1Mootonni Yordaanos irraa gara lixa-biiftuu, biyya gaaraa, biyya gaara jalaa, karaa guutummaa qarqara galaana guddichaa immoo hamma Liibaanonitti kan turan, mootonni Heetotaa, Amoorotaa, Kana'aanotaa, Pheriizotaa, Hiiwotaa, Yibusootaa hundinuu waa'ee kanaa yommuu dhaga'an,
2Iyaasuudhaa fi Israa'elin loluudhaaf yaada tokkoon walitti in qabaman.
3Warri Giibe'on garuu wanta Iyaasuun Yerikoo fi Aayin godhe yommuu dhaga'an,
4isaan immoo taa'anii malatanii, warra biyya fagoodhaa ergaman of fakkeessanii, galaa qopheeffatanii, keeshaa dhumaa fi qalqalloo daadhii waynii isa moofaa tatarsa'ee suuphame fuudhanii harroota isaaniitti in fe'atan;
5akkasumas kophee moofaa ciccitaa miilla isaaniitti kaa'atanii, uffata moofaas uffatanii in dhaqan; buddeenni isaan galaafatan hundinuu gogaa dhaa fi caccabaa ture.
6Yommus isaan Giilgal iddoo buufataatti Iyaasuu bira dhaqanii, isaa fi namoota Israa'eliin, ?Egaa nuyi isinitti firoomuudhaaf biyya fagootii dhufneerraatii, kottaa isin kakuudhaan nuu wajjin walii galaa!? jedhan.
7Namoonni Israa'el garuu Hiiwotaan, ?Tarii isinoo nutti dhi'oo jirtu ta'aa, attamitti nuyi kakuudhaan isinii wajjin walii galla ree?? jedhan*.
8Isaan immoo Iyaasuudhaan, ?Nuyi garboota kee ti? jedhan; Iyaasuunis, ?Isin eenyufa'i? Eessaas dhuftan?? jedhee isaan in gaafate.
9Isaanis deebisanii, ?Nuyi garboonni kee sababii maqaa Waaqayyo gooftaa keetii, wanta inni biyya Gibxiitti hojjete hundumaas dhageenyeef biyya baay'ee fagoodhaa dhufne;
10wanta inni mootota Amoorotaa lamaan warra Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu turan, Sihoon mootii Amoorotaa fi Oog mootii Baashaan isa mandara Ashtaarot jiraate godhes hundumaa dhageenyeerra*.
11Maanguddoonni keenyaa fi warri biyya keenyaa hundinuu, ?Karaadhaaf galaa harkatti qabadhaatii isaanitti adeemaa!? Isaaniinis, ?Nuyi garboota keessan, egaa kottaa isin kakuudhaan nuu wajjin walii galaa? jedhaa!
12Buddeena keenya kana isin bira dhufuudhaaf gaafa mana keenyaa kaane ho'aa isaa galaafannee kaane, amma garuu kunoo gogaa dha, caccabaa dhas.
13Qalqalloonni daadhii waynii kun yommuu nuyi itti gugguuttannee kaane haaraa turan, amma garuu kunoo tatarsa'aniiru; uffanni keenyaa fi kopheen keenya kunis karaa baay'ee fagoo adeemuu keenya irraa kan ka'e moofa'aniiru? jedhan.
14Yommus namoonni Israa'el galaa jaraa irraa waa fudhatan malee, Waaqayyoon gorsa hin gaafanne*.
15Iyaasuun immoo isaanii wajjin nagaa buuse, akka isaan hin ajjeefnes in kakateef; angafoonni waldaas akkasuma isaaniif in kakatan.
16Isaaniif kakatanii guyyaa sadii booddee, akka isaan olloota isaanii warra isaanitti dhi'oo jiran ta'an in dhaga'an.
17Israa'eloonni iddoo buufata isaaniitii ka'anii gaafa guyyaa sadaffaa gara mandaroota jara warra ?Giibe'on, Kefiiraa, Beroot, Kiriiyat-Ya'ariim? jedhamanii in dhufan.
18Israa'eloonni garuu sababii angafoonni waldaa maqaa Waaqayyo gooftaa Israa'eliin isaaniif kakataniif isaan hin rukunne; kana irratti waldaan guutummaatti angafoota irratti in guungume.
19Angafoonni hundinuu garuu guutummaa waldaatiin, ?Nuyi maqaa Waaqayyo gooftaa Israa'eliin isaaniif kakanneerra; kanaaf nuyi amma isaan tuquu hin dandeenyu.
20Egaa kakuu jara kanaaf kakanne cabsinee dheekkamsi akka nutti hin dhufnetti, kottaa jarri kun haa jiraatan!? jedhan*.
21Itti fufaniis waldaadhaan, ?Isaan haa jiraatan, garuu guutummaa waldaatiif warra qoraan falaxanii fi warra bishaan waraaban haa ta'an!? jedhan; jarris akkuma angafoonni dubbatan guutummaa waldaatiif warra qoraan falaxanii fi warra bishaan waraaban in ta'an.
22Yommus Iyaasuun warra Giibe'on sana waamsisee, ?Isin as nutti dhi'oo utuma jirtanii, ?Nuyi isinittii baay'ee fagoo dha? jettanii maaliif nu gowwoomsitan ree?
23Ammas isin abaaramoo dha, isin keessaa garbicha ta'ee mana Waaqayyo kootiif qoraan falaxuu fi bishaan waraabuu jalaa kan ba'u namni tokko illee hin jiru? jedhe.
24Isaan immoo deebisanii Iyaasuudhaan, ?Waaqayyo gooftaan kee biyya kana guutummaatti isiniif haa kennuu fi warra biyya kana keessa jiraatan hundumaa immoo fuula keessan duraa haa balleessuuf, Musee abboomuun isaa dhuguma akka ta'e garboota keetti waan himameef, guddaa isin sodaannee of oolchuudhaaf kana goone*.
25Kunoo, nuyi amma harka kee keessa jirra, wanta ija kee duratti gaariidhaa fi qajeelaa sitti fakkaate godhi!? jedhan.
26Innis akkuma jedhe harka Israa'elootaa isaan in oolche; Israa'eloonnis isaan hin ajjeefne.
27Gaafas Iyaasuun jara sana waldaadhaaf, lafa Waaqayyo fo'atutti immoo iddoo aarsaaf qoraan falaxxuu fi bishaan waraabduu isaan godhe; hamma har'aatti iyyuu qoraan falaxxuu fi bishaan waraabduu ta'anii hafan*.