Macaafa Iyoob 23:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee Iyoob deebiseefii,

2?Aaduu keessa ba'ee yoon iyye iyyuu, rukuttaan isaa anatti cimee waan jiruuf, har'as immoo dhibeen koo hadhaa'aa dha.

3Lafan itti isa argu utuun beeke, gara teessoo Waaqayyoos utuun dhaqe,

4silaa dhimma koo isatti nan dhi'eeffadha, afaan koo guutees isatti nan dubbadha;

5ani wanta inni anaaf deebisu nan bara, wanta inni anaan jechuuf jirus nan hubadhan ture.

6Inni humna isaa isa guddaadhaan xiiqii naan qabataa ree? Waawuu, inni dhugumaan anaaf in dhaga'a.

7Namni qajeelaan Waaqayyo duratti in falmata, anas immoo Waaqayyo abbaan firdii koo raawwatee gad na dhiisa.

8?Kunoo, ani gara ba'a-biiftuutti yoon adeeme, inni achi hin jiru, gara lixa-biiftuus yoon dhaqe, isa hin argadhu;

9gara bitaatii inni in hojjeta, ani garuu isa hin argu; inni gara mirgaatti gara in gala, ani garuu isa arguu hin danda'u.

10Haa ta'u iyyuu malee, inni karaa koo in beeka, yeroo inni qoree na ilaaluttis akka warqeetti nan ba'a*.

11Miilli koo jabaatee faana isaa duukaa bu'eera, karaa isaa qabadheera, isa irraas hin jal'anne.

12Abboommii afaan isaa keessaa ba'u irraa ani hin fagaanne, wanta inni dubbates yaadatti qabadheera*.[78]

13?Yaadni Waaqayyoo kophaa dha, eenyu iyyuu isa geddaruu hin danda'u; inni wanta barbaade in godha*.

14Inni wanta waa'ee kootiif murtoo godhe in raawwata, sanyiin akkasii akeeka isaa keessa baay'ee dha*.

15Kanaafis ani isa duratti nan na'a, yeroon waa'ee isaa yaadus nan sodaadha*.

16Waaqayyo laphe-laafessa na godhe, humna isaa isa hundumaa danda'uunis na naasise.

17Kana keessaa immoo ani dukkana sanaan, dukkana limixii isa fuula koo golguun calluma hin jechisiifamne.[79]

>