12akkasuma namni in ciisa,deebi'ees hin ka'u;bantiiwwan waaqaa hamma dhabamanitti,namni hin dammaqu;yookiis hirriba isaa keessaa hin kaafamu*.[49]
13?Dheekkamsi kee hamma darbutti,iddoo lafa jalaa keessautuu ana dhoksite,akkan hin argamnes utuu goote,yeroo muramaa laattee utuu na yaadatte,attam gaarii dha!
14Namni erga du'ee deebi'ee in jiraataa ree?Hamma inni na furu dhufutti,baran dadhabbiidhaan lafa irra jiraadhu hundumaattiisa nan eeggadha;
15ati hojii harka keetii in yaadda;kanaafis ana in waamta,anis nan owwaadha.
16Amma tarkaanfii koo in lakkoofta,cubbuu koo immoo hin caqaftuu ree?
17Irra-dadarbaan koo korojoo keessa buufamee,itti cufamee,mallattoon itti in godhama;ati immoo yakki koo akka hin mul'anne in goota.