Macaafa Iyoob 28:1-28 GAZB1997 - Bible AI

1Dhuguma boolli meetii keessaa qotan, lafti warqee itti baqsanis jira.

2Sibiilli lafa keessaa in baafama, sibiilli diimaanis gordana keessaa in yaafama*.

3Namni hamma golee, daarii dukkanaatti in adeema, gordana, gaaddisaa fi dukkana limixii keessaa barbaaduufis, hamma dhuma isaatti in fonqolcha;

4namoonni lafa namni jiraatu irraa fagaatanii, iddoo miilli kara-adeemaa achi irra ba'uu dhiisetti, qaawwa ittiin gad lixan qotatanii, nama irraa fagaatanii rarra'anii, asii fi achi in furduddaa'u.

5Lafa keessaa nyaatatu ba'a, jala isaatii immoo wanta akka ibiddaatu ol gara gala.

6Gordana isaa keessaa Safiirostu ba'a, biyyoon isaas daakuu warqee of keessaa qaba.

7Karaa sana allaattiin fooniin jiraatu hin beeku, iji culullees isa hin argine.

8Bineensonni surraa qaban achi hin ejjenne, leencis achiin hin darbine.[90]

9?Namni harka isaatiin kattaa jabaa in cabsa, tullootas hundeedhaan gara in galcha.

10Inni dhagaa keessa qotaa in baasa, iji isaas wanta gati-jabeessa hundumaa in arga.

11Ijoon burqituu akka hin lolaafneef in ittisa, wanta dhokataa immoo bakkeetti in baasa.

12?Garuu ogummaan eessatti argama? Iddoon hubannaas eessa?

13Ogummaan biyya namoonni jiraatan keessatti hin argamu, namnis gatii isaa hin beeku.

14Callabboon, ?Ogummaan ana keessa hin jiru? jedha, galaannis, ?Ana biras immoo hin jiru? jedha.

15Inni warqee qullaa'aadhaan hin argamu, gatiin isaas meetiidhaan hin safaramu.

16Gatiin isaa warqee Ofiiriin, Sardoniikis isa gati-jabeessaan yookiis Safiirosiin hin shallagamu.

17Warqeenii fi of-ilaaleen ittiin hin qixxaatu, mi'i warqee qullaa'aas geddaraa isaa hin ta'u.

18Gatiin ogummaa callee gati-jabeessa irra, elellaan diimaa irras in caala'o;

19inni ?Xophaaziyon? isa jedhamu isa kan Itiyoophiyaatti hin fakkeeffamu, warqee qullaa'aadhaanis gatiin isaa hin shallagamu*.[91]

20?Egaa ogummaan eessaa dhufa ree? Iddoon hubannaas eessa ree?

21Inni ija warra jiraatanii hundumaa duraa dhokateera, simbirroota qilleensa keessa balali'an duraas miliqeera.

22Iddoon badiisaa fi duuni, ?Nuyi oduu isaa duwwaa gurra keenyaan dhageenye? in jedhu.

23Waaqayyo karaa ogummaatti geessu in hubata, iddoo isaas isuma duwwaatu beeka.

24Inni lafa hamma dhuma isaatiitti waan ilaaluuf, wanta bantiiwwan waaqaa jala jiran hundumaa in arga.

25Qilleensa miijanaan, bishaanotas qodaadhaan yeroo safare*,

26bokkaadhaaf seera, balaqqeessa kakawweefis karaa yommuu baase*,

27yommus inni ogummaa ilaalee, ibsa itti in kenne; cimsee isa dhaabe, qoree isa ilaales.

28Namaan immoo, ?Kunoo, Waaqayyoon sodaachuun ogummaa dha, waan hamaa irraa goruunis hubannaa dha?? jedhe*.[92]

>