Macaafa Iyoob 12:1-25 GAZB1997 - Bible AI

1Iyoob immoo deebisee,

2?Dhuguma iyyuu, isin namuma, ogummaanis isinii wajjin in bada.

3Anis immoo akkuma keessan hubannaa qaba, isinii gadis miti; wanta akkasii kana eenyutu wallaala ree*?

4Ani firoota koo duratti muka kolfaan ta'e; ana isa Waaqayyoon waammate, inni immoo deebiseef, ana isa dhuga-qabeessa, isa mudaa hin qabnetu muka kolfaa ta'e*;

5akka namni itti tolee yaadutti, badiisi nama tuffatamaadhaaf, warra miilli isaanii mucucaateef qophaa'e.

6Godoowwan warra saamtuu nagaa dha, warri Waaqayyoon tuttuqanii aarsan, warri irree isaanii waaqeffatanis naasuu malee in jiraatu*.[40]

7?Mee, bineensota gaafadhu! Isaanis si barsiisu; warra qilleensa keessa balali'anis gaafadhu! Isaan sitti in himu*.

8Lafatti dubbadhu! Innis si barsiisa; yookiis qurxummiin galaanaa akka sitti himu godhi!

9Harki Waaqayyoo akka isaan tolche, isaan kana hundumaa keessaa eenyutu hin beeku?

10Jireenyi uumama hundumaa, hafuurri nama hundumaas harka isaa jala jira*.

11Akkuma arrabni nyaata mi'eeffatu, gurris immoo dubbii gargar hin baasuu ree?

12Ogummaa warra lafa guurantu qaba mitii ree? Hubannaas warra barri isaanii dheeratetu qaba mitii ree*?[41]

13?Ogummaanii fi aangoon kan Waaqayyoo ti, gorsuunii fi hubachiisuunis kanuma isaa ti*;

14wanta inni diige, namni tokko illee deebisee ijaaruu hin danda'u; nama inni balbala itti cufe irraa, namni tokko illee banuu hin danda'u;

15yoo inni bokkaa dhowwate, caamsaatu ta'a; yoo inni baay'isee gad isa dhiise, bishaan lafa in balleessa*;

16aangoonii fi ogummaan guutuun kan isaa ti, inni gowwoome, inni gowwoomfames lachuu kanuma isaa ti*

17Inni gorsitoota irraa, ogummaa isaanii in fuudha, qullaas gad isaan in dhiisa, abboota firdiis gowwoota in godha.[42]

18?Hidhata ulfinaa isa kan moototaa isaanittii hiikee, funyoo mudhii isaaniitti in hidha.

19Inni luboota qullaa isaanii gad in dhiisa, warra aboo cimaa qabanis gara in galcha*;

20warra amanamoo harkaa dubbii in balleessa, maanguddoonnis dubbii gargar baasanii akka hin hubanne in godha.

21Inni gurguddootatti salphina in fida, warra jajjaboos hidhannaa in hiikkachiisa*.

22Inni wanta dhokataa dukkana keessa jiru in mul'isa, dukkana sodaachisaa irrattis ifa in baasa.

23Saba lafa irraa baay'ee in guddisa, isaan in balleessas; saba lafa irraa in tamsaasa, biyyaas isaan in baasa.

24Inni geggeessitoota saba lafa irraa keessaa yaada in fudhata, lafa onaa karaa hin qabne keessas akka jooran in godha.

25Ibsaan waan hin jirreef dukkana keessa in qaqqabatu, akka nama machaa'ee akka isaan gatantaran in godha.[43]

>