1?Hafuurri koo na keessaa yaa'uuf jetti, barri jireenya koo dhumeera, awwaallis anaaf qophaa'ee jira*.
2Dhuguma warri ga'iftuun na marsanii jiru, iji koos tuttuqaa isaanii irra buufatee jira.
3Anaaf qabsiisa kan ta'u of bira anaaf kaa'i! Si malee abdii kan anaaf ta'u eenyu ree*?
4Akka isaan hin hubanneef yaada isaanii jalaa dhoksiteetta, kanaaf akka isaan mo'an hin gootu;
5nama qabeenya firoota isaa hirmachuuf jedhee maqaa isaanii balleessu, iji ijoollota isaatii arguu in dadhaba.
6Waaqayyo, nama isa namni fuula isaatti tufu, nama hundumaafis muka mammaaksaa na godhe*.
7Gadda irraa kan ka'e iji koo arguu dhabe, bu'aan dhagna kootii hundinuus gaadidduu isaatu adeema.
8Namoonni yaada qajeelaa qaban kana in dinqifatu, namni balleessaa hin qabne warra Waaqayyo malee jiraatanitti in ka'a*;
9haa ta'u iyyuu malee, namni qajeelaan karaa isaatti in jabaata, inni harki isaa hin xuraa'inis humna dabalachaa in adeema.[60]
10?Hundumti keessan mee deebi'aatii yaalaa! Ani garuu isin gidduudhaa nama ogeessa hin argadhu.
11Barri jireenya koo darbeera, akeeki koo, hawwiin garaa koos karaatti in hafe.
12Jarri kun halkan guyyaatti in deebisu, yeroo dukkanaa'u immoo, ?Ifni dhi'oo dha? in jedhu*.
13Iddoo lafa jalaa akka mana kootiitti yoon ilaale, siree koos dukkana keessa yoon dhaabadhe,
14boolla qilleetiin, ?Ati abbaa koo ti?, raammoodhaanis, ?Ati haadha koo ti yookiis obboleettii koo ti? yoon jedhe,
15egaa yoos abdiin koo meerree ree? Abdii koo kanas eenyutu arga ree?
16Inni gara karra iddoo lafa jalaatti gad in bu'aa ree? Walii wajjinis biyyoo keessa gad in linnaa ree?? jedhe.[61]