1Sabni guutummaatti Yordaanosin erga ce'ee booddee, Waaqayyo Iyaasuudhaan,
2?Gosoota kana keessaa adda addaan nama tokko tokko fo'adhuutii nama kudha lama dhi'eessi!
3Bishaan Yordaanos walakkaa iddoo miilli lubootaa ijaajjaa jiru dhagoota kudha lama fuudhaatii iddoo galgala kana bultan lafa naqaa!? jedhe.
4Iyaasuun yommus Israa'eloota keessaa nama tokko tokko warra gosoota keessaa fo'aman kudha lamaan sana walitti in waame.
5Inni isaaniin, ?Sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyo gooftaa keessanii dura darbaatii, hamma bishaan Yordaanos walakkaatti adeemaa! Akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti tokkon tokkon keessan dhagaa tokko tokko fuudhaatii gatiittii keessanitti baadhaa!
6Kunis isin gidduutti akka milikkitaatti haa hojjetu! Eger bor ijoolleen keessan, ?Dhagoonni kun maal isiniif godhu?? jedhanii yommuu isin gaafatan,
7isin immoo, ?Bishaan Yordaanos utuma yaa'uutti jiruu sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo duraa gargar in cite; sanduuqi kakuu yommuu Yordaanosin ce'e, bishaan Yordaanos waan gargar citeef, dhagoonni kun namoota Israa'eliif bara hundumaa seenaa in ta'u? jedhanii haa himan!? jedhe.
8Kana irratti Israa'eloonni akkuma Iyaasuun isaan abboome in godhan; isaan akkuma Waaqayyo Iyaasuu abboome akka lakkoobsa gosoota ilmaan Israa'elitti dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaadhaa fuudhanii baatanii iddoo buufata isaaniitti geessanii lafa in naqan.
9Iyaasuun immoo dhagoota kudha lama bishaan Yordaanos walakkaa lafa luboonni warri sanduuqa kakuu baatan dhaabachaa turan ol qajeelchee in dhaabe; dhagoonni kunis hamma har'aatti iyyuu achuma jiru*.
10Dubbiin Waaqayyo sabatti himi jedhee Iyaasuu abboome hundinuu akka isa Museen Iyaasuu abboometti hamma raawwatamutti, luboonni warri sanduuqa kakuu baatan bishaan Yordaanos walakkaa in dhaabatan; sabni immoo ariitiidhaan in ce'e.
11Erga isaan hundinuu ce'anii raawwatanii booddee, luboonni sanduuqa kakuu isa kan Waaqayyoo baatan ce'anii sabicha dura in darban.
12Ilmaan Ruubenii fi ilmaan Gaadi, ilmaan Minaasee isa walakkaa gosaas akkuma Museen isaan ajajetti mi'a lolaa hidhatanii Israa'eloota dura bu'anii in ce'an*.
13Namoonni mi'a lolaa hidhatanii fuula Waaqayyoo duratti lolaaf dachaa Yerikootti ce'an akka kuma afurtamaa turan.
14Yeroo sana Waaqayyo guutummaa Israa'el duratti Iyaasuu nama guddaa godhe; isaan akkuma bara jireenya isaa hundumaatti Musee sodaachaa turan, isas in sodaatan*.
15Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan,
16?Luboonni warri sanduuqa dhuga-baatuu baatan bishaan Yordaanos keessaa akka ba'an abboomi!? jedhe.
17Iyaasuunis, ?Bishaan Yordaanos keessaa ba'aa!? jedhee luboota in abboome.
18Luboonni warri sanduuqa kakuu Waaqayyoo baatan Yordaanos keessaa ba'anii miilli isaanii lafa gogaa irra yommuu ejjete, bishaan Yordaanos iddoo isaatti deebi'ee akkuma isaa durii guutee manii isaa irra in danbali'e.
19Yommus sabni sun ji'a isa duraa, ji'icha keessaa guyyaa kurnaffaatti laga Yordaanos keessaa ba'ee daarii Yerikoo gara ba'a-biiftuutiin mandara Giilgal in buufate*.
20Kana booddee Iyaasuun dhagoota kudha lamaan jarri Yordaanos keessaa fuudhan ol qajeelchee Giilgal keessa in dhaabe.
21Inni Israa'elootaan, ?Eger bor ijoolleen keessan, ?Dhagoonni kun maali?? jedhanii isin abboota isaanii yommuu gaafatan,
22isin immoo, ?Warri Israa'el Yordaanos kana lafa gogaa irra ce'an? jettanii ijoollee keessanitti in himtu.
23?Waaqayyo gooftaan keessan hamma nuyi ceenutti galaana diimaa fuula keenya duraa akkuma gogse akkasuma immoo hamma isin ceetanitti Yordaanosin fuula keessan duraa in gogse*.
24Sabni warri kaan hundinuu harki Waaqayyoo jabaa ta'uu isaa akka beekaniif isinis bara hundumaa Waaqayyoon gooftaa keessan akka sodaataniif kana godhe? jedhaa!? jedhe.