Macaafa Iyaasuu 23:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Kun darbee, Waaqayyos diinota isaanii warra naannoo isaanii jiran hundumaa irraa Israa'elin erga boqochiisee bara baay'ee booddee, Iyaasuun nama dulloomee lafa guure yommuu ta'e*,

2guutummaa Israa'el, maanguddoota isaanii, dura-buutota isaanii, abboota firdii isaanii fi warra hojii geggeessan walitti waamee, ?Kunoo ani dulloomeera, lafas guureera.

3Isin wanta Waaqayyo gooftaan keessan isiniif jedhe saba kana hundumaa irratti hojjete argitaniittu; inni isiniif lolaa ture sun Waaqayyo gooftaa keessan.

4Kunoo, biyya saba warra ani lafa irraa balleessee fi saba warra hafanii hundumaa Yordaanosii jalqabee hamma galaana guddaa isa gara lixa-biiftuu jiruutti gosa keessaniif dhaala akka ta'uuf ani isiniif hireera.

5Waaqayyo gooftaan keessan isaan isin duraa ari'ee in baasa, fuula keessan duraas isaan in fageessa; isin immoo akkuma Waaqayyo gooftaan keessan jedhe biyya isaanii in fudhattu*.[75]

6?Kanaafis isin wanta macaafa seera Musee keessatti caafame jabeessitanii eegaa! Isattiis gara mirgaatti yookiis gara bitaatti hin jal'atinaa*!

7Saba warra isin gidduutti hafan kanaa wajjin walitti hin makaminaa! Maqaa waaqayyolii isaaniis hin waammatinaa, ittiinis hin kakatinaa! Isaaniif hin hojjetinaa, isaaniifis hin qoomma'inaa*!

8Isin garuu akkuma hamma har'aatti gochaa jirtan Waaqayyo gooftaa keessanitti maxxanaa!

9Waaqayyo saba guddaadhaa fi jabaa isin duraa kaaseera; hamma har'aattis namni tokko illee isin dura dhaabachuu hin dandeenye.

10Waaqayyo gooftaan keessan akkuma isin abdachiisee ture waan isiniif loluuf, namni tokkon keessan nama kuma in ari'a*.

11Kanaafis isin jabeessaa of eeggadhaatii Waaqayyoon gooftaa keessan jaalladhaa*!

12Isin garuu isattii deebitanii saba warra isin gidduutti hafan kanaa wajjin yoo walitti maxxantan, isaanii wajjinis wal fuutanii yoo walitti adeemtan,

13Waaqayyo gooftaan keessan si'achi saba kana isin duraa akka hin ariine beekaa! Yommus isaan biyya gaarii isa Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne kana keessaa hamma isin baddanitti, kiyyoo fi futtaasaa isinitti in ta'u, dugda keessanitti qaccee, ija keessanittis qoraattii in ta'u*.[76]

14?Kunoo, har'a akkuma namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa, anis godaanuu koo ti; isin abdii Waaqayyo gooftaan keessan isiniif kenne hundumaa keessaa tokko illee akka hin hafne garaa keessan hundumaan, yaada keessan hundumaanis gaarii gootanii beektu; abdiin inni kenne hundinuu raawwatamaniiru, isaan keessaa tokko illee lafa bu'ee hin hafne*.

15Akkuma wanti gaariin inni Waaqayyo gooftaan keessan isin abdachiise hundinuu raawwatame, Waaqayyo akkasuma immoo biyya gaarii isa isiniif kenne sana keessaa hamma isin balleessutti wanta hamaa hundumaa isinitti in fida.

16Yommuu isin kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii isa inni isin abboome cabsitanii, dhaqxanii waaqayyolii biraatiif hojjettanii isaaniifis qoommaatan, dheekkamsi Waaqayyoo isin irratti in boba'a; isin yommus biyya isa gaarii inni isiniif kenne sana keessaa daftanii in baddu? jedhe*.[77]

le>