1Kana booddee Biildaad Shu'aahichi deebisee,
2?Ati yoom dubbattee fixxa? Irratti dubbannaatii mee itti yaadi!
3Maaliif akka horii marga dheeduutti lakkaa'amne? Ija kee durattis maaliif akka gowwaatti ilaalamne?
4Yaa Iyoob, isa dheekkamsa keetiin mataa of irraa cirtu, lafti sababii keetiif haa ontuu ree? Yookiis kattaan iddoo isaatii haa butatuu ree?
5?Ibsaan nama jal'aa in dhaama, arrabni ibidda isaas hin ibsu;
6ifni dunkaana isaa keessatti hin ibsu, ibsaan isaas isa irratti in dhaama*;
7humni tarkaanfii isaatii in laafa, malli inni qopheesses isa in gufachiisa;
8miilli isaa kiyyootti isa in galcha, boolla keessatti qabamu irras in adeema;
9futtaasaan koomee isaa in qabata, meendoonis jabeessee isa in qaba;
10funyoon itti furga'ee isa qabu lafa keessa in dhokfame; futtaasaanis karaa irra in kaa'ameef;
11wanti nama naasisu karaa hundumaa isa in sodaachisa, isa duukaa bu'ees isa in ari'a*;
12humna isaa beelli in dadhabsiisa, badiifnis qophaa'ee isa in eeggata.
13Dhukkubni gogaa dhagna isaatii in fixa; dhukkubni sodaachisaanis harka isaa fi miilla isaa in nyaata*;
14dunkaana isaa isa amanatee keessa taa'u keessaa in buqqifama, gara mootummaa du'aattis in geeffama;
15kan isaa kan hin ta'inis dunkaana isaa keessa in jiraata, qe'ee isaa irras dhagaan boba'u in firfirfama.
16Jalaa hiddi isaa in goga, irraa immoo damoonni isaa in coollagu;
17seenaan isaa lafa irraa in bada, mandara keessaas maqaan isaa waan ittiin beekamu hin qabu*;
18inni ifa keessaa dukkanatti in darbatama, biyya lafaa keessaas ari'amee in baafama.
19Saba isaa gidduudhaa dhala yookiis sanyii hin qabu, iddoo inni jiraachaa tures kan baraarameef hin jiru*.
20Warri lixa-biiftuu wanta isa irra ga'e dhaga'anii na'anii in dinqifatan; warra ba'a-biiftuus naasuutu qabate.
21Eyyee! Qe'een warra Waaqayyo malee jiraatanii, iddoon nama Waaqayyoon hin beeknes akkas in ta'a? jedhe.[62]