Macaafa Iyoob 15:1-35 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Eliifaaz Temaanichi deebisee,

2?Namni ogeessi beekumsa waa'ee hin baafneen deebii kennaa ree? Qilleensa ba'a-biiftuu isa gubaa garaa isaa in gutataa ree?

3Dubbii bu'aa hin qabneen, yookiis haasaa waa'ee hin baafneen in falmataa ree*?

4Ati garuu Waaqayyoon sodaachuu in dhiifte; irra deddeebitees waa'ee isaa yaaduu irraa in deebite.

5Yakki kee dubbii waan si barsiisuuf, ati akka warra haxxeetti dubbachuu fo'atte;

6dubbiidhuma keetu sitti farada, arrabuma keetus dhugaa si irratti ba'a malee, ana miti*.[50]

7?Nama lafa irraa hundumaa keessaa situ dura dhalatee ree? Ati gaarota dura uumamtee ree*?

8Akeeka Waaqayyoo isa dhokataa dhagesseettaa ree? Ogummaanis si'uma bira ga'ee dhaabatee ree*?

9Wanta nuyi hin beekne, maalfaa beekta? Wanta nuyi hin hubanne, maalfaa hubatta?

10Mataan isaanii harrii kan ta'e, warri lafa guuran, abbaa kee caalaa kan dulloomanis nu gidduu jiru.

11Si jajjabeessuun Waaqayyo yookiis suuta jedhee sitti dubbachuun isaa sitti xinnaatee ree*?

12Yaadni kee maaliif si fudhatee sokka? Aariidhaanis iji kee maaliif boba'aa?

13Inni Waaqayyotti si aarsee dubbii jabaa akkasii si dubbachiise maali?[51]

14?Namni maali iyyuu qullaa'aa ta'uu danda'aa ree? Yookiis nama ta'ee kan dhalate maali iyyuu, qajeelaa ta'uu danda'aa ree*?

15Kunoo, inni qulqulloota isaa iyyuu hin amananne, bantiiwwan waaqaas ija isaa duratti qullaa'oo miti erga ta'ee*,

16egaa yoos inni yakka hojjechuu akka bishaanii dheebotu, hammam ciigga'amaa fi manca'aa haa ta'u ree?[52]

17?Ani wantan arge nan dubbadha, isas sitti nan hima dhaggeeffadhu*!

18Innis wanta namoonni ogeeyyiin abboota isaanii irraa fudhatanii, utuu hin dhoksinis dubbatanii dha.

19Lafti isaan duwwaadhaaf kennamee ture, ormis isaan gidduu hin linne.

20Namni jal'aan guutummaa bara isaatii rakkinaan dadhabee in jiraata; nama nama sodaachisuufis bara muraasatu kaa'ameefii jira.

21Sagaleen nama naasisu gurra isaa irraa in iyya, utuu inni, ?Nagaa dha? jedhus saamtonni balaa isatti in buusu;

22egaa billaan isa in eeggata, deebi'ee dukkana keessaa akka ba'us hin abdatu;

23reeffi isaas irbaata allaattii in ta'a, badiisatti akka dhi'aates in beeka;

24rakkinnii fi mudamni akka mootii lolaaf qophaa'eetti isa irra in ba'u, isa in naasisus*;

25inni harka isaa Waaqayyo irratti waan ol fudhateef, isa hundumaa danda'u irrattis jabaa waan of fakkeesseef,

26boqu-jabinaan gaachana isaa isa yabbuu fudhatee isatti in fiiga*.[53]

27?Innoo fuulli isaa coomaan bobbokokeera, mudhiin isaas coomaan furdateera;

28inni mandaroota diigaman, manneen namni keessa hin jiraanne, warra diigamanii tuulamuuf jedhan keessa in taa'a*.

29Inni hin sooromu, badhaadhummaan isaa jabaatee hin dhaabatu; qabeenyi isaa hundee hin godhatu;

30inni dukkana duraa hin ba'u, arrabni ibiddaa damoota isaa in gogsa, hafuura afaan Waaqayyoo keessaa ba'uunis fuudhamee in sokka;

31gatiin isaaf kennamu wanta waa'ee hin baafne waan ta'uuf, inni wanta waa'ee hin baafne amanachuudhaan of hin gowwoomsin*!

32Yeroon isaa utuu hin ga'in in coollaga, dameen isaas hin lalisu;

33inni akka muka waynii isa ija isaa isa hin bilchaatin hurgufatuu ti, akka muka ejersaa isa daraaraa isaa harcaafatuu ti.

34Kutanni warra Waaqayyoon hin qabnee dhala hin godhatan, godoowwan warra gabbarsuu jaallataniis ibiddatu xaph godha.

35Isaan garaatti hammina in yaadu, wanti yaada isaanii keessaa ba'us rakkina in fida; yaada isaanii keessatti gowwoomsaa in qopheessu? jedhe*.[54]

>