Macaafa Iyaasuu 19:1-51 GAZB1997 - Bible AI

1Mukti inni lammaffaan immoo akka maatii maatii isaaniitti gosa Shimi'ooniif ba'e; dhaalli isaaniis biyya gosa Yihudaa gidduudhaa ta'e.

2Isaanis Bersheebaa, Shemaa, Molaadaa,

3Hazaar-Shu'aal, Baalaa, Azem,

4Eltolaad, Bet-Hul, Hormaa,

5Siiqlaag, Bet-Markaboot, Hazaar-Susaa,

6Bet-Labaa'ot, Shiruheen, mandaroota kudha sadii fi gandeen isaanii in argatan.

7Itti fufees Aayin, Rimoon, Taakaan, Eter, Ashaan, mandaroota afurii fi gandeen isaanii in argatan.

8Gandeen naannoo mandaroota kanaa hundinuu hamma Ba'alaat-Be'erii fi Raamaat isa gara mirgaatti, akka maatii maatii isaaniitti dhaala gosa Shimi'oon in ta'an.

9Ga'aan gosa Yihudaa waan itti baay'ateef, gosa Shimi'ooniif dhaalli isa kan isaanii keessaa in kennameef*.[62]

10Mukti inni sadaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Zebulooniif ba'e; daariin dhaala isaaniis hamma Saariiditti adeema.

11Daariin isaanii gara lixa-biiftuutti adeemee, gara Maaraalaa dhaqee Dabesheetiin ga'ee gara dachaa laga isa fuullee Yaakne'aam jirutti bu'a.

12Saariidii immoo gara ba'a-biiftuutti jal'atee hamma daarii Kislot-Taaboritti adeemee, Daaberaatii fi Yaafii'aa in ga'a.

13Achiis darbee gara lixa-biiftuutti fufee adeemee Gaat-Heferii fi Iit-Kaaziin ga'ee, gara Rimoonaa dhaqee Ne'aahitti achi jal'ata.

14Achii immoo karaa gara bitaa irra naanna'ee gara Hanaaton dhufee, dachaa Yiftaa-Elitti in dhuma.

15Kataat, Naahaalal, Shimroon, Yiiraalaa fi Betlihem, mandaroonni kudha lamaa fi gandeen isaanii isaan kana keessa jiru.

16Mandaroonni kunii fi gandeen kun akka maatii maatii isaaniitti dhaala ijoollee Zebuloon.

17Mukti inni afuraffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Yisaakoriif ba'e.

18Daariin biyya isaaniis Yizre'el, Kesuloot, Shuneem,

19Haafara'iim, Shi'on, Anaharaat,

20Daaberaat, Qiishon, Ebez,

21Remet, En-Gaaniim, En-Hadiidii fi Bet-Phaazez;

22daariin kun Taabor, Shaziimaa fi Bet-Shemesh irra ba'ee Yordaanositti in dhuma; isaan kunis gandeen isaanii wajjin mandaroota kudha ja'a.

23Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Yisaakoriif kennaman.

24Mukti inni shanaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Asheeriif ba'e.

25Daariin isaanii Helqaat, Haalii, Beteen, Akshaaf,

26Alaamelek, Amaadii fi Miishaal; karaa lixa-biiftuu hamma Qarmelii fi Shiihor-Liibnaatitti adeema.

27Achii ka'e immoo karaa gara ba'a-biiftuu Bet-Daagonitti jal'atee, Zebulooniin ga'ee immoo dachaa Yiftaa-Elitti gad bu'a; Bet-Emekii fi Nii'el keessa ba'ee karaa harka bitaa Kaabulitti darba.

28Achii immoo ka'ee Abdoon[63], Rehoob, Hamonii fi Qaanaa irra ba'ee hamma gara Sidoon isa guddaatti adeema.

29Daarichi gara Raamaatitti jal'atee gara mandara Xiiros isa masaraa qabu in ga'a; achii immoo gara Hosaahitti jal'atee Maahilaa fi Akziib keessa ba'ee galaana Mediteraaniyan ga'ee,

30darbees Umaa, Afeqii fi Rehoob ga'ee deebi'a; isaan kun gandeen isaanii wajjin mandaroota digdamii lama.

31Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Asheeriif kennaman.

32Mukti inni ja'affaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Niftaalemiif ba'e.

33Daariin isaanii Helefii hamma qilxuu isa Zaa'anaaniim jirutti adeemee, Adaamii-Neqebii fi Yaabnii'el irra ba'ee Laquumiin dhufee Yordaanositti dhuma.

34Daarichi gara lixa-biiftuutiin Aaznot-Taabor irra ba'ee Huqootitti in dhuma; karaa gara mirgaa Zebuloonin, karaa gara lixa-biiftuu Asheerin, karaa gara ba'a-biiftuu immoo Yordaanosin in tuqa.

35Mandaroonni isaanii warri masaraa qaban Ziidiim, Zer, Hamaat, Raaqaat, Keneret,

36Aadaamaa, Raamaa, Hazoor,

37Qedeesh, Edraayi, En-Hazoor,

38Yiroon, Migdaal-El, Horeem, Bet-Anaatii fi Bet-Shemesh; isaanis gandeen isaanii wajjin mandaroota kudha sagal.

39Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Niftaalemiif kennaman.

40Mukti inni torbaffaan akka maatii maatii isaaniitti gosa Daaniif ba'e.

41Daariin biyya isaaniis Zoraa, Eshtaa'ol, Iir-Shemesh,

42Sha'alaabiin, Ayalon, Iitlaa,

43Eloon, Tiimnaa, Eqroon,

44Elteqee, Giibetoon, Ba'aalaat,

45Yehud, Azoor Bene-Beraaq, Gaat-Rimoon,

46Miiyaarqon, Raaqonii fi biyya isa fuullee Yophee jiru.

47Garuu gosa Daanitti lafti waan dhiphateef, gara biyya Laashemitti ol ba'anii warra Laashem billaatiin rukutanii biyya isaanii isaan irraa fudhatanii keessa in taa'an; maqaa biyyichaas maqaa abbaa gosa isaaniitti ?Daan? jedhanii in moggaasan.

48Mandaroonni kunii fi gandeen isaanii akka maatii maatii isaaniitti gosa Daaniif kennaman*.[64]

49Israa'eloonni biyyicha hiranii daarii daarii itti godhanii erga fixanii booddee, Iyaasuu ilma Nuniifis immoo of gidduudhaa lafa in kennaniif.

50Akkuma Waaqayyo dur abboometti mandara Tiimnat-Seraa isa inni fudhachuudhaaf gaafate sana biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa kennaniif; innis achitti mandara ijaaree keessa in jiraate.

51Isa kana biyyichi inni Ele'azaar lubichi, Iyaasuun ilmi Nunii fi dura-buutonni sabaa akka maatii maatii isaaniitti Shiilootti fuula Waaqayyoo fi dunkaana wal ga'ii duratti muka buusanii hiran; isaan akkasitti biyyicha hiranii in fixan*.[65]

le>