1 ?Ani jireenya koo nan jibba, of gad dhiisees gadda koo nan dhageessifadha; isa jireenyi koo keessa ba'ee anatti hadhaa'e nan dubbadha*;
2 ani Waaqayyoo wajjin dubbadhee, ?Waanan sitti balleesse anatti himi malee, maaliif anatti faradda?
3 Maree warra jal'ootaa faara tolaadhaan ilaaltee ana cunqursuun, hojii harka keetiis tuffachuun sitti in tolaa ree?
4 Ati dhuguma ija foonii qabdaa ree? Akkuma namni ilaaluttis in ilaaltaa ree*?
5 Guyyoonni kee akka guyyoota namaa tii ree? Waggoonni kees akka waggoota namaa tii ree?
6 Egaa maaliif irra-daddarbaa koo iyyaafattee, cubbuu koos qoratta?
7 Balleessaa akkan hin qabne, harka kees kan na oolchu akka hin jirre ati in beekta.[33]
8 ? ?Duroo harka keetu tolchee na uume, kana keessaa gara galtee ana balleessitaa*?
9 Suphee irraa akka na uumte yaadadhu; amma immoo biyyootti na deebisuuf jettaa ree*?
10 Ati akka aannanii ana hin dhangalaafnee ree? Akka itittuus ana hin itichinee ree?
11 Gogaa fi foon anatti uffiftee, ribuudhaa fi lafeedhaan walitti na fayyifte.
12 Ati jireenya anaaf kennitee, gaarummaas na argisiifteetta; eegumsi kee hafuura koo jiraachiseera.[34]
13 ? ?Garuu ati kana garaa keessa akka kaa'atte, kunis akeeka kee akka ture ani beeka;
14 yoon cubbuu hojjedhe ati in argita, yakka koo irrattis akkasumatti gad ana hin dhiiftu.
15 Jal'aa yoon ta'e anaaf wayyoo! Salphinaan guutamee, gad qabamuudhaanis waanan liqimfameef, utuman nama qajeelaa ta'e iyyuu, danda'ee mataa koo ol hin qabadhu.
16 Yoon mataa koo ol qabadhe, ati akka leencaa na adamsita; ammaa ammas humna kee isa dinqisiisaa anatti in argisiifta*;
17 dhuga-baatota haaraa ana irratti in kaafta, dheekkamsa kee anatti in baay'ifta, loltuu haaraa anatti in ergita.[35]
18 ? ?Gadameessa keessaa maaliif na baafte? Iji nama tokko illee utuu ana hin argin, utuun du'eera ta'ee*!
19 Utuun hin jiraanne ta'ee, gadameessa keessaa gara awwaalaatti geeffameera ta'ee, attam gaarii ture!
20 Barri jireenya koo muraasa mitii ree? egaa jajjabina xinnoo ishee akkan argadhutti na dhiisii ana irraa deebi'i!
21 Ani gara lafa deebi'anii hin galle, lafa halkanii fi dukkana sodaachisaa*,
22 gara lafa dukkana quba hin keessifneef dukkana sodaachisaa, lafa toora hin qabne, lafa ifni iyyuu akkuma dukkanaa ta'e utuun hin dhaqin, jajjabina akkan argadhutti na dhiisi!? nan jedha? jedhe.[36]
Bible Society of Ethiopia