1Waaqayyo ergasii Iyaasuutti in dubbate;
2inni, ?Ati Israa'elootaan, ?Waaqayyo akkana jedha:- Mandaroota namni kooluu itti galu akka ani karaa Musee isinitti himee ture sanatti qopheeffadhaa*!
3Namni tokko illee utuu hin beekin, utuu haaloo irraa hin qabaatinis nama yoo ajjeese, isa gumaadhaaf isa barbaadu jalaa baqatee achitti kooluu haa galu!
4Mandaroota sana keessaa gara isa tokkotti yommuu baqatu, karra mandara sanaa dura dhaabatee dhimma isaa jaarsolii mandara sanaatti haa himatu! Isaan immoo akka inni achi isaan bira jiraatuuf ol galchanii iddoo haa kennaniif!
5Inni gumaa baafatus yoo isa barbaadu dhufe, namichi sun utuu hin beekin, utuu hin jaallatinis erga nama ajjeesee, isaan harka isa gumaa baafatutti dabarsanii isa hin kennin!
6Inni nama ajjeese sun firdiidhaaf waldaa duratti hamma dhi'aatutti, angafni lubootaa inni yeroo sana hojii irra jiru hamma du'utti mandara sana keessa haa jiraatu! Kana booddee garuu namichi nama ajjeese sun gara mana isaa isa mandara inni keessaa baqatee dhufee keessa jiru sanatti haa deebi'u!? jedhi!? jedhe.
7Israa'eloonni yommus Qedeesh isa Galiilaa keessaa, isa biyya gaaraa isa kan Niftaalem keessa jiru, Sheekem isa biyya gaaraa isa kan Efreem keessa jiru, Kiriiyat-Arbaa (innis isa ?Kebroon? jedhamuu dha) isa biyya gaaraa isa kan Yihudaa keessa jiru dhimma kanaaf addaan in baasan.
8Yordaanosittii gara ba'a-biiftuutiin immoo Bezer isa fuullee Yerikoo lafa onaa bakkee diriiraa biyya gosa Ruuben keessa jiru, Raamoot isa Giil'aad biyya gosa Gaadi keessa jiru, Golaan isa Baashaan biyya Minaasee keessa jirus kanaaf addaan in baasan*.
9Israa'eloota yookiis galaa isaan gidduu jiraatu keessaa namni tokko utuu hin beekin, utuu hin jaallatinis nama yoo ajjeese akka inni itti baqatuuf mandaroonni addaan baafaman isaan kana; inni nama ajjeese sun duraan dursee firdiidhaaf fuula waldaa duratti utuu hin dhi'aatin, isa gumaadhaaf isa barbaadu sanatti dabarfamee kennamee akka hin ajjeefamneef kun ta'e.