1Yommus Iyoob deebisee,
2?Hamma yoomiitti lubbuu koo dhiphiftu? Hamma yoomiittis dubbiidhaan lafee koo cabsitu?
3Isin deddeebitanii na arrabsitan, isa dabaa ana irratti hojjettaniifis hin yeellaane.
4?Ani utuman dhuguma karaa irraa kaadheera ta'e iyyuu, balleessaa kootti anuma duwwaatu gaafatama;
5isin anatti yoo of gurguddiftan, rakkina anatti dhufe kanas sababii yoo godhattan,
6Waaqayyo anatti akka balleesse, kiyyoo isaas naannessee akka anatti xaxe beekaa!
7Ilaa, ?Humnaan ana irratti ka'e? jedhee yoon iyyadhe, deebii hin argadhu; yoon dhageessifadhes firdiin qajeelaan hin jiru*.
8Akkan hin darbineef karaa anatti cufeera, daandii koo irras dukkana dhaabeera*;
9inni ulfina koo ana irraa fuudhee, gonfoo koos mataa koo irraa buuseera.
10Karaa hundumaan na caccabse, anis badduu ba'eera; abdii koos akkuma mukaa buqqiseera*;
11dheekkamsa isaa ana irratti bobeesse, akka diina isaattis na ilaale*;
12loltoonni isaa wal duukaa dhufanii, karaa anatti baafatanii, naannoo dunkaana kootii in buufatan.[63]
13?Inni obboloota koo anattii fageesse, warri ana beekanis orma akka anatti ta'an godhe*;
14aantiin koo anattii citaniiru, firoonni koo warri anatti dhi'aatanis na irraanfataniiru*;
15warri ani mana kootti keessumsiise na irraanfataniiru, xomboreewwan koos akka ormaatti na ilaalan, isaan birattis alagaan ta'e.
16Ani hojjetaa koo nan waame, inni garuu na jalaa in dide; afaanii baasee isa kadhachuun na barbaachise.
17Hafuurri koo haadha manaa kootti in xiraa'e, obbolaan koos ana irraa in baqatan.
18Ijoolleen illee na tuffatu, yommuun ka'u isaan ana irratti in dubbatu.
19Firoonni koo warri ani amanadhu hundinuu na ciigga'an, warri ani isaan jaalladhus ana irratti in ka'an;
20gogaan koo foon kootti, lafee koottis in goge; foon ilkaan kootii duwwaatu iddoo jira*.
21Harki Waaqayyoo na rukuteeraatii, anaaf gaddaa, isin yaa firoota ko, anaaf gaddaa!
22Akkuma Waaqayyo na ari'atu maaliif isinis na ari'attu? Isin amma iyyuu na kukkutattanii hin quufnee ree?[64]
23?Maaloo, wanti ani dubbadhu kun caafamee, macaafatti utuu galfamee!
24Maaloo, bara baraan akka yaadatamaniif, sibiilaa fi dilaliidhaan kattaa irratti utuu qirixamanii!
25Furiin koo jiraataa akka ta'e, guyyaa booddeettis lafa irratti dhugaa baasuudhaaf akka inni ka'u ani beeka*.
26Gogaan dhagna kootii ana irraa qunca'ee, foonis dhagna koo irra hin jiru yoo ta'e iyyuu, ani Waaqayyoon arguuf jira.
27Ani ofii kootii isa nan arga; anumatu ija kootiin isa arga malee, kan biraa miti; ani garuu isa yaaduu irraa kan ka'e nan gaggabe*.
28?Hundeen dubbichaa ana biratti waan argamuuf, isin immoo, nuyi maaliif isa ari'anna?? in jettu;
29dheekkamsi, billaadhaan adabamuu waan fiduuf, isin ofii keessaniif billaa sana sodaadhaa! Firdiinis akka jiru beekaa!? jedhe.[65]