1Kana booddee immoo Biildaad Shu'aahichi deebisee,
2?Mootummaanii fi sodaatamuun kan Waaqayyoo ti, inni bantii waaqaa isa ol ka'aa irratti nagaa in buusa.
3Loltoonni isaa lakkoobsa qabuu ree? Ifni isaa eenyu irratti ba'uu dhiisa ree?
4Egaa attamitti namni Waaqayyo duratti qajeelaa ta'uu danda'a ree? Namni nama ta'ee dhalates attamitti qullaa'aa ta'uu danda'a ree*?
5Kunoo, isa duratti ji'i illee ifaa miti, urjoonnis qullaa'oo miti*;
6kana caalaatti immoo namni inni bunqursaan, ilmoon namaa inni raammoon, hammam haa xinnaatu ree?? jedhe*.[85]