Macaafa Iyoob 22:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus Eliifaaz Temaanichi deebisee,

2?Namni Waaqayyoof bu'aa qabaa ree? Namni ogeessi illee ofii isaatiif bu'aa in argata;

3ati qajeelaa yoo taate, isa hundumaa danda'u in gammachiisaa ree? Karaa kee mudaa kan hin qabne yoo godhatte, inni waa in argataa ree*?

4Inni sababii ati isa sodaattuuf si ifataa ree? Sii wajjinis gara abbaa firdii in dhaqaa ree?

5Jal'inni kee guddaa dha mitii ree? Yakki kees dhuma qabaa ree?

6Ati akkasumaan obboleessa kee irraa qabsiisa fudhatte, warra qullaa adeeman irraas situ wayyaa baafate*;

7warra gaggaban bishaan hin obaafne, warra beela'anis midhaan in dhowwatte*.[74]

8?Lafti kan isa irree qabuu tii ree? Isuma ulfina qabutu isa irra jiraataa ree?

9Warra abbaan manaa irraa du'e harka duwwaa gad dhiifte, irree warra abbaan irra hin jirre immoo in caccabsite*.

10Kanaafis kiyyoon karaa hundumaa sitti naanna'ee jira, utuu itti hin yaadinis sodaan si rom'isiisa*;

11ati akka arguu hin dandeenyetti ifni kee in dukkaneeffama, lolaan bishaaniis si in liqimsa.[75]

12?Waaqayyo, bantiiwwan waaqaa hundumaa ol jira mitii ree? Urjiiwwan ol fagoo jiran hundumaas gad in ilaala mitii ree*?

13Kanaaf ati, ?Waaqayyo maal beeka? Duumessa dukkanaa'aa keessaanis faraduu danda'aa ree*?

14Inni akka hin arginetti duumessi gobbuun isa golgee jira, inni immoo gubbee bantii waaqaa irra in adeema? jetta.

15Ati garuu karaa isa durii, isa namoonni hamoonni irra adeeman irratti haftaa ree?

16Isaan iyyuu yeroon isaanii utuu hin ga'in in balleeffaman; hundeewwan isaaniis lolaadhaan in haraman*.

17Isaan Waaqayyoon, ?Nu irraa fagaadhu! Inni hundumaa danda'us maal nu godha?? jedhan*.

18Haa ta'u iyyuu malee, isumatu mana isaanii waan gaariidhaan guute, kanaaf mareen warra jal'ootaa ana irraa haa fagaatu*!

19Warri qajeelonni balleeffamuu warra jal'ootaa arganii in gammadu, warri balleessaa hin qabnes ga'oodhaaf itti in kolfu*.

20Isaaniinis, ?Dhugumaan hamajaajiin keenya lafa irraa badaniiru, wanta isaan irraa hafe immoo ibiddatu fixe? in jedhu.[76]

21?Waaqayyotti araarami, nagaatti jiraadhu! Kanaanis wanti gaariin siif in dhufa*.

22Seera afaan isaa keessaa ba'u fudhadhu, dubbii isaas garaa kee keessa kaa'adhu!

23Ati gara isa hundumaa danda'uutti yoo gara galte, deebitee in ijaaramta; ati jal'ina godoo kee irraa in fageessita*;

24warqee biyyoo keessa, warqee Ofiiris kattaawwan bishaan keessaa gidduu yoo keesse,

25inni hundumaa danda'u immoo warqee kee fi meetii kee isa gati-jabeessa yoo siif ta'e,

26yommus ati isa hundumaa danda'utti in gammadda, yeelloo malees mataa kee gara Waaqayyootti ol in qabatta*.

27Isa in kadhatta, innis siif in dhaga'a; ati immoo wareega kee in baafta*.

28Wanti ati murtoo gootu dhaabataa siif in ta'a; ifnis karaa keetti in ifa.

29Isa of gurguddisee baannatu Waaqayyo gad in deebisa, isa gad deebi'aa immoo in oolcha*;

30inni nama balleessaa qabu iyyuu in oolcha; ati garuu sababii harki kee hin xuraa'iniif in oolta? jedhe*.[77]

>