1Ergasii Iyaasuun gosa Israa'el guutummaatti Sheekemitti walitti qabee, maanguddoota, dura-buutota, abboota firdii fi warra hojii geggeessan namoota Israa'el keessaa in waame; isaanis Waaqayyo duratti in dhi'aatan.
2Iyaasuun yommus saba hundumaan, ?Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el kan jedhu kanatti fufee jira; inni, ?Bara durii abboonni keessan Taaraan abbaan Abrahaamii fi abbaan Naahor laga Efraaxiis gama jiraachaa yommuu turan, waaqayyolii biraatiif in hojjetu turan*.
3Ani abbaa keessan Abrahaamin lagicha gamaa fuudheen guutummaa biyya Kana'aan keessa adeemsisee sanyii isaas baay'iseef; Yisihaqinis nan kenneef*.
4Yisihaqiifis Yaaqoobii fi Esaawuu nan kenne, Esaawuudhaafis Se'iir biyya gaaraa nan kenne; Yaaqoob garuu ijoollee isaa wajjin biyya Gibxiitti gad in bu'e*.
5? ?Ani immoo Museedhaa fi Aaroniin ergeen wanta ani achi isaan gidduutti godheen warra Gibxiitti dha'icha buusee, isiniin immoo achii baase*.
6Ani abboota keessan biyya Gibxii nan baase, isinis isaanii wajjin gara galaanaa dhaqxan; warri Gibxii immoo konkolaataa fi abboota fardeeniitiin abboota keessan hordofanii hamma galaana diimaatti dhufan.
7Abboonni keessan gara koo gara Waaqayyotti yommuu iyyan, ani immoo isaanii fi warra Gibxii gidduu dukkana limixii dhaabee, galaanni warra Gibxii irra gara galee akka isaan dhoksu nan godhe; ergasii abboonni keessan bara baay'ee lafa onaa keessa in jiraatan; egaa wanta ani biyya Gibxiitti godhe kana ija keessaniin argitaniittu.
8Kana booddee ani immoo gara biyya Amoorota warra Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu jiraataniitti isin nan geesse; isaan isin lolan; ani garuu harka keessan keessa isaan nan buuse, fuula keessan duraas isaan nan balleesse; isin immoo biyya isaanii in dhaaltan*.
9Balaaq ilmi Ziphoor mootiin Mo'aab yommuu lolaaf Israa'el irratti ka'e, Bala'aam ilmi Phe'or dhufee akka isin abaaruuf ergee waamsise;
10ani garuu Bala'aam akka isin abaaru hin barbaanne; kanaaf ani harka isaa jalaa isin nan baase; innis guddaa isin in eebbise*.
11? ?Ergasiis Yordaanosiin ceetanii gara Yerikoo dhuftan; warri Yerikoo akkasumas warri Amoorotaa, Pheriizotaa, Kana'aanotaa, Heetotaa, Girgaashotaa, Hiiwotaa fi Yibusootaa isin in lolan; ani garuu harka keessan keessa isaan nan buuse*.
12Ani soonsa isin duraa ari'anii isaan balleessan fuula keessan dura nan erge; isaan mootota Amoorotaa lamaanis akkasuma in godhan; kunis billaa keessanii fi iddaa keessaniin hin godhamne*.
13Ani biyya isin itti hin dadhabinii fi mandara isin hin ijaarin keessa akka jiraattaniif isiniif kenneera; muka waynii fi muka ejersaa isa ofii keessanii hin dhaabinittiis ija isaa in nyaattu*.
14? ?Amma egaa Waaqayyoon sodaadhaa, amanamummaa guutuudhaanis isaaf hojjedhaa! Waaqayyolii warra abboonni keessan laga Efraaxiis gamatti, biyya Gibxiittis hojjechaafii turan sanattii deebi'aatii Waaqayyoof hojjedhaa*!
15Waaqayyoof hojjechuun isin duratti hamaa yoo fakkaate garuu, waaqayyolii warra abboonni keessan lagicha gamatti hojjechaafii turaniif yookiis warra kan Amoorota isin biyya isaanii keessa teessan kanaaf hojjettu yoo ta'e, har'a eenyuuf akka hojjettan fo'adhaa!? Garuu anii fi manni koo Waaqayyoof in hojjenna? jedhe*.
16Yommus jarri deebisanii, ?Waaqayyoon dhiifnee waaqayyolii biraatiif hojjechuun nuttii haa fagaatu!
17Waaqayyo gooftaa keenya; inni nuyi, abboota keenyas mana garbummaa biyya Gibxii baaseera, milikkita gurguddaa isaas ija keenya duratti godheera, karaa keenya hundumaa irratti, saba keessa darbine hundumaa gidduuttis inni nu eegeera*.
18Waaqayyo inni saba hundumaa, Amoorota achi turanis nu duraa oofee baase Waaqayyo keenya waan ta'eef, nuyi isaaf in hojjenna? jedhan*.
19Iyaasuunis sabaan, ?Waaqayyoof hojjechuu hin dandeessan, inni Waaqayyo isa qulqulluu dha, inni Waaqayyo hinaafaa dhas; inni irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessan isiniif hin dhiisu*.
20Waaqayyoon dhiiftanii waaqayyolii ormaatiif yoo hojjettan, inni isa dur gaarii isiniif godhe, amma immoo deebi'ee wanta hamaa isinitti fidee isin in fixa? jedhe.
21Jarri garuu deebisanii Iyaasuudhaan, ?Lakkii! Nuyi Waaqayyoof in hojjenna? jedhan*.
22Ammas Iyaasuun jaraan, ?Isin ?Waaqayyoof in hojjenna? jettanii isa fo'achuu keessaniin ofii keessan irratti dhugaa in baatu? jedhe; isaanis, ?Eyyee! Nuyi dhugaa in baana!? jedhanii in deebisaniif.
23Kana irratti Iyaasuun jaraan, ?Egaa amma waaqayyolii ormaa warra isin gidduu jiran sana irraa deebi'aa! Garaa keessanis gara Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'elitti deebisaa!? jedhe*.
24Jarris Iyaasuudhaan, ?Waaqayyo gooftaa keenyaaf in hojjenna, isaafis in abboomamna? jedhan.
25Guyyaa kanattis Iyaasuun Sheekemitti jaraaf kana kakuudhaan jabeessee seeraa fi abboommii isaaniif in kenne*.
26Iyaasuun dubbii kana macaafa seera Waaqayyoo keessatti in caafe; dhagaa guddaa isaas fuudhee iddoo qulqullaa'aa isa kan Waaqayyoo bira qilxuu jala in dhaabe*.
27Gaafas Iyaasuun jara sana hundumaan, ?Kunoo, dhagaan kun dubbii Waaqayyo nutti dubbate hundumaa waan dhaga'eef, nu irratti dhugaa in ba'a; inni, isin Waaqayyo irratti soba akka hin dubbannetti isin irratti dhugaa in ba'a? jedhe*.
28Ergasii Iyaasuun jara sana adduma addaan gara biyya dhaala isaaniitti in erge.
29Kana booddee Iyaasuun ilmi Nun garbichi Waaqayyoo in du'e; barri isaa waggaa dhibbaa fi kudhan ture*.
30Israa'eloonni biyya dhaala isaa iddoo ?Tiimnat-Seraa? jedhamu, biyya gaaraa isa kan Efreem tulluu Ga'aash irraa gara bitaa isa jiru sanatti isa in awwaalan*.
31Warri Israa'el guutummaa bara Iyaasuutti akkasuma bara jaarsoliin warri isa booddee hafanii wanta Waaqayyo warra Israa'eliif godhe hundumaa beekan jiraatanitti, Waaqayyoof hojjechaa turan*.
32Lafeen Yoseef inni Israa'eloonni biyya Gibxii fudhatanii ba'an, Sheekem lafa Yaaqoob isa inni ijoollee Hamoor abbaa Sheekem irraa meetii dhibba tokkoon bite, isa dhaala ijoollee Yoseef ta'e sana keessatti in awwaalame*.
33Ele'azaar ilmi Aaronis in du'e; innis immoo gaara Fiinehaas ilma isaa isa biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa kennameefitti in awwaalame.