Macaafa Iyoob 20:1-29 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Zofaar Naa'imaatichi deebisee,

2?Ani deebii akkan kennuuf yaada kootu na giddisiisa, kanaafanis dubbachuudhaaf ariifadha.

3Arrabsoo isa ani ittiin salphadhe dhaga'eera, hafuurri ani ittiin hubadhu garuu deebii akkan kennu na godheera.

4?Erga bara durii durii yeroo namni biyya lafaa irratti uumamee jalqabee, dubbii akkasii kana bektaa ree?

5Sagalee gammachuu dhageessisuun warra jal'ootaa yeroo gabaabaadhaaf, gammachuun warra Waaqayyo malee jiraataniis hamma liphsuu ijaatiif;

6ol of qabuun isaa, dhedheerinni isaas waaqa bira ga'u iyyuu, mataan isaas duumessa yoo tuqe iyyuu,

7inni ofii isaatii raawwatee in bada; warri kanaan dura isa arganis, ?Meerree inni?? in jedhu*.

8Akka abjuu in dhabama malee, hin argamu; akka mul'ata halkaniis in bada*;

9iji kanaan dura isa arge, deebi'ee isa hin argu; iddoon isaas deebi'ee isa hin baru*.

10Ijoollonni isaa harka warra hiyyeessotaatii gargaarsa in barbaadu, harki isaas qabeenya isaa in deebisa;

11humni ijoollummaa isaatii inni lafeewwan isaa keessa guute, isaa wajjin biyyoo keessa in ciisa.[66]

12?Jal'inni afaan isaatii miyaa'ee, inni arraba isaa jala yoo dhokse iyyuu,

13afaanii baasuu jibbee, afaan isaa keessa yoo turse iyyuu,

14nyaati isaa garaa isaa keessatti in geddarama, isa keessattis hadhaa mar'ataa in ta'a.

15Inni badhaadhummaa in liqimsa, haa ta'u iyyuu malee, garaa isaa keessaa akka inni baasu Waaqayyo waan godhuuf, isa liqimse sana in diddiga.

16Hadhaa bofaa in xuuxa, hadhaan mar'ataas isa in ajjeesa;

17lagootaa fi bishaanota dammaa fi ittituu baasan hin argu*;

18wanta ofii itti dadhabes utuu hin nyaatin deebisee in kenna; bu'aa isa nagadee argatettis hin gammadu*.

19Warra dadhaboo caccabsee in dhiise, qooda mana ijaarrachuus humnaan in qabate.[67]

20Sasanni isaa isa irraa hin galle, garuu wanta itti gammadu keessaa tokko iyyuu hin oolffanne*.

21Inni waan qabu nyaatee in fixa, kanaaf qabeenyi isaa dafee in dhuma;

22danuu quufee geessifate kana keessaa, rakkinni isa irra ture; humni gadadoo isa irratti wal ga'a.

23Inni nyaatee garaa isaa in guutata, Waaqayyo immoo dheekkamsa isaa isa boba'aa isatti in erga; utuu inni nyaachaa jiruus, akka bokkaa isa irratti in roobsa;

24mi'a waraanaa sibiila irraa hojjetame jalaa in baqata, xiyyi sibiila borrajjii irraa hojjetame immoo isa in waraana;

25inni luqqifame karaa dugdaa isa in waraana, fiixeen isaa inni calaqisaanis hadhooftuu isaa keessa in ba'a; naasuunis isa in qabata*.[68]

26?Dukkanni guutummaatti dhokatee isa in eeggata, ibiddi hin dhaamnes xaph isa in godha; wanti godoo isaa keessatti hafes in dhuma.

27Bantiiwwan waaqaa yakka isaa in mul'isu, laftis isa irratti in ka'a;

28guyyaa dheekkamsa Waaqayyootti, qabeenyi mana isaatii akka bishaanii yaa'ee in darba.

29Egaa qoodni Waaqayyo nama jal'aaf kaa'u, ga'aan inni nama jal'aaf kennus kan akkasii ti? jedhe*.[69]

>