1Israa'eloonni garuu wanta raawwatee balleeffamuun irra jiruun cubbuu in hojjetan; gosa Yihudaa keessaa Aakaan ilmi Karmii, akaakayyuun Zabdii, abaabayyuun Zaaraa wanta raawwatee balleeffamuun irra ture waan fudhateef, dheekkamsi Waaqayyoo Israa'eloota irratti in boba'e*.
2Ergasii Iyaasuun mandara Yerikootii gara mandara Aayi isa Bet'el irraa gara ba'a-biiftuu Bet-Aweenitti dhi'oo jirutti namoota ergee, ?Ol ba'aatii biyyicha gaadaa!? jedhe; namoonnis ol ba'anii mandara Aayi in gaadan.
3Isaanis gara Iyaasuutti deebi'anii, ?Warri Aayi muraasa waan ta'aniif, namoota hundumaa hin dadhabsiisin; namoonni kumni lama yookiis kumni sadii ol ba'anii mandaricha haa rukutan malee, hundumti isaanii ol hin ba'in!? jedhanii isatti in dubbatan.
4Kana irratti isaan keessaa namoonni akki kuma sadii achitti ol ba'an; garuu namoota Aayi duraa in baqatan.
5Warri Aayis isaan rukutanii, karra duraa hamma Shebaariimitti isaan ari'anii, irraan-gadee sanatti isaan keessaa akka nama soddomii ja'aa in ajjeesan; kana irratti onneen saba Israa'el baqee akka bishaanii ta'e.
6Yommus Iyaasuun gaddee uffata isaa tarsaasee, sanduuqa kakuu Waaqayyoo duratti hamma galgalaatti adda isaatiin gad gombifame; innii fi maanguddoonni Israa'el gadda irraa kan ka'e awwaara mataatti of facaasan.
7Iyaasuun kana irratti, ?Maaloo, yaa Waaqayyo gooftaa! Saba kana duruma iyyuu maaliif Yordaanos kana ceesifte? Harka warra Amoorotaatti nu kennitee nu balleessuudhaafii? Maaloo utuu Yordaanos gamatti hafneerra ta'e!
8Yaa Waaqayyo! Erga Israa'el diina isaatti dugda gate maalan jedha ree?
9Kana'aanonni, warri biyyicha keessa jiraatan hundinuus kana in dhaga'u, nu naanna'anii lafa irraa haxaa'anii nu balleessu; egaa ati immoo ulfina maqaa kee isa guddaatiif jettee maal goota ree?? jedhe*.
10Waaqayyo yommus Iyaasuudhaan, ?Ka'i! Ati maaliif adda keetiin gad gombifamte?
11Warri Israa'el cubbuu hojjetaniiru, kakuu koo isa ani eeguu isaan abboome cabsaniiru, wanta raawwatee balleeffamuun irra jiru keessaa waa fudhataniiru, hataniiru, gowwoomsuudhaafis mi'a isaanii keessa kaa'ataniiru.
12Kanaaf Israa'eloonni diinota isaanii dura dhaabachuu hin danda'an; isaan ofuma isaaniitii iyyuu warra balleeffamuun irra jiru waan ta'aniif diinota isaaniitti dugda gatan; ammas isin wanta balleeffamuun irra jiru of gidduudhaa yoo baaftan malee, ani deebi'ee isinii wajjin hin ta'u.
13Ka'iitii jara qulleessi! ?Waaqayyo gooftaan Israa'el:- Yaa Israa'el, wanti raawwatee balleeffamuun irra jiru isin gidduu jira, isa hamma of gidduudhaa baaftanitti diinota keessan dura dhaabachuu hin dandeessan, boriif of qulleessaa! isiniin jedhe? jedhii jaratti himi*!
14Egaa bor akka gosa gosa keessaniitti as dhi'aadhaa! Gosi ana Waaqayyoo duratti dhi'aatu maatii isaa wajjin, maatiin ana duratti dhi'aatu akka hortee hortee isaatti, horteen ana duratti dhi'aatus akka namoota isaatti haa dhi'aatu!
15Namni wanti raawwatee balleeffamuun irra jiru sun biraa argame, sababii kakuu koo cabsee, wanta yeellaasisaa kana Israa'el keessatti hojjeteef, inni, wanti inni qabu hundinuus ibiddaan haa gubamu!? jedhe*.
16Borumtaa isaa ganama Iyaasuun obboroodhaan ka'ee, namoota Israa'el akka gosa gosa isaaniitti yommuu fide, Yihudaan in dhi'aate.
17Gosi Yihudaa dhufee, isa keessaa Zaaraatu dhi'aate; hortee Zaaraa keessaa namoonni yommuu dhufan Zabdiin in dhi'aate.
18Innis namoota isaa yommuu fide, gosa Yihudaa keessaa Aakaan ilmi Karmii, akaakayyuun Zabdii, abaabayyuun Zaaraa in dhi'aate.
19Iyaasuun yommus Aakaaniin, ?Ilma ko! Waaqayyo gooftaa Israa'eliif ulfina kenni, isa jajadhus! Amma egaa mee wanta goote kana ana hin dhoksinii anatti himi!? jedhe.
20Aakaan deebisee, ?Ani dhugumaan Waaqayyo gooftaa Israa'el duratti cubbuu hojjedheera; wanti ani godhes,
21uffata miidhagaa biyya Shiinaaritti hojjetamee fi meetii sheeqelii shantama baasu boojuu keessatti argeen hawwee fudhadhe; kunoo uffatichi godoo koo keessa awwaalamee jira, meetichis immoo isa jalaan jira? jedhe.
22Iyaasuun yommus jara tokko in erge; isaanis fiiganii gara godoo isaa yommuu dhaqan, mi'ichi godoo isaa keessa, meetichis gara jalaatiin dhokfamee in argan.
23Isaan mi'icha godicha keessaa baasanii Iyaasuudhaaf guutummaa Israa'elootaatti fidanii, fuula Waaqayyoo dura in naqan.
24Iyaasuu fi Israa'eloonni hundinuu Aakaan ilma Zaaraa, meeticha, uffaticha, battee warqichaa akkasumas ilmaan isaa, intaloota isaa, qotiyyoota isaa, harroota isaa, hoolota isaa fi godoo isaa wanta inni qabu hundumaa wajjin fuudhanii dachaa Aakoritti in geessan.
25Iyaasuun achitti Aakaaniin, ?Ati maaliif rakkina kana nutti fidde? Waaqayyo har'a rakkina sitti in fida? jedhe; yommus guutummaan Israa'elis isa, warra kaanis dhagaadhaan rukutanii ibiddaan in guban*.
26Lafa inni itti gubame irra tuullaa dhagaa baay'ee in tuulan; tuullaan sunis hamma har'aatti iyyuu jira; kana booddee aariin Waaqayyoo inni boba'aan isaan irraa in deebi'e; kanaaf maqaan iddoo sanaa hamma har'aatti iyyuu ?Dachaa Aakor? jedhamee in waamama; [?Aakor? jechuun ?Rakkina? jechuu dha]*.