Macaafa Iyaasuu 21:1-45 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus dura-buutonni maatii gosa Lewwii gara Ele'azaar lubichaa, gara Iyaasuu ilma Nunii fi gara dura-buutota maatii gosoota Israa'el warra kaanii dhufanii,

2Kana'aan keessaa mandara Shiilootti, ?Mandaroonni keessa teenyuu fi iddoon horii keenya tikfannu akka nuuf kennamuuf Waaqayyo, Musee abboomee ture? jedhaniin*.

3Kana irratti ijoolleen Israa'el akkuma Waaqayyo abboometti dhaala isaanii keessaa gosa Lewwiitiif mandarootaa fi iddoo horii tikfatan warra kanatti fufanii jiran in kennaniif.[68]

4Yeroo sanatti mukti buufame maatii warra Qehaatotaatiif ba'e; gosa Lewwii keessaa ilmaan Aaron isa lubichaa akka maatii maatii isaaniitti mandaroota kudha sadii gosa Yihudaa, gosa Shimi'oonii fi gosa Benyaamiin keessaa argatan*.

5Sanyiin Qehaatotaa warri hafanis gosa Efreem keessaa, gosa Daan keessaa, Minaasee isa walakkaa gosaa keessaas mandaroota kudhan argatan.

6Ilmaan Gershoon immoo maatii gosa Yisaakor keessaa, gosa Asheer keessaa, gosa Niftaalem keessaa, Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa biyya Baashaanii mandaroota kudha sadii argatan.

7Ilmaan Meraariis akka maatii maatii isaaniitti gosa Ruuben keessaa, gosa Gaadi keessaa, gosa Zebuloon keessaas mandaroota kudha lama argatan.

8Israa'eloonni akkasitti Waaqayyo akkuma Musee abboomee turetti, muka buusanii mandaroota kanaa fi iddoo horii tikfatan gosa Lewwiitiif in hiran.[69]

9Biyya gosa Yihudaa fi gosa Shimi'oon keessaa immoo mandaroota warra maqaan isaanii kanatti fufee dha'amu kennaniif;

10isaan kun, sababii dura buufanni mukaa isaaniif ba'eef, sanyii Aaron warra Qehaatota maatii warra Lewwootaatiif in kennaman.

11Isaanis Kiriiyat-Arbaa isa ?Kebroon? jedhamu, lafa tikaa naannoo isaa jiru, biyya gaaraa isa kan Yihudaas in argatan; (?Arbaa? kun immoo ?Abbaa Aanaaqotaa? ture).

12Garuu lafa mandarattii sanaa fi gandeen ishee immoo Kaaleb ilma Yofuneef dhuunfaa godhanii in kennan.

13Egaa ilmaan Aaron lubichaatiif mandara Kebroon, mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu, Liibnaa lafa tikaa ishee wajjin,

14Yaatiirin lafa tikaa ishee wajjin, Eshtemo'aa lafa tikaa ishee wajjin,

15Holoonin lafa tikaa ishee wajjin, Debiirin lafa tikaa ishee wajjin,

16Ay'eeniin lafa tikaa ishee wajjin, Yutaahaa fi Bet-Shemeshin lafa tikaa isaanii wajjin, gosa lamaan kana keessaa mandaroota sagal isaaniif in kennan.

17Biyya gosa Benyaamiin keessaa immoo Giibe'onin lafa tikaa ishee wajjin, Gebaasin lafa tikaa ishee wajjin,

18Anaatotin lafa tikaa ishee wajjin, Almoonin lafa tikaa ishee wajjin, mandaroota afur isaaniif in kennan.

19Mandaroonni lafa tikaa isaanii wajjin ilmaan Aaron lubichaaf kennaman walumatti kudha sadii turan.

20Qehaatonni maatiin warra Lewwootaa warri hafan immoo biyya Efreem keessaa mandaroota kanatti fufanii jiran buufata mukaatiin argatan.

21Biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa Sheekem mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Gezerinis lafa tikaa ishee wajjin,

22Kibzaayimiin lafa tikaa ishee wajjin, Bet-Horoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur isaaniif in kennan.

23Biyya gosa Daan keessaa immoo Elteqee lafa tikaa ishee wajjin, Giibetoon lafa tikaa ishee wajjin,

24Ayalonin lafa tikaa ishee wajjin, Gaat-Rimoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

25Biyya Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa immoo Ta'anaa lafa tikaa ishee wajjin, Gaat-Rimoonin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota lama argatan.

26Mandaroonni kurnan kunii fi lafti tikaa isaanii hundinuu maatii Qehaatotaa warra hafaniif in kennaman.

27Ilmaan Gershoon maatiin warra Lewwootaa immoo isa kanatti fufee jiru argatan; walakkaa biyya Minaasee isa walakkaa gosaa keessaa Golaan isa Baashaan keessa jiru mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Be'esh-Teraa lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota lama argatan.

28Biyya gosa Yisaakor keessaa immoo Qeshoonii fi Daaberaatin lafa tikaa isaanii wajjin,

29Yarmuutin lafa tikaa ishee wajjin, En-Gaaniimin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

30Biyya gosa Asheer keessaa immoo Mishaalin lafa tikaa ishee wajjin, Abdoonin lafa tikaa ishee wajjin,

31Helqaatin lafa tikaa ishee wajjin, Rehoobin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

32Biyya gosa Niftaalem keessaa immoo, Qedeesh isa Galiilaa keessaa mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Hamoot-Doorin lafa tikaa ishee wajjin, Qaartaan lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota sadii in argatan.

33Mandaroonni kudha sadii lafa tikaa isaanii wajjin ilmaan Gershooniif akka maatii maatii isaaniitti in kennaman.

34Maatii ilmaan Meraarii Lewwoota warra hafaniif immoo kanatti fufee kan jiru in kenname; biyya gosa Zebuloon keessaa Yaakon'anin lafa tikaa ishee wajjin, Qaartaa lafa tikaa ishee wajjin,

35Diimnaa lafa tikaa ishee wajjin, Naahaalalin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

36Biyya gosa Ruuben keessaa immoo Bezerin lafa tikaa ishee wajjin, Yaahazaa lafa tikaa ishee wajjin,

37Qedemootin lafa tikaa ishee wajjin, Mefaa'aatin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

38Biyya gosa Gaadi keessaa immoo Raamoot isa Giil'aadiin jiru, mandara namni yoo nama ajjeese kooluu itti galu lafa tikaa ishee wajjin, Mahanaayimin lafa tikaa ishee wajjin,

39Heshboonin lafa tikaa ishee wajjin, Yaazerin lafa tikaa ishee wajjin, walumatti mandaroota afur in argatan.

40Mandaroonni ilmaan Meraarii Lewwoonni warri hafan sun akka maatii maatii isaaniitti argatan kudha lama turan.

41Mandaroonni warri Lewwootaa biyya Israa'eloonni qabatan keessaa argatan walumatti lafa tikaa isaanii wajjin afurtamii saddeet turan.

42Mandaroonni kun tokkon tokkon isaanii naannoo isaaniitii lafa tikaa qabu turan; egaa mandaroonni kun hundinuus akkasuma qabu jechuu dha.

43Waaqayyo akkasitti biyya isa abboota isaaniif kennuudhaaf kakateef hundumaa warra Israa'eliif in kenne; isaanis qabatanii isa keessa in jiraatan*.

44Waaqayyo akkuma abboota isaaniif kakatee ture karaa hundumaa boqonnaa isaaniif kenne; diinota isaanii hundumaa keessaa tokko illee isaan dura dhaabachuu hin dandeenye; diinota isaanii hundumaa Waaqayyo harka isaaniitti dabarsee in kenne*.

45Wanti gaariin Waaqayyo saba Israa'el abdachiise hundinuu in raawwatame malee, tokko illee keessaa hin hafne*.[70]

le>