1Iyoob dubbii isaa isa yaada gad fagoo of keessaa qabu sana ammas itti fufee,
2?Maaloo, ani akka ji'oota darbanii, isa akka bara Waaqayyo na eegaa turee utuun ta'e*!
3Yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ifee, dukkana keessas ani ibsaa isaatiin adeeme*,
4bara koo isa guutuu sanatti, yeroo eegumsi Waaqayyoo godoo koo irra ture,
5yeroo inni hundumaa danda'u anaa wajjin ture, yommuu ijoolleen koo na marsanii turan,
6yeroo ani qabeenya keessa ba'ee itittuudhaan faana koo dhiqadhe, yommuu kattaan dhadhaa ejersaa anaaf yaase*,[93]
7?Yeroo ani gara karra kellaatti ba'e, yommuun lafa wal ga'ii sanatti taa'umsa koo qopheeffadhe,
8dargaggoonni na arganii karaa irraa goran, jaarsoliinis ka'anii in ijaajjan*;
9gurguddoonni dubbii afaanitti qabatan; harka isaaniitiinis afaan isaanii qabatan.
10Sagaleen dura-buutotaa cal jechisiifame; arrabni isaaniis laagaa isaaniitti in maxxane.
11Gurri na dhaga'e, ?Baga gammadde!? naan jedhe, iji na arges anaaf dhugaa ba'e.
12Ani hiyyeessa iyyatu, isa abbaan irra hin jirre gargaarsa hin qabnes fureera'o*.
13Namni du'uuf jedhe na eebbiseera, dubartii abbaan manaa irraa du'es garaan ishee akka ililchu godheera.
14Ani qajeelummaa akka uffataatti nan uffadhe, innis anatti uffifame; firdiinis akka qoloo fi akka marata mataa ture*.
15Ani warra jaamotaaf ija, warra naafotaafis miillan ture*;
16ani isa deegaadhaaf abbaan ture, dhimma nama ani hin beeknees duukaa bu'ee nan baasaafan ture*;
17ani qarriffaa nama jal'aa cabse, isa inni qabate qaaruu isaa keessaa buuseera*.[94]
18?Yommus ani yaada kootti, ?Bara koo akka cirrachaa nan baay'ifadha, godoo koo keessattis nan du'a;
19hiddooliin koo yaa'anii bishaan bira in ga'u, halkan guutuus fixeensi damoota koo irra in buufata*;
20ulfinni koo akkuma haaraa ta'etti in hafa, iddaan koos harka koo keessatti in haareffama? nan jedhe*.[95]
21?Namoonni eeggatanii na dhaggeeffatan, gorsa koo dhaga'uufis calluma jedhan.
22Erga ani dubbadhee, isaan hin dubbanne; dubbiin koo immoo gurra isaaniitti cophe.
23Isaan akka nama bokkaa eeggatuutti, akka nama bokkaa arfaasaa eeggatuuttis, afaan isaanii bananii na eegattan.
24Yeroo isaan amanuu dadhabanitti ani isaanitti nan kolfe; isaan fuula koo isa ifaas lafa hin ilaalchifne.
25Ani karaa isaaniif fo'ee, akka dura-buutuutti nan taa'e; akka mootii loltuu isaa gidduu jiruutti, akka isa warra gaddan jajjabeessuttis nan jiraadhe.