1Ammas Iyoob dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu itti fufee,
2?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa isa firdii na dhowwatee, isa hundumaa danda'uu, isa jireenya koo anatti hadheessee,
3ani hafuurri koo hamma na keessa jirutti, hafuurri Waaqayyoos funyaan koo keessa hamma jirutti*,
4afaan koo hamaa hin baasu, arrabni koos soba hin dubbatu*;
5isin, ?Dhugaa qabdu? jechuun ana irraa haa fagaatu! Ani immoo hamman du'utti balleessaa malee jiraachuu koo irraa hin deebi'u.
6Ani qajeelummaatti nan jabaadha malee, gad hin dhiisu; bara jireenya koottis garaan koo ana hin ceepha'u*.[87]
7?Diinni koo akka warra hamootaa, inni ana irratti ka'us akka warra jal'ootaa haa ta'u!
8Yeroo Waaqayyo isa balleessu, yeroo inni lubbuu isaa keessaa baasus, abdiin nama Waaqayyo malee jiraatu maal ta'inna laata*?
9Yeroo rakkinni isatti dhufu, Waaqayyo iyya isaa in dhaga'aa ree?
10Inni immoo isa hundumaa danda'utti in gammadaa? Yeroo hundumaas Waaqayyoon in waammataa ree*?
11Ani waa'ee humna Waaqayyoo isin nan barsiisa, wanta isa hundumaa danda'u bira jirus ani hin dhoksu.
12Kunoo, isin hundumti keessan iyyuu isa kana argitaniittu, egaa maaliif akkasumaan waan waa'ee hin baafne dubbattu ree?[88]
13?Qoodni namni jal'aan Waaqayyo biraa argatu, dhaalli namni cunqursituun isa hundumaa danda'u biraa fudhattu kanatti aanee kan jiru dha*;
14ijoolleen isaa yoo baay'atan iyyuu billaadhaaf in ta'u, dhalli isaas buddeena quufee hin nyaatu*.
15Warri baraaraman du'anii in awwaalamu, haadootiin hiyyeessaa isaanii isaaniif hin boo'an.
16Inni meetii akka biyyootti yoo tuule, uffatas akkuma xuuphiitti yoo wal irra naqe illee,
17kana gochuu in danda'a, garuu isa qajeelaatu isa uffata, warra balleessaa hin qabnetus meeticha hirmata*;
18manni inni ijaaru akka mann'ee simbirroo, akka gaaddisa eegduun dhaabbatuu tis.
19Badhaadhaa ta'ee in ciisa, garuu itti hin deebi'u, ija isaa yommuu banatus badhaadhummaan isaa hin jiru.
20Naasuun akka lolaatti isa irra in ba'a, halkanis bubbeen isa fudhatee in sokka.
21Qilleensi gara ba'a-biiftuu inni gubaan isa fuudhee in adeema, harees iddoo isaatii isa in baasa; innis in sokka.
22Humna qilleensichaa jalaa ba'uudhaaf, ija mataa hin qabneen in baqata, qilleensichis oo'a malee isatti in bubbisa.
23Inni isa irratti harka isaa walitti in rurrukuta, iddoo isaatiis isatti in ga'isa? jedhe.[89]