Macaafa Iyoob 11:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Zofaar Naa'imaatichi deebisee,

2?Dubbii baay'eedhaaf deebiin hin kennamuu ree? namni dubbataa ta'eef dhugaa in argataa ree?

3Sobni kee calluma nama jechisiisaa ree? Yommuu ati ga'iftus namni si ifatu hin jiruu ree?

4Waaqayyoon, ?Barsiifni koo qullaa'aa dha, anis fuula kee duratti akka seeraatti qullaa'aa dha? in jetta*;

5Waaqayyo afaan isaa saaqqatee, si irratti utuu dubbatee attam gaarii dha*!

6Inni dhoksaa ogummaa sitti in mul'isa, hubannaan isaas hammana hin jedhamu; inni cubbuu kee keessaa gar tokko akka hin lakkaa'amne siif gochuu isaa beeki*![37]

7?Gad fageenya dhoksaa Waaqayyoo qortee bira ga'uu dandeessaa ree? Daarii yaada isa hundumaa danda'uu qortee bira ga'uu dandeessaa ree*?

8Yaadni isaa bantii waaqaa caalaa ol ka'aa dha, maal gochuu dandeessa ree? Iddoo lafa jalaa caalaa gad fagoo dha, maal isaa beekuu dandeessa ree?

9Safarri isaas lafa caalaa in dheerata, galaana caalaas in bal'ata.

10Waaqayyo kana hundumaa irra darbee dhufee mana hidhaatti si galchee yaa'iis yoo sitti dachaase, eenyutu isa dhowwuu danda'a*?

11Inni nama waa'ee hin baafne beeka, jal'ina namaa yommuu argu, inni yaadaan hin qabuu ree?

12Yoo harreen gaanfa baafte duwwaa, namni gowwaan ogeessa ta'uu in danda'a.[38]

13?Ati garaa kee yoo qajeelfatte, isa kadhachuudhaafis harka kee yoo bal'ifte*,

14yakka isa harka kee keessa jiru yoo of irraa fageessite, jal'innis godoowwan kee keessa hin buufatu yoo ta'e,

15yommus ati dhugumaan yeelloo malee, mataa kee ol in qabatta; sodaa malees jabaattee in dhaabatta*.

16Ati rakkina kee in irraanfatta; akka bishaan yaa'ee darbee duwwaatti isa in yaadatta.

17Jireenyi kees guyyaa saafaa caalaa in ifa, dukkannis akka ganamaa in ta'a*;

18abdiin waan jiruuf in amanatta, ati naannoo kee marsitee ilaaltee nagaattis in rafta;

19ati in rafta kan si sodaachisus hin jiru, namoonni baay'een akka ati faara isaanitti toltu in barbaadu*.

20Iji jal'ootaa garuu arguu in dadhaba, karaa ittiin duraa ba'anis in dhabu; abdiin isaaniis du'a duwwaa dha? jedhe.[39]

>