyyi sanyiin Efreem akka maatii maatii isaaniitti argatan kanatti fufee jira; biyyi dhaala isaanii karaa gara ba'a-biiftuu Ataarot-Adaarii hamma Bet-Horoon isa gara irraatti adeemee,
6galaana bira in ga'a; karaa gara bitaas Mikmaataat ga'ee gara ba'a-biiftuutti jal'atee gara Taanaat-Shiiloo dhufee, achi irras darbee karaa gara ba'a-biiftuutti Yaano'aa in dhufa.
7Yaano'aadhaa ka'ee gara Ataarotii fi Na'aaratitti darbee Yerikoo bira ga'ee Yordaanositti in dhuma.
8Taafu'aadhaa ka'ee immoo karaa gara lixa-biiftuu gara laga Qaanaa dhufee, hamma galaanaatti adeemee in dhuma; dhaalli sanyiin Efreem akka maatii maatii isaaniitti argatan isa kana.
9Kunis mandarootaa fi gandeen warra biyya gosa Minaasee keessaa gosa Efreemiif kophaatti baafamanii kennaman hundumaa dabalatee ti.
10Yommus jarri warra Kana'aanotaa warra Gezeriin jiran achii hin ariine; warri Kana'aanotaa hamma har'aatti iyyuu isaanuma gidduu jiraatanii giddisiifamanii hojii humnaa isaaniif hojjechaa jiru*.