Macaafa Iyaasuu 2:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Iyaasuun ilmi Nun ergasii Shiixiimii gaaddota lama dhoksaatti ergee, ?Dhaqaatii biyyicha, caalaatti immoo mandara Yerikoo ilaalaa!? jedheen; isaanis in dhaqan; yommuu achi ga'an mana dubartii ejjituu ?Rahaab? jedhamtu tokkoo dhaqanii achi in buufatan*.

2Mootii Yerikoottis, ?Kunoo, namoonni Israa'el biyyicha gaaduudhaaf halkan kana dhufaniiru? jedhanii himan.

3Kana irratti mootiin Yerikoo Rahaabitti ergee, ?Namoonni gara kee dhufanii mana kee jiran kun guutummaa biyyichaa gaaduudhaaf waan dhufaniif gad isaan baasi!? jedhe.

4Dubartiin sun garuu namoota sana lamaan dhoksitee, ?Eyyee dhuguma, jarreen tokko gara koo dhufaniiru, garuu eessaa akka isaan dhufan ani hin beeku.

5Isaan yeroo dimimmisee balballi kellaa mandaraa cufamutti ba'an; ani lafa isaan dhaqan hin beeku; dafaa isaan hordofaa in qaqqabdu? jette.

6Jara immoo bantii manaatti ol baaftee muka talbaa bantii manaa irra afamee ture jala dhoksite.

7Jarri ergaman sun hamma malkaa ce'umsa Yordaanositti duukaa bu'uudhaaf erga ba'anii booddee karri kellichaa in cufame.[3]

8Warri gaadduun sun utuu hin ciisin isheen bantii manaa irratti isaan bira dhaqxee,

9isaaniin, ?Waaqayyo biyya kana akka isiniif kenne ani beeka, nuyi isin in sodaanne, warri biyya kanaa hundinuu na'anii isin duraa akkuma gagaa baqaniiru*.

10Yommuu isin biyya Gibxii baatan, akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse, waan isin Sihoonii fi Oog mootii Amoorotaa warra Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu turan lamaan gootan, isin raawwattanii akka isaan balleessitanis nu'oo dhageenyeerra*.

11Nuyi yommuu waa'ee kanaa dhageenye, isin sodaannee onneen keenya akkuma gagaa in baqe; Waaqayyo gooftaan keessan ol waaqa irratti, gad lafa irrattis Waaqayyo waan ta'eef, namni na'ee abdii hin kutatin hin turre*.

12Egaa akkuman gaarii isiniif godhe, isinis mana abbaa koof gaarii akka gootan maqaa Waaqayyootiin anaaf kakadhaa, milikkita amansiisus anaaf kennaa*!

13Abbaa koo, haadha koo, obboloota koo, obboleettota koo waan isaan qaban hundumaas oolchaa, du'a jalaas baasaa!? jette.[4]

14Jarris deebisanii isheedhaan, ?Wanta nuyi amma hojjechaa jirru kana hin himtan yoo ta'e, Waaqayyo biyyicha yommuu nuuf kennu, nu immoo gaarummaa fi amanamummaa yoo isin argisiisuu dhabaane, iddoo keessan nu haa ajjeesu!? jedhan.

15Manni dubartittiin keessa jiraatu gar tokkoon kellaa mandarichaa wajjin walitti waan ijaarameef, karaa qaawwa kellichaa funyoodhaan gad isaan buufte*;

16jaraanis, ?Warri isin hordofan akka isin hin arginetti, gara tulluu dhaqaatii hamma isaan deebi'anitti guyyaa sadii achi dhokadhaa, isa booddees karaa keessan irra bu'aa!? jette.[5]

17Jarri immoo, ?Kakaa amma nu kaksiifatte kanaaf ati akka nu hin komannetti,

18yommuu nuyi biyya kanatti linnu qaawwa isa amma keessaan gad nu buufte kanatti fo'aa bildiimaa kana hiitee, abbaa kee fi haadha kee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana keetti sassaabuun si irra jira.

19Namni mana keetii ala ba'ee karaa irratti yoo argame, gumaan isaa matuma isaa irra in ta'a; nuyi itti hin gaafatamnu; nama sii wajjin mana keessa jiru irratti namni harka isaa yoo ol fudhate garuu, nuyi itti in gaafatamna.

20Wanta nuyi hojjennu kana yoo himte garuu, kakaan ati nu kaksiifte kun nu irra hin ga'u? jedhan.

21Isheenis deebiftee, ?Akkuma isin jettan haa ta'u!? jettee, isaan gad dhiifte; isaanis ka'anii in sokkan; isheen immoo fo'aa bildiimaa sana qaawwichatti in hiite.

22Hamma warri isaan hordofuudhaaf ka'an karaa irra isaan barbaadanii dhabanii deebi'anitti, isaan gara tulluu dhaqanii guyyaa sadii achi taa'an.

23Kana booddee namoonni sun lamaanis deebi'anii tulluu irraa gad bu'anii, laga ce'anii Iyaasuu ilma Nun bira dhufanii wanta isaan irra ga'e hundumaa itti himan.

24Isaan, ?Waaqayyo dhugumaan guutummaa biyyichaa harka keenya keessa buuseera, warri biyyasii hundinuu sababii nu sodaataniif nu duraa akkuma gagaa baqaniiru? jedhanii Iyaasuutti himan.

e>