1Iyaasuun ergasii gosa Ruuben, gosa Gaadii fi walakkaa gosa Minaasee in waame.
2Isaaniin, ?Isin wanta Museen garbichi Waaqayyoo isin abboome hundumaa gootaniittu*;
3yeroo dheeraa kana hundumaa, hamma har'aatti iyyuu obboloota keessanittii gargar hin baane, abboommii Waaqayyo gooftaa keessaniis eegdaniittu.
4Amma garuu Waaqayyo gooftaan keessan akkuma obboloota keessan abdachiisee ture boqonnaa isaaniif kenneera; isin amma gara biyya Yordaanos gamaa isa Museen garbichi Waaqayyoo isiniif kennetti godoo godoo keessanitti deebi'aa*!
5Garuu abboommii fi seera isa Museen garbichi Waaqayyoo isiniif kenne eeguudhaaf jabeessaa of eeggadhaa! Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa, karaa isaa hundumaa irra adeemaa! Abboommii isaas eegaa! Isatti maxxanaatii garaa keessan hundumaan, jireenya keessan hundumaanis isaaf hojjedhaa!? jedhe*.
6Kana booddee Iyaasuun isaan eebbisee gad isaan dhiise; gaafas isaan gara godoo godoo isaanii in dhaqan.
7Museen walakkaa gosa Minaaseetiif biyya Baashaan kenne ture; Iyaasuun immoo walakkaa gosa Minaasee isa kaaniif obboloota isaanii wajjin Yordaanos gamanaa biyya gara lixa-biiftuu kenneef; Iyaasuun yeroo isaan gara godoo godoo isaanii akka dhaqaniif gad dhiisetti isaan eebbisee*,
8?Isin badhaadhummaa keessan isa guddaa, bushaayee keessan warra baay'ee, meetii keessan warqee keessan, sibiila diimaa fi sibiila kan biraa, uffata keessan isa baay'ees fuudhaatii gara godoo godoo keessanitti deebi'aa! Wanta diinota keessan irraa boojitanis obboloota keessanii wajjin gargar hirmadhaa!? jedhe*.
9Ergasii ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaan gosa Minaasees gara biyya dhuunfaa isaanii biyya Giil'aad isa Waaqayyo Musee abboomee isaanii kennisiise sanatti deebi'uudhaaf, Israa'eloota biyya Kana'aanitti Shiilootti dhiisanii in adeeman.
10Ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaan gosa Minaasees gara naannoo Yordaanos biyya Kana'aanotaa yommuu dhufan, achi qarqara Yordaanositti iddoo aarsaa baay'ee guddaa tokko in ijaaran.
11Kunoo ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaan gosa Minaasees fuullee biyya Kana'aanotaa qarqara Yordaanos daarii namoota Israa'elitti iddoo aarsaa akka ijaaran Israa'eloonni in dhaga'an.
12Kana irratti Israa'eloonni hundinuu dhaqanii isaan loluudhaaf Shiilootti walitti in qabaman.
13Israa'eloonni yommus Fiinehaasin lubicha ilma Ele'azaar gara biyya Giil'aaditti ilmaan Ruubenitti, ilmaan Gaaditti, walakkaa gosa Minaaseettis in ergan.
14Akkasuma immoo eegdota kudhan isaa wajjin in ergan; tokkon tokkon isaanii maatii mana Israa'el keessaa mana abboota isaaniitti dhaabbata gosa Israa'el keessatti angafoota turan.
15Isaan kun biyya Giil'aaditti ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaa gosa Minaasee biras dhaqanii isaaniin,
16?Guutummaan waldaa Waaqayyoo isinitti nu erge, ?Isin attamitti har'a Waaqayyo isa kan Israa'el amanachuu dhiiftanii isa irraa gara galtanii isa irrattis kaatanii iddoo aarsaa ijaarrattu*?
17Cubbuun inni Phe'oritti ta'e nutti xinnaatee? Nuyi hamma ammaatti iyyuu isattii hin qullaa'in jirra; waa'ee isaatiifis dheekkamsi nuyi namoota Waaqayyoo irratti dhufee ture*.
18Ammas isin Waaqayyo duukaa bu'uu dhiiftanii deebituu ree? Isin har'a Waaqayyo irratti yoo kaatan, inni immoo bor guutummaa waldaa Israa'elitti in dheekkama.
19Biyyi isin qabattan kun qullaa'aa miti yoo ta'e, gara biyya isa kan Waaqayyo lafa godoon isaa jirutti ce'aatii nuu wajjin laficha irra taa'aa malee, Waaqayyo irratti kaatanii iddoo aarsaa Waaqayyo gooftaa keenyaa biratti iddoo aarsaa kan biraa hin ijaarratinaa; yakka kanattis nu hin dabalinaa*!
20Aakaan ilmi Zaaraa waa'ee mi'a isa raawwatee balleeffamuun irra jiru sanaa irratti yeroo cubbuu hojjete, dheekkamsi guutummaa waldaa Israa'el irratti dhufe mitii ree? Inni cubbuu isaatiif kophaa isaa hin duune? jedhe? jedhan*.
21Kana irratti ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, walakkaan gosa Minaasees deebisanii eegdota kumaa warra Israa'eliin,
22?Waaqayyo gooftaa waaqayyolii ti! Waaqayyo gooftaa waaqayyolii ti! Inni beeka! Israa'elis haa beeku kun Waaqayyo irratti ka'uu, isa ganuus yoo ta'e, har'a nu hin hambisin!
23Nuyi dhuguma Waaqayyo duukaa bu'uu irraa gara galle qalma gubamu, kennaa midhaanii, qalma araaraas irratti dhi'eessuudhaaf iddoo aarsaa ijaarranneerra yoo ta'e, Waaqayyo ofuma isaatii nu haa gaafatu!
24Nuyi garuu dhugumaan gaaf tokko ilmaan keessan, ?Waaqayyo gooftaa Israa'el biraa maal qabdu?? jedhanii ilmaan keenya in gaafatu ta'a jennee waan sodaanneef kana goone.
25Isin, ?Yaa ilmaan Ruuben! Yaa ilmaan Gaadi! Waaqayyo isiniif nu gidduu laga Yordaanos daarii godhee dhaabeera; isin Waaqayyottii qooda hin qabdan, ilmaan keessanis ilmaan keenya Waaqayyoon akka hin sodaanne in godhu? jettu;
26nuyi kanaaf, ?Mee kottaa iddoo aarsaa in ijaarrannaa, garuu qalma gubamuuf yookiis aarsaa biraatiif miti? jenne.
27Inni nuu fi isin gidduutti, dhaloota dhufu gidduuttis nuyi iddoo qulqullaa'aa isaatti qalma gubamuun, kennaa araaraatiinis Waaqayyoof akka sagannuuf dhuga-baatuu akka ta'uuf godhame; yoo akkas ta'eef, booddee ilmaan keessan ilmaan keenyaan, ?Isin Waaqayyottii qooda hin qabdan? jechuu hin danda'an*.
28Yommuu isaan nutti yookiis dhaloota nu booddee dhufutti dubbatan, nuyi immoo, ?Kun fakkeenya iddoo aarsaa Waaqayyoo isa abboonni keenya qalma gubamuu fi aarsaa irratti dhi'eessuuf utuu hin ta'in nuu fi isin gidduutti dhuga-baatuu akka ta'uuf ijaaranii dha? in jenna.
29Waaqayyo irratti ka'uun, amma isa duukaa bu'uu irraas gara gallee iddoo aarsaa isa qalmi gubamu, kennaan midhaanii fi aarsaan irratti dhi'eeffamu, iddoo aarsaa isa kan Waaqayyo gooftaa keenyaa isa iddoo qulqullaa'aa fuula dura jiru sana bukkeetti ijaarrachuun nuttii haa fagaatu!? jedhan*.
30Fiinehaas lubichi, eegdonni waldaa, Israa'el keessaas eegdonni kumaa kun waan ilmaan Ruuben, ilmaan Gaadi, ilmaan Minaasees dubbatan yeroo dhaga'an in gammadan.
31Fiinehaas lubichi ilmi Ele'azaar yommus ilmaan Ruubeniin, ilmaan Gaadiin, ilmaan Minaaseetiinis, ?Har'a Waaqayyo nu gidduu akka jiru beekneerra, isinis dubbii kana hundumaatti Waaqayyoon amanachuu hin dhiifne; amma isin Israa'eloota harka Waaqayyoo oolchitaniittu? jedhe.
32Ergasii Fiinehaas lubichi ilmi Ele'azaarii fi eegdonni sun ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi biraa Giil'aadii ka'anii gara biyya Kana'aanitti deebi'anii waan ta'e Israa'elootatti in himan.
33Yommus Israa'eloonni waan dhaga'an kanatti gammadanii Waaqayyoon in galateeffatan; ergasiis biyya ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi keessa jiraatan lolanii balleessuudhaaf irratti mari'achuu in dhiisan.
34Ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi iddoo aarsaa sana, ?Waaqayyo, gooftaa akka ta'e kun nu gidduutti dhuga-baatuu dha? jedhanii moggaasan.