1Yommus Iyoob deebisee,
2?Ani dubbii akkasii kana baay'ee dhaga'eera; isin hundumti keessan jajjabeessitoota rakkina dabaltanii dha*.
3Dubbiin waa'ee hin baafne dhuma qabaa ree? Yookiis ati maaltu si tuttuqnaan dubbattee dhiisuu didda?
4Utuu isin iddoo koo buutanii, anis akkuma keessan nan dubbadha, mataa koos isinitti nan raasan ture*;
5dubbii afaan kootiitiin isin nan jajjabeessa, arraba kootiinis dhukkubbii keessan nan salphisan ture.[55]
6?Ani yoon dubbadhe dhukkubni koo anatti hin salphatu, yoon obses homaa anatti hin fooyya'u.
7Amma garuu yaa Waaqayyo, ati na dadhabsiifteetta, warra anaa wajjin jiran hundumaa balleessiteetta;
8rakkinni koo na qabuun isaa dhugaa anatti in ba'a; huqinni koo ana irratti ka'ee mul'inatti dhugaa anatti in ba'a*;
9inni dheekkamsa isaatiin na tarsaasee, diinummaa anatti in argisiise, anattis in ciniinnate; diinni koo ija anatti in diimeffata.
10Namoonni afaan isaanii bal'isanii anatti in banan, ga'isaa maddii koo kabalan, tokko ta'aniis ana irratti wal ga'an.[56]
11?Waaqayyo warra kan isaa hin ta'initti na kenneera, harka warra jal'ootaa keessas na buuseera*;
12isatu na cabsee gargar na baase malee, ani of irraa bu'ee nan jiraadhan ture; inni morma qabee na caccabse; adabaaf kan itti akeekkatu na godhate*.
13Xiyyooliin isaa anatti marsan, Waaqayyo oo'a malee kaleewwan koo in tarsaasa, hadhooftuu koos lafatti in dhangalaasa*.
14Inni dha'icha irratti dha'icha anatti in dabala, akka loltuutti fiigichaan ana irra in ba'a.[57]
15?Ani uffata gaddaa hodhadheera, humna koos biyyoo keessa nan kaa'e*;
16fuula koo boo'ichatu bobbokokse, baalleewwan ija koos ana irra gara galanii lafa arguu na dhowwan;
17kana keessaa immoo humnaan nama irratti ka'uun na bira hin jiru, kadhannaan koos qullaa'aa dha*.[58]
18?Yaa lafaa dhiiga koo hin dhoksin! iyyi koos si biratti ukkaamamee hin hafin*!
19Kunoo, ammuma iyyuu kan dhugaa anaaf ba'u waaqa irra jira, waa'ee koo kan himus ol gara irraa jira*;
20firoonni koo anatti ga'isu, ani garuu Waaqayyotti boo'ee imimmaan nan dhangalaasa.
21Akka isa namaa fi nama walitti araarsuutti, namni namaa fi Waaqayyoon walitti araarsu utuu argame attam gaarii dha*!
22Waggaa muraasa duwwaatu hafa, kana booddee ani lafa hin galle dhaquu koo ti*.[59]