18?Namni hamaan akka baalaa salphateebishaaniin in fudhatama;namni karaa iddoo waynii isaatiiakka hin baanetti,lafti qooda isaatii abaaramaa dha;
19akkuma gognii fi bulluqnicabbii baqe fudhatee fixu,iddoon lafa jalaascubbamoota akkasuma in godha*.
20Gadameessi isaan baatee isaan in irraanfata,raammoon isaan in dhota,deebi'aniis hin yaadataman,akkasitti jal'oonni akka mukaa in caccabu*.
21Isaan dubartii dhabduudhala hin godhanne irraa in nyaatu,ishee abbaan manaa irraa du'eefiswaan gaarii hin hojjetan.
22Haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo immoo aangoo isaatiinwarra humna-qabeeyyii in harkisa,isaan in ka'ugaruu jireenya amansiisu hin qaban.
23Waaqayyo bir'aa maleekan itti hirkatan in kennaaf,garuu ija isaa karaa isaanii irraa hin buqqifatu;
24yeroo xinnoodhaaf ol in kaafamu,kana booddee garuu hin jiran;isaan akkuma warra kaanii hundumaagad in deebifamu, in sassaabamus,akka mataa midhaaniis in coolligu.
25Kun yoo akkas ta'uu dhabaate immoo,na sobsiisee, dubbiin koos homaatti akka hin gallekan godhu eenyu ree?? jedhe.[84]