Macaafa Iyaasuu 3:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Iyaasuunii fi Israa'eloonni hundinuu Shiixiimii ganama bariidhaan ka'anii gara laga Yordaanos in dhaqan; utuu lagicha hin ce'in achuma in buufatan.

2Guyyaa sadii booddees warri geggeessitoonni iddoo buufataa keessa adeemanii,

3namoota ajajanii, ?Sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa keessanii isa Lewwoonni warri luboonni baatan yommuu argitan, iddoo buufattanii ka'aatii isa duukaa bu'aa!

4Isin kanaan dura karaa kana baatanii waan hin beekneef, amma isa ilaaltanii yoo adeemtan, karaa irra adeemtan in beektu; haa ta'u iyyuu malee sanduuqichi akka dhundhuma kuma lamaa isinittii fagaatee haa adeemu; kana caalaa itti hin dhi'aatinaa!? jedhan.

5Iyaasuun yommus jaraan, ?Waaqayyo bor wanta dinqisiisaa isin gidduutti waan hojjetuuf, of qulleessaa!? jedhe*.

6Iyaasuun kana booddees lubootaan, ?Sanduuqa kakuu ol fudhadhaatii jara dura bu'aa adeemaa!? jedhe; kana irratti isaan sanduuqa kakuu sana baatanii jara dura in adeeman*.[6]

7Waaqayyo ergasii Iyaasuudhaan, ?Musee wajjin akkan ture akkasuma immoo sii wajjin ta'uu koo warri Israa'el akka beekanitti, ani har'a ija isaanii duratti nama guddaa si gochuu nan jalqaba*.

8Ati immoo luboota sanduuqa kakuu sana baatan, ?Qarqara bishaan Yordaanos yommuu geessan, bishaanichatti lixaa keessa dhaabadhaa!? jedhii ajaji!? jedhe.[7]

9Kana irratti Iyaasuun Israa'elootaan, ?As dhi'aadhaatii, dubbii Waaqayyo gooftaa keessanii dhaga'aa!

10Waaqayyo inni jiraataan isin gidduu akka jiru, inni dhugumaan Kana'aanota, Heetota, Hiiwota, Pheriizota, Girgaashota, Amoorota, Yibusootas fuula keessan duraa oofee akka baasu in beektu.

11Kunoo, sanduuqi kakuu Waaqayyo gooftaa biyya lafaa hundumaa isin dura bu'ee Yordaanositti in lixa.

12Ammas gosoota Israa'el keessaa nama tokko tokko fo'adhaatii nama kudha lama dhi'eessaa!

13Akkuma luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyo gooftaa biyya lafaa hundumaa baatan faana miilla isaanii bishaan Yordaanos keessa kaa'aniin, bishaanichi gara irraadhaa gad yaa'aa jiru akka tuullaa ta'ee in dhaabata? jedhe.

14Yommuu sabni laga Yordaanos ce'uudhaaf iddoo buufataatii ka'an, luboonni sanduuqa kakuu baatanis isaan dura bu'anii in adeeman.

15Lagni Yordaanos guutummaa ji'a midhaan sassaabamuu keessa waan guutuuf, ammas guutee manii isaa keessaa ba'ee ture; haa ta'u iyyuu malee, luboonni warri sanduuqa kakuu baatan laga Yordaanos ga'anii, miilla isaanii hidhii bishaanichaa keessa akkuma kaa'aniin,

16bishaanichi yaa'uu dhiisee in dhaabate; inni gara irraadhaa gad yaa'aa jiru ol ka'ee hamma mandara Adaam isa Zaaretaanitti dhi'oo jirutti ol fagaatee in tuulame; bishaanichi inni gad darbe gara galaana Arabaayi isa ?Galaana soogiddaa? jedhamutti yaa'u immoo raawwatee irraa in cite; sabni sun garuu fuullee Yerikootiin in ce'an*.

17Yeroo Israa'eloonni hundinuu Yordaanos keessa lafa gogaa irra ce'aa turan, luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan immoo, hamma sabni sun guutummaatti Yordaanos keessa adeemee ce'utti, jabaatanii laga Yordaanos walakkaa lafa gogaa irra in dhaabatu turan.[8]

e>