1Yommus Iyoob immoo deebisee,
2?Ati nama humna hin qabne maal maal gargaarte! Nama irreen isaa hin jabaatinis maal maal oolchite!
3Isa ogummaa hin qabne maal maal gorsite! Akeeka beekaas baay'iftee beeksifte!
4Ati eenyuu wajjin dubbatte? Hafuura eenyutuus afaan kee keessaa dubbate?
5?Ekeraan warra du'anii lafa jalaa, warra achi jiraatanii wajjin sodaadhaan in rom'isiifaman.
6Iddoon lafa jalaa Waaqayyo duratti qullaa in ta'a, lafti badiisaas golgaa hin qabu*.
7Waaqayyo golee gara bitaa lafa duwwaa irra in diriirse, biyya lafaa immoo homtuu utuu jala hin jiraatin in rarraase.
8Duumessa isaa isa gobbuu keessatti bishaan in ittisa, duumessichis bishaanicha jalaa hin tarsaane.
9Inni duumessa isaa irra diriirsee, fuul dura teessoo isaa in dhoksa.
10Ifaa fi dukkana gargar baasuudhaaf, inni irra-bishaanii irratti naannessee daarii godheera*;
11utuboonni bantii waaqaa in rom'u, yeroo inni ifatus na'anii of in wallaalu;
12inni irree isaatiin galaana gab godhe, hubannaa isaatiinis Rahaab jawwee galaanaa sana in rukute*;
13qilleensa isaatiin bantii waaqaa in qulleesse, harki isaas bofa baqachaa jiru in waraane.
14Kunoo, isaan kun fiixee hojii isaa tii, isa nuyi waa'ee isaaf hasaasa xinnoo hammamii dhageenyu duwwaa dha; kakawwee humna isaa garuu eenyutu hubata ree?? jedhe.[86]