1Sababii Israa'elootaaf karri mandara Yerikoo jabaatee cufamee ture; namni isa keessaa gad hin ba'u, isattis ol hin galu ture.
2Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan, ?Ilaa, ani Yerikoo mootii isaa fi loltoota isaa warra jajjaboo wajjin harka kee keessa buuseera.
3Ati namoota mi'a lolaa hidhatanii wajjin mandaricha guyyaatti si'a tokko naanna'i! Guyyaa ja'a akkuma kana godhi!
4Luboonni torba fiinoo torba baatanii sanduuqa kakuu dura haa adeeman! Guyyaa torbaffaatti immoo luboota fiinoo afuufaa adeemanii wajjin mandaricha si'a torba naanna'aa!
5Yommuu isaan utuu gargar hin kutin fiinoo afuufan, akkuma sagalee fiinoo dhageessaniin namoonni hundinuu guddisanii itti haa iyyan! Yommus masaraan mandarichaa in jiga, namoonnis adda addaan irra yaa'anii qajeelanii ol itti in galu? jedhe.
6Kana irratti Iyaasuun ilmi Nun luboota waamee, ?Sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol fudhadhaa! Luboonni torba fiinoo torba baatanii sanduuqicha dura haa adeeman!? isaaniin jedhe.
7Jaraan immoo, ?Ittuma fufaatii mandaricha naanna'aa, warri mi'a lolaa hidhatan sanduuqa kakuu Waaqayyoo dura haa darban!? jedhe.
8Iyaasuun jaratti erga dubbatee booddee, luboonni torban warri fuula Waaqayyoo dura fiinoo torba baatanii adeeman, fiinoo sana afuufaa dura in darban; sanduuqi kakuu Waaqayyoos isaan duukaa in bu'e.
9Warri mi'a lolaa hidhatan immoo luboota warra fiinoo afuufan dura bu'an; warri kaan immoo sanduuqa kakuu booddeedhaan in adeeman, fiinoonis utuu gargar hin citin in afuufame.
10Iyaasuun immoo, ?Gaafa ani, ?Iyyaa!? jedhee isinitti himu iyyaa malee, amma hin iyyinaa, sagalee keessan hin dhageessisinaa! Dubbiin tokko illees afaan keessan keessaa hin ba'in!? jedhee, jara in abboome.
11Yommus inni, sanduuqi kakuu Waaqayyoo si'a tokko mandaricha naanna'ee akka waliin ga'u in godhe; kana booddee namoonni iddoo buufataatti deebi'anii achi bulan.
12Iyaasuun borumtaa ganama obboroodhaan in ka'e, luboonnis sanduuqa kakuu Waaqayyoo ol in fudhatan.
13Luboonni torban warri fiinoo torba baatan utuu wal irraa hin kutin fiinoo afuufaa sanduuqa kakuu Waaqayyoo dura darban; warri mi'a lolaa hidhatan isaan dura bu'anii in adeeman; namoonni warri kaan immoo sanduuqa kakuu booddeedhaan adeeman; fiinoonis utuu gargar hin citin in afuufame.
14Guyyaa lammaffaattis mandaricha si'a tokko naanna'anii, iddoo buufataatti deebi'an; guyyaa ja'a akkuma kana godhan.
15Isaan ammas guyyaa torbaffaatti ganama obboroodhaan akkuma duriitti ka'anii mandaricha si'a torba in naanna'an; guyyaatti si'a torba mandaricha naanna'uun isaanii guyyaa sana duwwaa ture.
16Si'a torbaffaa irratti yommuu luboonni fiinoo afuufan, Iyaasuun jaraan, ?Waaqayyo mandaricha isiniif kenneeraatii iyyaa!
17Mandarichi, wanti isa keessa jiru hundinuus raawwatee haa balleeffamu! Rahaab ishee ejjituu duwwaan warra nuyi ergine waan nuuf dhoksiteef, isheenii fi warri ishee wajjin mana ishee keessa jiran hundinuu in oolu*.
18Egaa isin wanta raawwatee balleeffamuun irra jiru kana keessaa fudhattanii badiisa of irratti akka hin fidnetti, iddoo buufata Israa'elis kan badiisaa gochuudhaan rakkina akka itti hin fidnetti of eeggadhaa*!
19Garuu meetiinii fi warqeen, qodaan sibiilaa fi kan sibiila borrajjii hundinuu Waaqayyoof kan qullaa'an waan ta'aniif, iddoo qodaan Waaqayyoo taa'utti haa galfaman!? jedhe.
20Fiinoon in afuufame, jarris in iyyan; yeroo fiinoon afuufamee jarri iyyanitti, masaraan mandarichaa in jige; namoonnis adda addaan irra yaa'anii qajeelanii ol itti galanii mandaricha in qabatan*.
21Isaanis mandaricha keessa kan jiru hundumaa dhiirota, dubartoota, mucoolii, jaarsolii, saawwan, hoolota, harrootas billaadhaan in ajjeesan.
22Iyaasuun yommus jara duraan biyyicha gaadanii deebi'an sana lamaaniin, ?Mana dubartii ejjituu sanaa dhaqaatii, akkuma dur kakattaniifitti ishee, warra kan ishee ta'an hundumaas achii baasaa!? jedhe.
23Dargaggoonni warri gaaduu dhaqanii turan sun lamaan ol lixanii Rahaabin, abbaa ishee fi haadha ishee, obboloota ishee, warra kan ishee ta'an hundumaas gad baasan; akkasitti maatii isaanii hundumaa fidanii iddoo buufata Israa'el duuba in kaa'an*.
24Isaan yommus meetiidhaa fi warqee, qodaa sibiilaa fi kan sibiila borrajjii duwwaa iddoo qodaan mana Waaqayyoo taa'u keessa kaa'an malee, mandarichaa fi wanta mandaricha keessa jiru hundumaa ibiddaan in guban.
25Iyaasuun garuu Rahaab ishee ejjituun warra Yerikoo gaaduudhaaf ergaman sana dhoksitee waan baafteef, isheenii fi warri mana abbaa isheetii, warra kan ishee ta'an hundumaa wajjin akka oolan godhe; isheen hamma har'aatti Israa'el keessa jirti.
26
27Waaqayyos Iyaasuu wajjin ture, oduun isaas guutummaa biyyichaa in guute.